Mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo Yuniverstii Jimmaa Irratti Yakka Guddaa Raawachaa Jiraachuu Qeerroon Saaxile.

Aside

IMG_20160329_115232 IMG_20160329_115315 IMG_20160329_115331 IMG_20160329_115509Ebala 1,2016 Mootummaan Wayyaanee Yakka Barattoota Oromoo Irratti Hojjetu Itti Fufuun Yuniverstii Jimmaa Keessatti Seeraa Ala Hiriira Mormii Baatan Jechuun Ragaa Sobaa Waammatee Adabbii Maallaqa Guddaa fi Murtii Hidhaa Barattootatti Murteessaa Jiraatu iyyuu FXG Itti Fufee Jira..

Magaalaa Jimmaa Keessatti Sochii Qeerroon Mirga Abbaa Biyyummaasaaf Taasisaa Jiru Daran Babal’ate

Aside

Ebla 1,2016 Jimma
FXGGuutummaan Magaalaa Jimmaa Gootummaa Qeerroon taasisaa jiruunraafama guddaa keessa siintee jirti.Qeerroon Yuunibarsiitii torban darbe keessa Waraqaa Qeerroo mooraa Yuunibarsiitii keessatti dhoobaa akkuma ture har’as gootummaaf murannoon qeerroo magaalaa Jimmaa ykn humna diinaa buufatee magaalicha keessa hidhannoo guutuun socho’u hudhee qabee jira
 
Bulchuinsa Gandaa magaalattii keessa sadii irratti guyyoora sadii dura Alabaan ABO harka qeerroon bocamee fannifamee ooleera.Gandoota Alaabaan keessatti fannifaman kanneen akka Ganda Bachoo Booree,Ganda Gunjoow Guduruu,Ganda Mandaraa Qochii yoo ta’an Alaabaan kunneen kan hanga har’atti buusuu sodaatan jiru ganda Bachoo Boree keessaa har’allee buusuu sodaate dhoksuuf fala dhabaa akka jiran argaaf
dhageettiin Qeerroo ifa taasisa.
 
Haaluma kanaan halkan edaas Magaalattii keessatti Waraqaan qeerroo bakkeewwan Qochii fi Meentiinaa akka Cina Yunibarsiitii Rift Valley keessatti waraqaan Qeerroo dhadannoo jajjaboof Alabaa ABO qabattee jirtu dhobamaa turan Dhadannoowwan Waraqaa sanarraa
 
#ABOn Kallacha qabsoo Oromooti
 
#OPDOn maxxantuu Wayyaaneeti
 
#ADWUIn Saamtuudha
 
#Gamtaaf tokkummaa keenyaan nii bilisoomna
 
#Abbaan biyyaa Oromoodha
 
Jedhaman Qeerroon magalachi keessa bittimfamaa bulani.Jaleen Waayyaanee OPDOn ABOn magaalaa qabatee jira jechuun rifaatee guddaa keessa seentee jirti.