Yaadannoon Guyyaa Gootota Oromoo Sochii Warraaqsaan Yaadatama!!
Dhaamsa Gabaabaa Qeerroo; Bilisummaa Oromoo
Ebla 22, 2016
Ebilli 15 Guyyaa Gootata Oromoon Cinatti baatiin Ebila Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa (FDG-FXG) ifatti bifa qindaa’ee fi ijaarameen gaggeessuu itti eegallee waan ta’eef Qeerroo bilisummaa Oromoo; gootota barattoota dargaggoota/shamarran Oromoo fi Uummata Oromoo bal’aa biratti bifa adda ta’een Ilaalama. Gumaan gootota Oromoo kab bahu akeeka isaan itti wareegamaniif galmaan gahuu qofaan waan ta’eef guyyaan Yaadannoo kun sochii Warraaqsaa FXG marsaa 5ffaa jabeessuun warraaqsaan yaadatama!! Dhaamsa Gabaabaa Qeerroo; Bilisummaa Oromoo Ebla 22 2016










