Yuunibarsiitii Walqixxee irraa barattoonni Oromoo 27 badii malee hidhamanii dararamaa jiru.

Aside

Ebla 24,2016
because-i-am-oromoYakka tokko malee barattoonni Yuunibarsiitii Walqixxeerraa hidhamanii jiran 27 haala ulfaataa keessa jiraachuu Qeerroon achii dubbatu.Barattoonni kun gaaffii mirga abbaa biyyummaa waan gaafata niif qofa ragaa sobaa irratti qindeeffachuudhaan kan himataman yoo ta’u baay’ee isaanii Yuunibarsiitichi barnootarraa kan haqee jiru ta’ullee mana barnootaarraas dismissal erga ta’anii mana hiraarsa magaalicha keessatti akka hidhamanii jiraachuu akkasuma hidhaatii gadi lakkisuuf Mirga wabii kan eegsisaniif yoo ta’eellee dhabinsa namaaf osoo gadi hin dhiifaman jiraachuu mirga Wabii qarshii 5000 Kumashan shaniis yoo filannoof dhiyeesanillee baay’inaan barattoonni hidhamanii jiran kanfalachuu dadhabanii kunaanamaa jiru jedha odeessi Qeerroo gahe

Barattoota hidhaman 27 keessaa hedduun kaan abbaaf haadha kan hin qabne kaanis kanneen mana namaa ta’anii baratanii as gahan kaansaanii
hojii guyyaa hojjetaa baratanii as kan gahan ta’ullee carraa isaan mudatte kana qolachuun akkaan itti ulfaatee hiree isaanii dararama
taate kan dhamdhamaa jiru.

Godina Wallaggaa Magaalaa Madii Keessatti Qeerroon Bilisummaa Guyyaa Gootota Oromoo Kabajatan.

Aside

13043710_265642813778108_6191872166335002713_n 13055464_265642817111441_4697690903921640284_nSirni kabaja guyyaa gootootaa Ebli 15 fi hundeeffami Qeerroo Bilisummaa wagga 6ffaa miseensota Qeerroo Bilisummaa magaalaa Mandiin haala ho,aan kabajamee ooleera guyyaa kaleessaa 23/04/2016 ganama sa’a 02:30 irraa kaasee hanga sa’a 04:00tti Qeerroon Mandii kabajaa ooleera.
Akka gabaasa Qeerroo Mandiitti guyyaan kaleessaa magaalaa mandii keessatti bifa adda ta’een kabajameera!! dungoo qabdiisuun seenaa gootota darbanii kaasuun erga wal hubachiisanii booda, waadaa qabsoo isaanii irbuu walii galuun xumuraniiru. BAGA GGO GEESSAN!!!

SBO Ebla 24 bara 2016. ODUU, Ijoo Dubbii ABO, Gabaasa haala sochii FXG Oromiyaa, Haasaa Hayyu-duree ABO: Ebla 15 irratti akkasumas Gabaasa Hiriira lammiilee Oromoo Kongirasa Ameerikaatti.

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Ebla 23,2016

Aside