Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Ebla 8, 2016

Aside

Aside

Godina Wallaggaa lixaa magaalaa Mandii keessatti OPDOn ayyaana TPLFn hundeeffamuu kabajuuf dirqaaman uummata magaalaa Mandii kan ajajje yeroo ta’u, uummati guutumaatti waltajji Wayyaanee irraa hafe Haata’u malee, kaabinooti muraasi mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Mandii keessatti wal tajji taa’uuf yeroo jedhan daa’imman itti yaa’uun dhakaadhaan achii arii’aniiru

Kaabinotis uummata beekaatu daa’imman dhagaadhaan nu reebsisa jechuun oori’anii yeroo gaafatanitti uummati dhaloota qofa miti barumatu isin jibbe jechuun afaan akka qabsiisaniifi ergamtooti diinaa kun magaalicha keessatti waaroo salphinaa akka uffatan odeessi achii nuqaqqabe ifa taasiseera

Aside

Ohio

Oromiyaa Godinaalee Adda Addaa fi Manneen Barnootaa Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufee Jira. 

Aside

FXGOromiyaa Ilubbaabooritti Eebla 6, 2016 eegalee barattoonni sad.2ffaa fi qophaa’inaa algee Mattuu, Beddellee’ barnoota hin barannu, hanga warri hidhaman hiikamnaitti qormaata biyyoolessaa hin qoramnu jechuun FXG kaasan addaan osoo hin kutin itti fufanii jiru.

Godina Shaggar Bahaa Bishooftuuttis barattoonni sad.2ffaa fi sad.1ffaa liiban Cuqqaalaa FXG uumanni kaaseen humni waraana Itiyoophiyaa tarkaanfii uummata irratti fudhatuuf yaalus uummanni ofirraa deebisee jira.

Naannoo Finfinnee dukamitti Eebla 5,2016 barattoonni qophaa’ina dhiiqa ergisuuf heyyamasaanii kennanii hojjettoonni fayyaa yeroo gara mooraa mana barumsaa seenan dhiigi keenya osoo iddoo hundaatti dhangala’uu akkamiin dhiiga ergisaa jedhamna jechuun FXG kaasanii tarkaanfii lukkuulee Wayyaanee irrattis fudhatamee jira.
Harargee bahaa aanaa Faadisitti Ebla 3 ,2016 eegalee jiraattonni bulchaan aanichaa nuuf haa bu’u jechuun finciili uummatan itti fufaa waan jiraniif qaamni ilaallatu yoo uummata hin haasofsiifne rakkoo gudaan kan uumamuudha jechuun ergamtootni fi kaabinoonni aanaa hedduun
raafama guddaa keessa seenanii jiru.

Itti fufudhaan Yuunivarsiitii Haramaayaatti barataan osoo mooraa hin seeniin poolisii tahee hojjetaa ture 1 yeroo ammaa odeeffannoo barattoota oromoo mootummaa Wayyaaneef dabarsee kennaa waan jiruuf suuraa fi seenaa gabaasa waliin weebsaayitii’oromo one love’ jedhurratti gadhiisuun tarkaanfiin irratti fudhatamuu qaba kan jedhu dabarsuun poolisoonni mooricha guutummaatti mooraa sodaa kanaan gadhiisani akka jiran Qeerroon gabaase. Qeerroonis mooricha dhunfate toohatee jira wayita kana barumsi hin jiru FXG malee jedhu.

Yuunivarsiitii walqixxeetti barattoonni Oromoo dhaaba ABO deeggaran ; kanaan dura garee disipiliiniin fi koomaandi poostii moorichaan gorfamaniiru jechuun barattoonni 9 guutumman guutuuttu ariayamanii,17 immoo adabbii waggaa 2 akkasumas 9 immoo akeekkachiisi dhumaa akka itti kenname eebla 5,2016 ibsame. Haaluma kanaan mooraa kanatti fxg ka’ee finiinaa jiraachuun gabaafame.

Aside

Ebla 7,2016, Naannolee Qobboo fi Waldayaa akkasumas Gambeelaas dabalatee sochiin fincilaa jabaatee akka jirutu Qeeyroon gabaasee jira. Dabalataan toora Qobboo fi waldiyaatti transiformariin ibsaa gubatee bade ji’a tokko ol kan lakkaawe uummanni ifa dhabee rakkina kanan naannoo kanatti fincilli uumataan ka’eejira.

Kana malees  Ebla 7,2016 ,Naannoo Kibbaa godina Saganti magaala Konsootti Fincilli ka’ee finiinuu gabaasuun keenya ni yaadatama. Manneen barnootaas cufamanii hamma ammaatti. Humneen nageenyaa wayyaanee naannicha buufatee jiru baajatni mootummaa waan hanqataa dhufeef naannicha irraa waraanni buufatee jiru fagaatee hojii eegumsaa dhaabaa akka jiru odeessi Qeerroo naannichaa ibsa.

Aside

Ebla 7,2016 Yuuniversitii Bahar Daar mooraa Yibaabitti torban tokko dura barattootni rakkoolee bishaan dhugaatii fi qulqullina nyaataan wal
qabateef gaaffii dhiyeessuun nyaata lagatanii turan. Barattootni hanga har’aatti diddaa nyaata lagachuun fincilatti fufanii akka jiranis Qeeyroon gabaasee jira. Wayyaaneen barattoota Oromoo irratti shira xaxuu akkuma beekamu moorawwan Yuuniversiti naannoo Amaarattis miidhaa barattoota irratti gaggeessuuf karaa naataa fi bishaan qulquulluu dhabsiisuun daran jabaatee jira,Mooraa Yuuniversitii Dabra Taabor
keessatti dararamuun ni jira.