Aside

Ebla 28,2016 ,Godinaalee Arsii magaalota Seeruu, Habee, Robee Diida,aa Hurutaa, Hasaasa, Qoree fi Ajjee keessatti poolisiin federaalaa ummata sakkataa,aa jiru Poolisiin Oromiyaas erga oromiyaan ufii uf bulchiti ta,e feederaalli maal godha nageenya ummata keenyaa eegudhaaf nuti gahaa mitii jechaa jiru mootummaa naannichaa gaafataa jiru.

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ : የሳምንቱ : ዜና :: (SQ) April 27, 2016

Aside

Aside

Ebla 26,2016 Yuunibarsiitii Harammayaa muddama guddaa keessa seentee jirti. Basaasoti Wayyaaneee Nahom Balchaa jedhamu haleelan. Sababaa kanaan walqabatee waraanni hedduminaan gara mooraa Yuunibarsiititti seensifame.Goototni Barattootni Oromoos mooraa keessa akka gadi hin baanee human waraanaan ittifaman.

Haala Kanaan Ebla 25, 2016 humni hin beekamiin basaasaa Wayyaanee beekkamaa kan ta’e maqaan isaa Nahoomaa Baalchaa jedhamu irratti tarkaanfii jabaa fudhataniiru. Basaasni Wayyaanee kun kan mooraa Yuunibarsiitichaa keessatti gochaa farruummaa barattoota Oromoo irratti dalagaa jiru yeroo garaagaraatti gochaa diinummaa kanarra dhaabbatuu waan dideef tarkaanfiin cimaan irratti fudhatame jedhu namoonni haala gochaa isaa xinxalan. Sababa kanaan walqabatee Waraanni Agaazii mooraa Yuubibarsiitichaa keessatti barattoota reebichaan dararaa fi jumlaan hidhaatti guuraa bule. barataan kamuu akka balbala hin baanef hanga har’a sa’aa boodaatti dhorkamaa turuu ibsaniiru.