Oduu,Gaaffii fi Deebii Dura Ta’aa Tumsa Qeerroo Idil-Aduunyaa Waliin Ta’ee fi Waayee Kijiba Dhugaa Taasisuuf OPDON Waggaa 25 Dhaamaate Ilaallata.
Daily Archives: August 31, 2015
Ummatoota Beela Irraa Baraaruun Akeeka Mootummoota Itophiyaa Tahee Hin Beeku.
Aside
(Ijoo Dubbii ABO)
Hagayya 31,2015
Hawaasni addunyaa Itophiyaa empaayera ummatootni beelaan keessatti dhuman tahuutti eerga hubatee dhaloota tokko ol lakkoobsisee jira. Hundaan olitti ammoo beelli Kaaba Itophiyaa bara 1974 mul’ate, hawaasa addunyaa mara rifaasise. Ummatoota Itophiyaa dheekkamsiisee sirna Nugusummaa irratti kakaase. Barattootaa fi hojjattootas fincilsiise.
Beela bara 1974 sanaanis namootni kuma kudhanootaan akka baala mukaatti harca’an. Daa’imman harma haadha duutee osoo hodhanii addunyaan daawwate. Kumoota dhibbaan qe’ee dhiisanii baqatuun mudate. Kun hundi oggaa tahu kanneen “Ummata keenya nu jaallatuu fi jaallannu” jechuun empaayeritti walakkaa jaarraaf bitan, rakkoo ummatootaa furuuf tattaafatuu irra beelli ummatoota harcaasaa jiru addunyaa biratti akka hin dhaga’amnee fi hin mul’atneef ukkaamsuuf tattaafataa turan.
Mootummaan barcuma nugusummaa dhaalee empaayera Itophiyaa jijjiirraa kabeebsaan jireessuuf aangootti ol bahes, mootummaa isa dura ture dhumiinsa sababa hongeen dhaqqabeef abaaruu fi balaaleffatuun aangoo humnaan argate ittiin jabeeffatuuf itti gargaarame malee furmaatni argamsiise hin mul’atne.
Mootummaan Dargiis mirgi ummatootaa kabajamuu, mirgi lammiileen walabummaan hojjatanii jiraatuu tikfamuu irraa dantaa waan hin qabneef empaayerittii keessaa beela dhabamsiisuu hin dandeenye. Waan taheef bara Dargiis beela xiqqaatu marroo lama mudateen ummatootni miidhamuu jalaa hin baraaramne. Sababa beelaan biyya ollaatti baqaan godaanuun itti fufe. Ijoo Dubbii ABO Hagayya 31 2015
“Nuti Qeerroon Dabareen Keenya Gaheera ” Wallee Warraaqsaa
Aside
Maal Baasuuf Dhama Raasuu??
Aside
(Hariiroo Jorgootiin, Qeerroo Bilisummaa Oromoo-Oromiyaa!!)
OPDO’n DARRAA keessattan hundaaye jettee maaliif Uummata Sobaa turtee?
Boojuu waraana Darguu kan wayyaaneen walitti qabdee AADEET Tigraay keessatti hundeessite, Dhaabbanni OPDO kan hundeeffame KAABA SHAWWAA DARRAA keessattidha jechuun, Waggoota 24 oliif kan biyya sobaa turte itti fakkaattee OPDO’n of sobaa tute.
Haata’uutii isaan waan uummata sobne sehanii haa qabaxxaran malee isaanis namnis eessatti akka isaan hundaayaniifi maaliif akka hundaayan ni beeka. Waan gabaan odeessu gowwaan galee niitii dhoksa akkkuma jedhan waan hin jirre fakkeessuuf yaaluun mataa isaanii sobaa turaniiru.
Boojuun Tigirootaa kun tigirticha Taayyee Tekle Haymaanot kan Kumaa Dammaksaa ofiin jechuun of moggaase kanaan hogganamaa akkuma Oromiyaa seeneen qabsaayaa Oromoo of fakkeessuuf diraamaa gara garaa taasisaa turullee irraa hin milkoofne.
Keessaafuu, hammi beekaa Oromoo eenyummaa isaanii waan sirriitti beekuuf iyyaalota tokko tokko qarshiin mooksanii ufitti qabuun miseensota horachuuf yaalaniiru.
Garuu erga uumamte irraa kaatee namni beekaan tokko illee keessa seenuu dhabuu irraan kan ka’e kan qaaniin itti dhagahame OPDO’n iyyaalotuma walitti qabde kunneeniif Digiriifi Maastireetii badhaasaa koolleejjii ‘Civil service’ kaayyooma kanaaf hundeeffame irraa rabsaa kennuufiin gaawonii uffachiiftee suuraa kaasaa turte.Maal Baasuuf Dhama Raasuu