Ebla 16,2016 Suurri mul’atu kun magaalaa Finfinnee irraa gara Shaggar Kibba Lixaa Walisootti kan imalu yeroo ta’u, konkolaattonni naafxaa dhabanii magaalaa Sabbataa keessatti dhaabbachuun karaa darbaa wal danqanii jiru! Kun karoora guddinaaf tiraanisfoormeshinii marsaa lamaaffaa Wayyaaneeti!

Aside

IMG_20160416_053012 IMG_20160416_053056 IMG_20160416_053321 IMG_20160416_053409

” Fincila Hangafaa Nutu Itti Fufaa” Artist Eebbaa Waaqwayyaa/Wallee Warraaqsaa Ebla 2016

Aside

Ajaja Tika Wayyaaneen Labsi “Caffeen” DhDUO Baasu Kamuu Ummata Oromoo Bakka Bu’uu hin danda’u

Aside

ABO

Ajaja Tika Wayyaaneen Labsi “Caffeen” DhDUO Baasu Kamuu Ummata Oromoo Bakka Bu’uu hin danda’u

(Ibsa ABO Irraa Kenname)

Manni Marii “DhDUO” “Caffee Oromiyaa” jedhamu Labsii Magaalota Oromiyaa daddabaa Mudde bara 2015 darbe baase Walgahii Idilee turban dabre taa’ee jedhameen keessa deebi’ee ilaalee qabxiiwwan garii qajeelchee garii immoo haqe jechuun beeksisee jira. Haa ta’u malee dhaabi damee tikaa Wayyaanee Oromiyaa irratti diriifame kun dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti seera tumuufis ta’e labsii kamuu baasuuf mirgas ta’e bakka bu’ummaa ummataa tokko ille hin qabu.

“DhDUOn” dhaaba Damee Tikaa TPLF, Wayyaaneen, bowwaa Tigraay, Adeet, jedhamu keessatti booji’amtoota waraana Dargii irraa dhalchite ta’uu har’a Oromoon hin beekne hin jiru. Caasaan ergamtoota Wayyaanee kun, takkaa ummata Oromoo biratti fudhatama argatee hin beeku. Akeekni inni ijaarameef Oromiyaa keessatti bakka bu’aa ykn misilanee Wayyaanee ta’ee dantaa TPLF tiksuuf malee, fedhii fi dantaa Oromiyaa kabajchiisuuf miti. Ija-jabeessa irraa sirbi hin fokkisu isa jedhan ta’ee waan ummata Oromoof hin hojjetin hojjedhe jedhee galgalaa fi ganama waan hin jirre kijibuu malee takkaa fedhii fi dantaa saba Oromoof dhaabbatee hin beeku. Sagalee ummata Oromoo ta’ee dubbatee hin beeku. Dubbachuus hin danda’u. Sababi isaas akeeka sanaaf hin ijaaramne.

Sabboontotni OPDO keessaa kumaatamaan lakkaawaman haala kana wayyeessuuf hedduu dhama’an ofiifuu irbaata Wayyaanee tahuuni fi jireenya isaanii irraa manca’uun yaaliin isaanii bakkeetti hafe. Jaarmayaa kana dantaa Oromoof oolchuuf ammaan booda abdiin tokko illee akka hin jirre sabboontotni OPDO keessa jiran abdii kutatuun dhugaa kana tolchanii beeku. Murni DhDUO jedhamu kun, caasaa basaasaa fi meeshaa siyaasaa TPLF, Wayyaaneen, ummata Oromoo ittiin to’achuuf ijaarratte dha.Ibsa ABO 15-04-2016

Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee Wallee Hawwisoo Qeerroo Haaraa

Aside

Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Wallagga Magaalaa Najjoo

Aside

Najjoo