Hagayya 1,2016 Hararge.

Aside

Harage

“WBOn Dhufte Biyya Gadhiisaa,Qeerroon Dhufte Biyya Gadhiisa” Jedhu Gootonni Qeerroo FXG Godina Harargee.

Aside

Hagayya 1,2016 , Alaabaa ABO Qabachuun Harargee Lixaa Magaalaa Baddeessaa Keessatti Gootonni Qeerroo Bilisummaa FXG Gaggeessaa Jiru

Aside

Qeerroo Bilisummaa Hagayya 1,2016 FXG Magaalaa Dadar Keessatti Ta’aa Jiru.

Aside

Dadar Hagayya 1

Hagayya 1,2016 Qeerroon Godina Harargee Gootummaa fi Onnee Abbootii Isaan Diina Dura Dhaabbataa Jira.

Aside

Qeerroon Godina Hararge Bahaa Magaalaa Dadar Keessatti Osoo Waraanni Itti Dhukaasuu Alaabaa ABO Qabachuun “Oromiyaa Ka’i” Jechaa FXG Gaggeessaa Jiru.

Aside

Hagayya 1,2016 FXG Godina Harargee Lixaa Magaalaa Baddeessaa Keessatti Gaggeefamaa Jiru.

Aside

Qeerroo Baddeessaa Qeerroo Badessa

Aside

Sochii FXG Godina Wallaggaa Aanaa Jaarsoo Keessatti Adoolessa 31 irraa eegalee jiruun wal qabatee Oromoonni hedduun mana hidhaa Wayyaanee bakki hin beekamnetti guuramaa jira. Gabaasi Qeerroo akka addeessutti kanneen keessaa:-

1 Barsiisaa Ifaa Hailee

2 Obbo Taraqeeny Mitiku

3 Fasikaa Taraqeeny

4 Iyyaasuu Caalii

5 Amushee Qana’aa

6 Mika’eel Abajee

7 Waqatolaa Faayyisaa

8 Alamuu Biranuu

9 Habtamuu Oljirraa

10 Idosaa walaleeny

11 Magarsaa Wagaarrii

12 Obsii
yoo ta’u manen jireenyaa uummaatas hedduun isaa sakkatama jira..humnnii warannaa wayyannees..bakka birraa irraa gara magaalichattii fe’amuun uummataa jeeqa jiru…

Gootonni Godina Harargee,Arsiitti fi Naannoo Oromiyaa Kaan FXG Itti Fufuudhaan ABOtu Nu Bulcha Jechaa Dhadachaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gootota Awadaay Adoolessa 31,2016

Mootummaan Wayyaane gaaffii uummata kara nagaatiin  gaaffii abbaa biyyummaa dhiyeessaa jiruuf dirree waraanaa gochuun uummmatarratti dhukaasni wal irraa hincinne banamee jria. Godina Harargee fi Arsii lixaatti baatii 8f kan wal irraa hin cinneen itti fufee jiru Kaleessa Adoolessa 30 fi  31 FXG itti fufuu irraan dhukaasni guddaan uummata irratti banamee jiraatuun Qeerroon kan gabaasu yoommuu tahu har’s itti fufuudhaan namootni 26 ol kan rukutamanii fi namootni 7 ol ajjeefamuun kan gabaafame yoommuu tahu ummanni dhukaasa meeshaaf osoo booda hin deebihin FXG itti fufanii mirga isaanii falmachaa jira.
Halkan kanas FXG godina Harargee lixaattis itti fufuudhan wal qabatee akkasuma naannoo Arsiiittis uummanni FXG itti fufuudhaan waajjiraleen OPDO fi Manneen jireenya kaabinoota hedduus gubataa akka jiru gabaafamee jira.
Halkan kana aanaa Awwaaddaayi dirree waraanaa tahuudhaan humni waraana agaazii jedhamu sun weeraree jira. Dhaadannoon uummataa ammas itti fuduudhaan
Oromiyaa qabsoo keenyaan bilisa ni baasna
Ajjeefamnus haga dhunmutti mirga keenyaaf falmachuu hin dhiisnu
FXG hanga bilisummaatti deebii hin qab
Gumaa ajjefamanii ni baasna
Dhiigni dhangala’e bilisummaa mirkaneessa
Oromia shall be free
Jechuun halkan sa’a 3 kaasuun FXG itti fufuun uummanni bahee godina Harargee bahaa ona Awwaadayitti jabaatee jira. Injifannoo gurguddaanis galmaawaa jira.