FXG Yuniverstii Wallaggaa Itti Fufuun Humna Waraana Wayyaanee Guutummaa Mooraa Yuniverstii Weeraree Jira.

Aside

IMG_20160402_132433 IMG_20160402_132835Ebla 2,2016 Yuunversiitii Wallaggaa keessatti diddaan baratootaa daran jabaachuurraan kan ka’e humni kora bittinneessaa guutummaa mooraa kanaa dhuunfatee jira.Baratoonnis diddaa barnootaaf qaban itti fufuuf yeroo yaalanitti mootummaan gabroonfataan Wayyaannee baratoota kana irratti seera haaraa baasuun keessumaa mooraa kana keessatti akkaataa ittiin qabxii barataa gadi bu’ee barataan mooraa kanaa hari,amuuf sagantaa haaraa baasanii baratoota doorsisaa jiraachuutu beekamee jira.

Mooraa kana keessatti diddaan kun baratoota galgalaanis waan jabaateef baratoota kanaaf sagantaan haaraan ba’eefii guyyaa keessaa barnoota isaanii dirqiidhaan akka hordofaniif fedhii isaanii malee humnaanis akka sagantaa ittiin qorumsa haaraa ba’e kennamu hordofanii fudhataniif doorsisamaa jiraachuu maddeen keenya achirraa arganne ifa godhu.

SBO Ebla 03,2016. Oduu, Walgahii Tokkoffaa Tumsa Ummatootaa kan Bilisummaa fi Dimokraasii (PAFD) dhiheenya gegge effame ilaalchisee ibsa gaazzexeessitootaaf kenname irratti gabaasa qindaa’e, Gabaasa FXG fi gaaffii fi deebii miseens a Gumii Sabaa ABO Jaal.Saamiyaa fi Dargaggoo Caalaa Haayluu waliin geggeeffame

Aside

Aside

Ebla 2,2016Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo irraa namooti ja’a hojiirra arii’amuuf qaamoti tikaa Wayyaanee akka qophii xumuran icciitiin ba’uusaa toora miidiyaa hawaasaatti faca’uunsaa ni yaadatama!
Haaluma kanaan tarkaanfiin mootummaa Garboomfattuu kana maal akka ta’u eegaa turre icciitichi harkaa ba’uun isaanuma qaamota Wayyaanee akka wal dhabsiises beekameera
Namoota sirnichi irratti xiyyeefatuun xalayaan arii’amuu isaan qaqqabuuf turesakka adabaatti/demotion/ bakka jiranirraa gadi bu’anitti jijjiiramuu odeessi nu ga’e akkanaan ifoomseera
1 Lammeessaa Daggafaa Waajjira Jallisii irraa gara Waldaa Hojii Gamtaatti
2 Mootii Oliiqaa Waajjira Abbaa Taayitaa Daandii Irraa Gara Waldaa Hojii Gamtaatti
3 Asnaaqee Gabree Waajjira Geejjibaa irraa gara Waajjira fayyaatti
4 Milkeessaa Baqqalaa Waajjira Jallisii irraa gara Waldaa Hojii Gamtaatti
5 Wandee Turaa Abbaa Taayitaa Jallisii irraa gara Herregaa Mana Barumsaa Qophaa’inaa Moxeetti
Ergamaniiru.
Isaan kun marti bakka miindaa argachaa turanirraa bakka gad aanaatti ramadamaniiti.