“Barroo” Wallisaa Ibroo Ibsaa/ Hawwisoo Qeerroo Bilsummaa Wallee Haaraa 2016

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 13 April 2016

Aside

ERGAA GUDDAA “Fiigichan Dorgoma” Qaanqee Show April 12,2016

Aside

Aside

sabeKun Badhaadhaa Galchuu Figaa kan kaleessa humnaa police federalaatiin Godina Gujii onna shakisoo bakka caalaa jedhamutti rasaassan rukutamee hospitaalati lubuun isaa dabartte. Reefalle akka maatiin hin fudhanna dhorkame jira. Dargaggoon kun Qeerroo Godinaa kana qindeessuu keessatti nama qooda olaanaa gumaachee dha. Badhaadhaan Unversity Goonder irraa economics Bara 2006 eebbifame.

Aside

20160412124556Fincilli Xumura Garbummaa guyyaa har,aa kana magaalaa Najjoo fii naannoo ishee keessatti daran jabaachuun itti fufee jira.Ebia 12/2016 Ganama irraa ka,uun Fxg mana barumsaa qophaa,inaa sadarkaa 2ffaa najjoo keessatti finiinfamaa oolee jira.Kanuma irraan ka,uun humni kora bittinneessaa jedhamu mooraa barnootaa keessa seenuun baratootaafi barsiisota mooraa sanaa irratti reebicha gara laafina hin qabne akka raawwate maddeen keenya achirraa nu ga,e ifa godhu.Guutummaan mooraa kanaas humna federaalaan goolamaa jiraachuun beekameera.kanumarraa ka,uun baratoonni heedduun man adabaatti akka darbataman Qeerroon gabaasee jira.