SBO Ebla 20 Bara 2016. ODUU, Ijoo Dubbii ABO: dhumaatii tibbana baqattoota Oromoo mudaterratti fuulleffatee fi Gabaasa Sirna Yaadannoo Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Qabsoo Bilisumaa Dhugaa Galmaan Gahuuf

Aside

Damee Boruu Irraa

Barreessaa dhugaa baasa!Bara 2016 itti” Kallacha Daandi Qabsoo Bilisummaa Dhugaa” mataa durree jedhu Jalatti rakkinni qabsoo bilisumma uummata Oromoo inni duraa dhalootan Oromoota tahanii  Oromoo fi diina uummata Oromoo jidduu warra qubatee jiru akka tahe ibsuu yaalleen ture(Ayyaantuu.net 7/12 ilaaluu dandeessu).  Uummatni Oromoo diina isaa wajjin fuulatti walitti bahuuf Oromoota kana duraan dursee of jalaa daandii qabsoo irraa maqisuu qaba. Har’a akka uummatni Oromoo warra kana karaa irraa qulqulleessaa jiru ifatti argaa jirra. Galatni fi ulfinni bara baraan qeerroo fi qaree Oromoof haa tahu malee dhiiga isaanii akka bishaanii lolaasisnii salphinaa fi qaanii wagaa dhibaa olii keessaa Saba Oromoo  baasanii jiru. Har’aan kana uummatni Oromoo fira isaa,  diina isaa fi halgaa biratti ol aantummaa qaba. Lamuu gad aantumatti  ilaalamutti hin deebi’u. Har’a bilisummaa ykn du’aa jedhee tokkummaan  ka’eera.

Haalli kun tasa kan argame miti. Bara dheeraaf qabsoo bilisummaa dhiiga ilmaan Oromoon sooramee guddatee as gahee dha. Har’as dhiigni amma kana hin jinne itti lolaafamaa jira.Wareegamni qaalii baasaa jiru qabsoo bilisummaa kana gabsee galma isaa mirkaneesa malee kan gara duubaa nu deebisu miti. Yaroo kana keessa  namni Oromummaa isaa beeku bakka jiru maratti kan qabsoo kanaaf hin gummaachine jira jechuun hin ulfaata.Qabsoo Bilisumaa dhugaa Galmaan Gahuu

Ethiopia: The TPLF Hidden Agenda of Reducing the Oromo Population Must be Stopped

Aside

HRLHA Appeal and Request for Immediate Action

For Immediate Release

April 17, 2016

HRLHATerrorist and Criminal attacks targeting Oromo youth, and children, and even pregnant women have continued unabated since the peaceful protest for justice and freedom began on 12th November 2015 In Oromia.The peaceful and legitimate protests against the injustices in Oromia, in which Oromo people of all walks of life have participated, had a simple and clear demand at the beginning: ” Stop Addis Ababa”s Integration of the Master Plan, and stop land grabbing in Oromia”. Instead of responding justly to the protestors’ legitimate grievances and restoring their domestic and international rights, the Ethiopian government has chosen to deploy its special squad “Agiazi” and mercilessly crack down on the peaceful protesters. The ruthless Agiazi force used excessive force, killed many promos, beat and detained thousands to stop the protest, which spread to all corners of Oromia Regional State in a few weeks. Oromia towns and villages were turned into war zones as the special Agiazi force continued its random killings of students, children, men and women. During the first two months of the peaceful protests, more than two hundred (200) Oromos were murdered1 , including infants and pregnant women. In violation of the “Convention on the Rights of the Child” and other international treaties 2 the current government of Ethiopia ratified on 14th May 1991,(see the other treaties ratified by the current of Ethiopian government from the link)3 Oromo children, including non-schooled children, have been killed by the Agiazi force. Aliya,15 and her brother Nagassa, 8 (photo on right side) were shot in the leg HRLHA-The TPLF Hidden Agenda

Aside

Ebla 18,2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Humni Ittisa Uummata Oromoo roorriftuu waraana wayyaanee Aanaa Midaa Qanyii Magaalaa Baallammii mooraa bulchiinsa Aanichaa keessa qubachuun Uummata keenyatti roorrisaa jirtuu tarkaanfii cimaa irratti fudhateen galgala kana halkan Keessa Sa’aatii 3:oo Irratti boombiin haleele!!
Gootichi humni ittisa Uummata Oromoo diinaa uummata keenyatti roorrisaa jirtuuf boqonnaa fi obsa kan hin kennineef uummata isaa irraa rooriftuu ittisuuf waraana Agazii, poolisii federaalaa, kora bittinneessaa mooraa bulchiinsa Aanaa Midaa Qanyii keessa qubatee jirtuu irratti boombii roobsuun halkan kanaan waraana Wayyaanee wawwachiisaa kan jiruu fi waraanni wayyaanees halkan kana rifatuu guddaa keessa galuun dhukaasa wal irraa hin citnee dhageessisaa jiraachu maddeen keenyaa Aanaa Midaa Qanyii Baallammii irraa gabaasan.
Tarkaanfii haleellaa fudhatame kanaan loltootni wayyaanee poolisii, Agazii ,Federaalli fi korri bittinneessa irra midhaa cimaan qaqqabuu akka danda’uu madden keenyaa yoo gabaasaan tarkaanfii kanaan kanneen ajjeefamanii fi kanneen madeeffaman boruu qulqulleessuun kan isiniif dhiyeessinu ta’uu hubachiisan.
Waraanni wayyaanee kun hedduminaan kan Aanaa Midaa Qanyii irra qubatee jiruu yakkoota ulfaataa akka ajjeechaa, ukkamsanii gara
dabarsuu, hidhaan fi Saammicha irratti fuulleeffachuun uummata dararaa kan jiruu, yoo ta’uu yeroo gabaaba keessatti Oromiyaa
gadhiisee hin ba’uu yoo ta’ee Godinaalee Oromiyaa cufa keessatti tarkaanfiin haleellaa wal irraa hin citnee ka isa mudatu ta’uu gareen
humna ittisa uummataa kana Qindeessuu beeksisee jira!!

Baqattoota Ilmaan Oromoo Biyya Egypt Cairo Irraa Dooniin Utuu Gara Biyya Italy Imalaa Galaanaa Mediterranean rra Imalaa Jiranii Dooniin Galaanaa Keessatti dhidhimtee Lubbuun Wareegamanii Ilaalchisee Qeerroon Bilisummaa Ibsa Gaddaa Baase.

Aside

Ebla 18/2016 Hooggansii Qeerroo Bilisummaa Oromoo Baqattoota Ilmaan Oromoo biyya Egypt Cairo irraa dooniin utuu gara biyya Italy imalaa galaana Mediterranean irra Imalaa Jiranii dooniin Galaanaa Keessatti dhidhimtee Ilmaan Oromoo qaaliin Lubbuun Wareegamanii Irbaata Qurxummii taan Yeroo Dhageenyutti Gadda Guddaatu Onnee keenya irraa nutti dhagaaame jirachuu ibsuun, Guddaa guddaa Itti dhagaame jiruu Ibse. Jiruuf Jireenya gabrummaatu kana nutti fidee jechuun gadda Itti dhagaaame Ibsee jira!!

Ilmaan Keenyaa dhaloonnii kichuu galaanaan nyaatamanii wareegamuun hirbaata Qurxummii taan kanaaf sababaa guddaan jiruuf jireenya gabrummaa mootummaa abbaa irree wayyaanee ilmaan Oromoo biyyaa irraa ariiatu tauun ifaadha, dhumaatii ilmaan Oromoo kallattii hundaan gaggeeffamaa jiruuf itti gaafatamaan mootummaa abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO tauu hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo gadi jabeessuun hubachiisae!!

Ilmaan Oromoo Dargaggootii balaa kanaan Wareegamaan keessa kanneen maqaan isaaniifi Suuraan isaanii argamee keessa:

1. Dargaggoo Sabboonaa Muraad Abdii

2. Shamarree Lammii Shaafii

3. Dargaggoo Abdisaa Barshoo

4. Dargaggoo Toofiqoo Abdallaa

5. Shamarree Aliizaar Xaahir

6. Kan Maqaan isaanii adda hin bahiin Haadha Ilmoo fi abbaa Manaa Dabalatee ilmaan Oromoo Hedduun balaa kanaan galafatamaniif Gaddaa Guddaatu Onnee keenya irraa nutti dhagaaame, Maatii fi Firoottaan isaanii hundaaf jajjabina hawwinaaf jechuun Dhaamsa Gaddaa uummata Oromoo fi Maatii wareegamtootaaf Dabarsee jira!!

Dhumarraatti Uummata Oromoo waliigalaaf qeerroon Bilisummaa Oromoo diina biyyaa irraa nu ariiatu jalaa dheessuu hin qabnu uummata keenya waliin wal taanee falmannee falmachiisuun wareegama fedhee baasnee bilisummaa keenya gonfachuun dirqama ilmaan Oromoo hundaa tauu fi balaa n guddaa kun sababaa jiruuf jireenya gabrummaa irraa kan dhufee tauu hubachuun biyyaa keenyaarratti falmannee wareegamuun Warraaqsaa Marsaa 5ffaaf gaggeessaa jirru kanaan diina of irraa gaggeessuun bilisummaa keenya akka kabachiifannuuf waamicha keenya jabeessina!!

Injifannoon Uummata oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

Maatiifi Firoottan wareegamtootaaf jajjabina hawwina!!

Aside

received_1709705492620985Ebla 18,2016, Yuunibarsiitii Wallaggaa irraa Barattoonni ja’a fincila xumura garbummaa tiin wal qabatee yeroo ari’aman barattooti saddeet immoo guyyaa borii tti beellamaan akka jiran beekameera

Barattoota engineering waggaa 1 ffaa laman beeka ani:

1.Baahiruu Kabbadaa Dabalaa.

2.Dinqaa Taammiruu Bulchaa fi kkf gara ijoollee 6 har’a ari’an. Boruttis ijoollee 8 gara kutaa displenetti waanan. sababa mid.exam wal qabatee rakkoo guddaatu uumamaa jira