Ebla 16,2016 Suurri mul’atu kun magaalaa Finfinnee irraa gara Shaggar Kibba Lixaa Walisootti kan imalu yeroo ta’u, konkolaattonni naafxaa dhabanii magaalaa Sabbataa keessatti dhaabbachuun karaa darbaa wal danqanii jiru! Kun karoora guddinaaf tiraanisfoormeshinii marsaa lamaaffaa Wayyaaneeti!

Aside

IMG_20160416_053012 IMG_20160416_053056 IMG_20160416_053321 IMG_20160416_053409

” Fincila Hangafaa Nutu Itti Fufaa” Artist Eebbaa Waaqwayyaa/Wallee Warraaqsaa Ebla 2016

Aside

Ajaja Tika Wayyaaneen Labsi “Caffeen” DhDUO Baasu Kamuu Ummata Oromoo Bakka Bu’uu hin danda’u

Aside

ABO

Ajaja Tika Wayyaaneen Labsi “Caffeen” DhDUO Baasu Kamuu Ummata Oromoo Bakka Bu’uu hin danda’u

(Ibsa ABO Irraa Kenname)

Manni Marii “DhDUO” “Caffee Oromiyaa” jedhamu Labsii Magaalota Oromiyaa daddabaa Mudde bara 2015 darbe baase Walgahii Idilee turban dabre taa’ee jedhameen keessa deebi’ee ilaalee qabxiiwwan garii qajeelchee garii immoo haqe jechuun beeksisee jira. Haa ta’u malee dhaabi damee tikaa Wayyaanee Oromiyaa irratti diriifame kun dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti seera tumuufis ta’e labsii kamuu baasuuf mirgas ta’e bakka bu’ummaa ummataa tokko ille hin qabu.

“DhDUOn” dhaaba Damee Tikaa TPLF, Wayyaaneen, bowwaa Tigraay, Adeet, jedhamu keessatti booji’amtoota waraana Dargii irraa dhalchite ta’uu har’a Oromoon hin beekne hin jiru. Caasaan ergamtoota Wayyaanee kun, takkaa ummata Oromoo biratti fudhatama argatee hin beeku. Akeekni inni ijaarameef Oromiyaa keessatti bakka bu’aa ykn misilanee Wayyaanee ta’ee dantaa TPLF tiksuuf malee, fedhii fi dantaa Oromiyaa kabajchiisuuf miti. Ija-jabeessa irraa sirbi hin fokkisu isa jedhan ta’ee waan ummata Oromoof hin hojjetin hojjedhe jedhee galgalaa fi ganama waan hin jirre kijibuu malee takkaa fedhii fi dantaa saba Oromoof dhaabbatee hin beeku. Sagalee ummata Oromoo ta’ee dubbatee hin beeku. Dubbachuus hin danda’u. Sababi isaas akeeka sanaaf hin ijaaramne.

Sabboontotni OPDO keessaa kumaatamaan lakkaawaman haala kana wayyeessuuf hedduu dhama’an ofiifuu irbaata Wayyaanee tahuuni fi jireenya isaanii irraa manca’uun yaaliin isaanii bakkeetti hafe. Jaarmayaa kana dantaa Oromoof oolchuuf ammaan booda abdiin tokko illee akka hin jirre sabboontotni OPDO keessa jiran abdii kutatuun dhugaa kana tolchanii beeku. Murni DhDUO jedhamu kun, caasaa basaasaa fi meeshaa siyaasaa TPLF, Wayyaaneen, ummata Oromoo ittiin to’achuuf ijaarratte dha.Ibsa ABO 15-04-2016

Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee Wallee Hawwisoo Qeerroo Haaraa

Aside

Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Wallagga Magaalaa Najjoo

Aside

Najjoo

Ebla 15/2016 Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee FXG Oromiyaa Bakkoota Adda Addaa Keessatti Itti Fufee Oole.

Aside

Itti fufaEbla 15,2016 Guyyaa Gootota Oromoo wal qabsiisuudhaan har’a Ebla 15,2016 FXG Oromiyaa manneen barnootaa garagaraatti itti fufee oole. Godina Shaggar Kibba lixaa aanaa Wancii magaala Wancittii dhaadannowwan
– Kaayyoo wareegamtootaaf dhaabbanne dhaamsa isaanii galmaan geenya
– Barnooti Bilisummaa Booda!
– Bilisummaan hamam mirkanaa’utti barataan mana barumsaa akka hin galle
– Hojjetaan mootummaa hojii haa dhaabu
– Fincilli uummataa itti haa fufu
Waraqaan hedduun dhibbaan lakkaawamu har’a magaalattii keessatti barattootaan Qeerroodhaan bittimfamee ooleera. Haaluma kana fakkaatuun Godina Harargee Lixaa aanaa Habiroo ganda Lagabeera jedhamutti FXG Marsaa 5ffaan Itti Fufuu Qaba jedhu waraqaan ganda kana keessatti har’a bittimfamee jira. Godinaalee Oromiyaa guutuummaatti manneen barnootaa yuuniversitii dabalateen guyyaa waraqaan adda addaa fi FXGs itti fufee ooleera.

Oromiyaa dabalatuun naannoo Amaaraa fi godina Shaggar kaabaa hammatee fincilli jabaate oole. Yeroodhaa yeroottis kan gabaafamu naannoo Amaaraa shawaa kaabaa aanaa Antsaakiyaa Gamzaa ganda Kamaajatee jedhamutti fincilli eegale jji’a tokko ol kan lakkaawu daandiin cufamuudhaan hojjetaan mootummaakamuu hojii dhaabuu akka qabu uummanni hojjetoota motummaaf waamicha taasisee jira.
 

Ebala 15,2016 Yuuniversitii Ambootti FXG guyyaa lama dura kan eegale har’as GGOn wal qabsiisuudhaan mooraan yuuniversitii Amboo fi Awwaaroo FXG finiinsaa oolaniiru. Guyyaa lama dura rakkoo bishaan dhugaatiin wal qabatee Finclli mooraa Yuuniversti Ambootti ka’een waraanni Wayyaanee naannicha buufatee tureen barattootni dhagaadhaan lola waraana Wayyaane irratti bananii jiru itti fufuudhan har’a
– Qeerroon Oromoo ka’i
– FXG itti fufa!
– Ilmaan hidhuu fi ajjeesuun akkasuma reebicha haa dhaabbatu
– Akka eegalletti FXG ni xumurra!
Barruuwwan dhaadannoowwaniin bittimfanii oolaniiru. Magaalaa fi mooraa keessa kan faca’e waraqaaleen garagaraa heddumiinan mul’atee akka jiru Qeerroon gabaasee jira. Magaalaan Amboo yeroo kana humna waraanaan marfamtee kan jirtu uummannis FXG itti fufuu haala duree isaa xumuratee barattoota walin marsaa 5ffaaf of qopheessaa jiraachu Qeerroon gabaasaa jira.

Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo fi Qeerroo Oromiyaa.

Aside

Oromiyaa

Godina Harargee Awadaay Keessatti Gootonni Qeerroo Bilisummaa Walitti Dhufuu Guyyaa Gootota Oromoo Kabajatan.

Aside

awa awaaa Awadaa AwadaayGuyyaa har’aa ayyaana yaadannoo Gootota Oromoo godina Harargee Aawwadaay keessatti gootota Oromoo Qeerroon Bilisummaan bifa qindaawaan kabajame.Gootonni Qeerroon tarsiimoo qabsoo hegeree irratti mariyachuun waadaa saba Oromoo gabrummaa jalaa baasuuf qabanis dachaa haaromsan.

Barattooti Oromoo Yuniversitii Wallaggaa Diddaa Sirna Wayyaanee Irraa Qaban Itti Fufan.

Aside

Ebla 15,2016 Gabaasi Qeerroo Yuunibarsiitii Wallaggaa akka ibsutti ,Barattoonni Yuunibarsiitichaa fincila xumura garbummaa itti fufuun dhaadannoolee garagaraa facaasuun balaaleffaanna mootummaa xinnoo kanaaf qaban itti fufanii jiru

Guyyaa dhuma har’aa kana magaalaa Naqamtee keessatti manni barumsaa Calalaqiitti Barattoonni argaman fincila xumura garbummaa uummata magaalichaa wajjin kan adeemsisaa olan yeroo ta’u, galgala kana immoo Barattoonni Yuunibarsiitii Wallaggaa Naqamtee itti fufanii jiru!

Bu’uurri fincila kanaa imaammati barnoota Yuunibartichaa waggoota kudha tokko darbaniif  imaammata itti fufiinsaa yeroo ta’u, dhiibbaa fincilli Oromoo irratti fideen yuunibarsiitichi yeroo gabaabaatti miid exam(qormaata gidduugalaatti kennamu) fudhadhaa jechuu isaatiini

Kanaan dura sirna barnootaa itti fufaa (continuous assessment) kan hordofan Barattoonni kun ammuma kaane imaammata barnoota boodatti hafaa jedhameen imaammata jijjiirtanii qormaata nuuf him laattan jechuun,waraaqaalee jibbiinsa sirnichaaf qaban yuunibarsiiticha keessa yeroo barattoonni raabsanitti,humni waraanaa mooraa Yuunibarsiitii Wallaggaa weeraruunis beekameera

Barattooti dhaabbatichaas,guyyaa ayyaana goototaatiin wal qabsiisanii barnoota homaa akka hin hordofin beekeeraam!

Guyyaan Yaadannoo Gootota Wareegamaanii Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaan Haala Bareedaan Kabajame.

Aside

ggggo Ggo IMG_20160415_152124 ydo

Ebla,15,2016 Uumaan uumama hundumaa gaafa uume.Bakka jireenyaa wantoota
jireenyaaf barbaachisanii waliin addunyaa kana simachiisa.Nuunis
akkasuma Uumama isaa keessaa tokko nu taasisee Biyya Barreedaa maqaan isa OROMIYAA jedhamtu nubadhaase.Bareedinniif qabeenyi biyyoof biyyaa keenyaa hinaafsisee Ollota keenya hedduu dhiphisa.Of harkas galfachuu sochii garaagaraa fii mala hedduu fayyadamaa kan as ga’an mootummoonni Ollaa keenyaa Xophiyaanoonni jarraa tokkoof walakkaf Uummata Oromoof sabaafii sablammii Biyyattii hedduu gabrummaan haguuganii haa bulchaan malee.Jabinaaf gootummaan Uummata Oromoo mirgasaa deeffachuuf qabsoo hadhooftuu keessa akka turee fii qabsoo bu’aa gameessisiuf jetturra gahuunsaa wal nama hin gaafachiisu Kanas deebifachuuf biyyaasaatti daangaa godhatee abbuummaan akka irra jiraatuuf biyyasaaf qabsaa’ee kan Lubbuun darbe,Lafee cabee fii dhiigaa itti lolaase hedduudha.Guyyaan har’aa kunis nuun Uummata Oromoo biratti guyyaa adda taateef Jaalleewwan of cinaa dhabne guyyaa itti yaadannu taatullee unuun dhaloota qubee har’aa akkamiin akka Kaayoof Haawwiisaanii ganamaa galmaan geenyu itti yaaduun nurra jiiraata.
Nutis gama keenyaan Qeerroon Yuunibarsiitii Jimmaa guyyaa Yaadannoo nutti taate kanarra dhaabbannee maal dalaguuf maal taasisuu akka qabnu irratti marii xumurree jirra.