SBO Ebla 06,2016. Oduu, Gabaasa FXG, Kora ABO Kutaa Kanadaa fi Yaada Hirmaattotaa kutaa jalqabaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Bulchiinsi Wayyaanee Guutummaa Magaalaa Naqamtee Irraa Bishaan Dhaabee Ummanni Rakkachaa Jira.

Aside

20160404082338Ebla 5,216 Magaalaa Naqamtee keessatti mootummaan faashistii Wayyanee uummata karaa nagaan mirga isaa gaafate isin ABO waan deggertaniif jechuun guutummaa magaalaa Naqamtee keessaas bishaan dhugaatii balleessuun uummata magaalatii dheebuudhaan fixaa jira.Uummanni magaalattiis heeduminaan rakkoo bishaan dhugaatiin rakkachaa jira.

Kanumarraa ka,uun uummanni magaalaa kanaa mootummaa wayyaanee irratti fincila kaasaa jiraachuun dhaga,amee jira.Bishaanni kun edda badees torban tokko ta’ee jira.

Godina Arsii Asallaa fi Oromiyaa Bakkoota Adda Addaatti Itti Fufe.

Aside

Ebla 5,2016 Godina Arsii Bahaa magaala Asellaatti barattotni koollejjii barsiisotaa Ebla gaafa 2 Barumsa hin barannu barataan keenya uummanni keenya osoo dhiigni isaa lola’uu mirgi jiraachuu osoo nurraa molqamaa jiruu jechuun waraqaalee hedduu naannichatti bittimsuudhaan FXG itti fufsiisanii kan jiran Qeerroon kan gabaase yoommuu tahu Qeerroon koollejjichaa namni 17 ol maqaa qindeessitoota FXG jedhamuun waraana gaaziitiin ukkaamfamanii bakka buuteen isaani dhabamee akka jiru har’a Qeerroon gabaasee jira.

Wal harkaa fuudhiinsaan yeroo ammaa kana waraqaan oromiyaa magaalota fi godinaalee keesa faffaca’ee jiru keessattuu wallaggaa godinaalee 4nuu, bishooftuu, adaamaa, amboo fi kkf yoommu tahu godina wallagga bahaa aanaa saasiggaatti guyyoota lamaan darban kana FXG itti fufuu qaba bittimfamee uummataaf waamicha dhiyeessee jira. Akkasuma Ebla gaafa 1, 2016 alaabaan ABO godina shawaa lixaa aanaa Gindabarat keessatti fannifamee akka jiru Qeerroon gabaasee jira. FXG godinaalee garagaraattis tarkaanfiidhaan kan wal deggereen jabeeffameetu jira

Godina Iluutti FXG Jabaatee Itti Fufe Godinaalee Garagaraattis Waraqaan Warraaqsaa Bittimfamuun Itti Fufe!‏

Aside

Ebla 5,2016
stGodina Iluu Abbaa Booraa magaalota fi aanaale garagaratti ji’oota tokko ol kan eegale baadiyaa fi magaala keessa wal gahuudhaan itti fufee jiraachuu Qeerroon yeroodhaa yerootti kan gabaasee jiruudha. Manneen barnootaa kanenen akka sadarkaa 2ffaa Abdi Boruu fi Mattuu akkasuma sadarkaa 1ffaa Nikolaas barumsi dhaabbatee FXG itti fufuu har’a s Qeerroon gabaasee jira.
akkasuma barattootni mana barumsaa Beddelleess FXG har’a itti fufanii akka jiran Qeerroon gabaasaa jira. Guutummaatti godina Iluu A/booraa aanaalee hedduutti FXG uummataan jabaatee kan itti fufee jiruudha. Sirbootni qabsoo fi dhaadannoon Qeerroo halkani guyyaa osoo wal irraa hin cinnee torban sadii oliif kunoo ittuma fufeetu jira.

Kana malees barattootni mana barumsaa Baddeellee daandii cufuudhaan yeroodhaa yerootti yeroo dinni karaa banuuf dhufu lola dhagaatiin uummata waliin saroota wayyaanee irratti banuun jabina isaanii mirkaneessaa jiru. Mana barumsa Baddalleetti waraanni wayyaanee Agaziin gaazii imimmeessaa barattoota irratti fayadamuun barattootni 5n sammuu isaanii kan dhabanii yeroo ammaa Hospitaala jiran guyyoota muraasa dura kun kan barattoota irratti raawwate yoommuu tahu uummannis dheekkamuun bulchiinsa magaalaa irratti tarkaanfii fudhatee jira.

Uumaa, amala fi akeeka isaa irraa, Mootummaan Ixoophiyaa fi dhaabi ergamtuu isaa OPDO’n, ummata Oromoof bulchiinsa gaarii argamsiisuu tasuma hin danda’an: Killeen bofaa lukkuu ni dhalaa?

Aside

one wayAkka Mootummoota Tokkoomaniitti (UN), ulaagaalee bulchiinsa gaarii keessaa kan hangafaa, mootummaan biyya tokkoo, waliigaltee (consensus based) ykn fedha ummata biyya saniitiin ijaaramuu isaa ti. Bulchiinsi gaariin, motummaa gaarii irraa kan maddu oggaa ta’u, mootummaa gaarii kan jedhamu ammoo, mootummaa:  fedha ummataa, fedha ummataan,  fedha ummataaf ijaaramee dha. Mootummaa :ummataa, ummataani fi ummataaf ijaarame qofatu, ummata isa ijaare bakka bu’ee fedhii ummata kanaatiin, fedha ummata kanaa guutuuf : caasaa  bulchiinsaaa gaarii diriirsuu, murtii  gaarii dabarsuu, seera  gaarii tumuu, imaammata gaarii baasuu, fi qajeelfama gaarii dabrsuuf  fedhaa fi akeeka qabaata.

Ija ulaagaa kanaatiin oggaa ilaallu, mootummaan Impaayera Ixoophiyaa Oromiyaa irratti ijaarame, fedha ummata Oromootiin osoo hin taane, Oromiyaa gabrummaa isa jalatti to’atuun qabeenyaa isii saamuuf akeekkatee afaan qawween gochaa sanyi duguuginsaa ummata Oromoo irratti raawwachuuni. Dhuma jaarraa 19ffaa irraa eegalee haga har’aatti, akeeki mootummooti Impaayera Ixoophiyaa  Oromiyaa irratti  ittiin ijaaraman, sirna bulchiinsaa cunqursaa fi saamichaa ummata Ormoo irratti diriirsuun Oromoo fi  Oromiyaa irratti olaantummaa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa Habashootaa tiksuu fi  dhaloota Habashaa itti aanutti dabarsuu dha. Akeeki ummata Oromoo fi Oromiyaa ammo, gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa kan jaarraa tokko olii jalaa bilisa bahuun mootummaa walaba ijaarratuun  qabeenyaa isaa irratti abbaa ta’ee: bilisummaa, nagaa, ulfina, kabajaa, badhaadhinaa fi gammaachuun biyya isaa irra jiraachuu dha. Sababa kanaatiif, akeeki mootummoota Impaayera Ixoophiyaa fi kan ummata Oromoo: uumaa, amala fi akeekaan waliif faallaa qofa osoo hin taane kanneen tasumaa walitti araaramuu hin dandeenyee dha. Hawwii  fi akeeki mootummoota  Impaayera Ixoophiyaa kan jiraachuu danda’u,  bilisummaa Oromiyaa mirkanessuun diinagdee Oromiyaa irratti ajajuuf hawwii fi  akeeki ummatni Oromoo qabu yoo dhabame qofa; akkasumas, hawwii  fi akeeki ummata Oromoo kun : mirkanaahuu, jiraachuu fi tikfamuu kan danda’u, hawwii fi akeeki mootummaa Impaayera Ixoophiyaa Oromiyaa irraa guutummaatti yoo dhabame qofa. Akeeki Impaayera Ixoophiyaa, Oromoo fi Oromiyaa irratti bakka gahuu fi tikfamuu kan danda’u awwala akeeka ummata Oromoo fi Oromiyaa qofa irratti. Waan kana ta’eef, akeeki mootummaa Ixoophiyaa fi kan ummata Oromoo kan wal nyaatu malee kan wal guddisu ta’uu hin danda’u. Bulchiinsa gaarii

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Ebla 4, 2016 /Gaaffii fi Deebii Hoggana Qeerroo Godina Arsii Jaal Dhaqqabaa Akeekaa waliin taasifame qabateera.

Aside