Daily Archives: April 20, 2016
Yeroo Ammaa Kana Mootummaan Wayyaanee Magaala Finfinnee Keessa Geejjiba Hanqisuun Uummata Hiraarsaa Jira.
Aside
Ebla 20,2016 Magaalaa Finfinnee keessatti hanqina geejjibaafi taaskii magaalattiin uummati akka kanatti rooba keessa ijaajjee hiriiraan taaskii eeggata
Daandii baaburaa magaalaa Finfinnee keessaa bakki inni hincqaqqabnee naannoo hawaasi Oromoo baay’inaan jiraatu fi hanqina taaskiitinis,bakkuma hawaasi Oromoo itti heeddummaatudha
Magaalonni Godina addaa naannoo Finfinnees kanneen malaammaltummaan manca’aniifi gidduu kana magaalaa Buraayyuu irraa lafti hojjettoota mootummaaf hirama waan jedhameef saboonni biroon waraqaa eenyummaa magaalichaa matta’aa guddaan fudhatanii ittiin wal galmeessaa akka jiranis beekameera
Suurri asiin gaditti argamu kun uummata Finfinnee Askootti rooba keessa didaabee illee utuu of irraa hin qabaatin taaskii eeggatu kan agarsiisudha
Mootummaan Wayyaanee Magaalaa Jimmaa fi Naqamte irraa boba’aa konkolaataa waan dhaabeef geejjibi dhaabbatee jira,sochiin uummataas haalaan daangeffamee jiraachuu Qeerroon gabaasa.
Aside
VOA on #OromoProtests in Washington DC, April 19, 2016
Aside
Waajjira Mana-maree Ameerikaa Keessatti Dhuga-bahinsa Dhiittaa Mirga Uummata Oromoo Gegeessame
Afaan Oromoo
Afaan Amaaraa
France 24 – Update on the massacre in Gambella | April 18, 2016
Aside
Yuniversitiin Wallaggaa Waraana Feederaala Wayyaaneen Weeraramee Jira,Barattootis Diddaa Isaanii Itti Fufan.
Aside
“Way-Way-Wayii…. Bishaaniin Nyaatamte Osoon Ijaan Arguu” lammiilee Oromoo bishaaniin nyaataman ilaalchisee Hawwsoo WBO .
Aside
Aside
(SBO Bitootessa 19 Bara 2016) Koongirasiin Amarikaa Dhimma Dhiitamiinsa Mirga Dhala Namaa Oromiyaa keessatti geggeeffama jiru irratti bakka ummatin oromoo BiyyaAmarikaa Kutaa Bulchiinsa gara garaa, Biyya Kanadaa kutaa Ontaarihoo Magaalaa Ottawaa fi Torontoo argamanitti rakkoo Saba oromoo irra mootummaa TPLFn gahaa jiru dhaggeeffachuun mootummaan Amarikaa dhimma kana kan yeroo kamii caalaa xiyyeeffanaa itti kennuun akka faana bu’anu Kongiras Tom Lantos dubbatan.ummatin kumaatamaan waltti dhufe kun Daandiiwwan Washington DC gurgguddoo cufsiisuun Hiriira Nagaa guddaas geggeeffataniiru.





