ቄሮ :የኦሮሞ:ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ:የሳምንቱ: ዜና:: (SQ)August 24, 2015 ” በሀገራችን ላይ ባለው ሀቅ”

Aside

SBO Hagayya 26,2015.Oduu,Gabaasa Oduu WBO Jaeessuuf Walgahii Miseensooti fi Hawaasni Oromoo Kaaba Norway Hagayya 22,2015 Geggeeffatan Ilaalchisee,Gaaffii fi Deebii Obbo Mahaammad Labuu..Kutaa Xummuraa.

Aside

Ibidda Dhaamote, Biddeena Beelaye, Bishaan Dheebote…

Aside

(Hariiroo Jorgootiin, Qoorroo Bilisummaa Oromoo-Oromiyaa!!)

Barreessaa dhugaa baasa!“Ibiddi kan silaa ofiifuu owwa guddaa qabu, kan silaa namni itti qorre illee karkarfatu, kan dheedhii bilcheessu, isa itti dukkanaayeef ibsu kkf ta’ee otoo jiruu akkamittiin dhaamotaa?…” Jechuun keessan hin oolu.

Biddeennis kan beelayaan silaa nyaatee quufudha ture, akkamittiin ofiifuu beelayee?

Bishaanis kan silaa dheebotaan dhugee dheebuu bahudha, akkamittiin ofiifuu dheebotee?

Garuu garagalloo miilli mataa hooqa akka Oromoon jettu, otoo harki inni hooquuf uumame, mataa ittillee miila caalaa itti  aanu  jiruu yeroo itti miilli mataa hooqutu argama.

Haadharra anatu itti aana jette gayyaan akka jedhanidha waansaa, barasaatu akkas ta’e.

Ilmaan Oromoo kan Oromoo irraa dhalatan, kanneen Oromoof dhugaan yaadan kanneen akka ABO diina Oromoo jedhamanii warri Oromoo saamuuf Oromiyaa weeraran ammo fira, finnaafi aantee sabaa of godhanii Isaan warra Malaa’iktoota Rabbii/ergamtoota Oromiyaa misoomsuuf Oromiyaa dhufan , qabsaa’onni qulqulluun Oromoo ammo shororkeessitoota jedhaman.

Haa ta’u malee aantummaa ilmaan TPLF tiin hogganamuufi Ergamtoonni baandaa OPDO aantummaa isaan Oromoof qaban yoomiyyuu caalaa saaxilamaa dhufaa jira!

Eenyumtiyyuu akka beekutti Tigraay biyya dhagaafi dhagaggaalee, gammoojii midhaan hin kenninedha!

Oromiyaan ammoo dirrishee albuuda, gubbaanshee  aannani  ameettii hin guunedha. Laggeenshee akka hidda dhiigaa, ganda hunda keessa adeema, magariisa uffattee magariisa cuubamte.

Midhaan gosa hundaa ni kenniti. Kan beelayeyyuu isheetti baqata. Oromiyaan biddeena namaaf kennuu bira dabartee ofiifuu biddeenadha. Garuu isheen ni beelofte. Biddeenatu beelaye.

Har’a biddeenni Oromiyaa Tigraay jira. Kun akkamitti ta’e?? Ibidda Dhaamote

Kora Gamtaa Miseensotaaf Deggartoota ABO Kaaba Noorweyii Kan bara 2015

Aside

Nuti miseensoniif deegartoota ABO kan kaaba Norweyyiitti argamnu wal-gayii gaafaa guyyaa 22-08-2015 gaaggeefanne irratti marii balla’aa waa’ee sochii biyyaa keessaa qeerroo fi WBOn gochaa jiru walumaagalatti haala yeroo irratti erga mari’anee booda ibsa ejjenno armaan gadii dabarfanneerra:

1. Waraana bilisummaa Oromoo yeroo amma kana kan yeroo kamiyyuu caala tarkaanfii boonsaa diina Oromoo irratti fudhachaa jiru baay’ee kan itti gammannu fi gara fuula duraattis akka cimsee itti fuufu gargaarsa barbaachisaa ta’een akka cinaa dhaabannu nimirkaneessina.

2. Addi Bilisummaa Oromoo kallachaa bilisummaa ummaata Oromoo ta’uu hubannee gargaarsa nurra eegamu maraan bira dhaabachuuf waada keenyaa ni haromfannaa.

3. Qeerrooniif baratoonni oromoo biyyaa keessa hawwii bilisummaaf isaan qaban abdachiisa waan ta’eef karaa barbaachisaa ta’ee hundaan bira ni dhaabana ni deeggaraas.

4. Tumsaa ABOf gochaa tureef itti jiru gara fuula duraatti kan yeroo kamiyyuu caala daraan ciimsinee itti fufnu ta’uu waada keenya ni haarofanani mirkaneesinas.

5. Kallachi qabsoo bilisumma oromoo kan tahee ABO qofa ta’uu hubannee itti amanna waan ta’eef warreen nuti ABOdha jechuun maqaa ofitti moggaassuun ergama diina fi dandaata yeroodhaaf bitamanii qabsoo bilisummaa oromoo laamshesuuf yaalani akka irra of qusatanniif waan darbee irraa hubachuun gara QBO itti akka deebi’aniifi dantaa ummataa isaani akka dursaan ciminaan ni hubachiifnaan.

6. Torbaan “Diaspora” jechuun waltajjii wayyaaneen gantootaf qopheesite keessatti kanneen hirmaatan ummata oromoo biyya hambaa jiraatan akka bakka hin buune ummaanni oromoo biyya keessa jiraatu akka nuuf huuf huubatu cimsinee ni beeksifna.

Kora ABO.pdf

 

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 24 August 2015

Aside

Gootichi Wallisaa Oromoo Jaal Jaafar Yusuuf ” Nuuf Hin Galle Dubbiin Diaspora Kunii” Jedha

Aside

SBO Hagayya 23,2015. Oduu, Gabaasa Oduu, Beela Godina Baha Oromiyaa irratti qophii addaa, Dhiheenya kana Ala irraa Oromiyaa dhaqanii kan deebi’an Obbo Mahaammad Labuu diraamaa diaspora wayyaanee dabalatee waa hedduu kaasanii SBO waliin mari’atanii jiran, Qophii biroonis hammatamee jira…

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo, Sagantaa Hagayya 22, 2015

Aside

Diyaaspooraan Wayyaaneen Leellisaa Jirtu Kun Eenyudhaa?

Aside

Hariiroo Jorgootiin-Qeerroo Bilisummaa Oromoo-Oromiyaa Irraa

Barreessaa dhugaa baasa!Wayyaaneen dargiiin qabsoo uummataatiin taayitaarraa makfamee akkuma afaan qawween barcuma qabatteen naannoolee waraanaan miidhamaniif dursa kennina jechuun naannoolee kaan irraanfachuun misooma mootummaa gara Tigiraayitti akka gala galu gochuun, dargaggoonni  Tigraay baay’inaan gara hoomaa waraanaatti akka seenan gochuun hanga ammaatti hoomaa waraannaa biyyattii keessatti sadarkaa gadii irraa hanga oliitti ajajoonni isaanidha. Kanaanis hojii dhabdoota ilmaan Tigiraay hedduu salphiseera.

Dabalataanis poolisii federaalaa keessaattis sadarkaa ajajummaa guutuutti kan to’atee jiru isaanidha. Keessaafuu caasaa damee tikaa eenyuttuu dabarsaanii keennuu hin fedhan. Kanaatii achi manneen hojii federaalaa keessatti maqaaf fakkeessuuf sabaaf sablammii keessaa ofdura qabanii biiriicha guutummaasaa weeraruun kan to’atan ilmaan TPLF dha. Gumuruk ameessa ilmaan Tigirootaa qofa elmatanidha jechuu dandeenya. Import Export iin madda galii isaaniiti. Isaan qaraxa malee kan ittiin galfatan,warra kaan irraammoo qaraxuuf caasaa diriirfatanii bakka itti taa’aan buufata  saamichaa isaaniiti.

Kanaa fi kkftuun ilmaan Tigirootaa bakka qabsiifatanii erga raawwataanii booda warra barreessuu fi dubbisuu hin dandeenye ammo seeraan ala baankii daldala Itiyoophiyaa irraa bifa liqaan fuudhanii rabsaniifiiti yeroo gabaabduu keessatti Tigiraayiin Awurooppaa fakkeessan. Diyaaspooraan Wayyaaneen Leellisaa Jirtu Kun Eenyudhaa.docx 11

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 22 August 2015

Aside