Barattoota Yuunivarsiitii Wallaggaa Yeroo Gannaa Barataniin FDG Har’a Eegaluu Qeerroon Gabaase!‏

Aside

Hagayya 28,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamtee

diddaa9Qeerroon Yuunibarsiiti Wallaggaa akka gabaasetti ajjechaa,rewbicha Poolisooti Federaalaa jiraattota magaalaa Naqamtee fi barattoota irraan ga’aa jiran,saamicha kaffaltii maqaa barnootaatiin taasisamu,saamicha maqaa vaatii jedhuun uummati saamamu,fi maasater Pilaaniin Finfinnee haqamuu qaba jechuun ganama har’aa kana hiriira mormii dhoosan!
Mooraan barnootaa Yuunibarsiitii Wallaggaa yeroo ammaa kana humnoota darbatamoon to’atamee kan jiru yommuu ta’u hiriirri kun kaabinoota OPDO barnoota gañnaa barataniin deeggaramuunsaa immoo addatti wayyaanota rifaasisuunsaa beekameera

Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Hagayya 27,2015

Aside

Loltooti Feederaala Wayyaanee Magaalaa Naqamtee Keessatti Uummata Oromoo Reebuu fi Ajjeessuu Eegaleen Jiraattota Nagaa Dhorke.

Aside

Hagayya 27,2015 Naqamte IMG_20150827_092713

Mootummaan Wayyaanee ta’e jedhee uummata Oromoo fi saboota cunqurfamuu waggoota hedduuf akka daguuguu jiru beekamaadha

Halkan edaa Hagayya 27,2015 magaalaa Naqamtee kutaa boordii-bunaa Hoteela Mulaatuu Dibaabaa maqaa baar Ukkee jedhamuun beekamu keessatti loltooti Federaalaa Ethiopia  imaltootaafi keessummoota hoteelichaatti isin Oromoonni hundi keessi keessan ABO dha mootummaaf tole jettanii hin bultan,Oromoon biyya hin qabuu fi jechoota adda addaan dubbii kaasaniin jeequmsa uumanii hawaasa Oromoo nagaa wayita reebuutti ka’anitti dargaggoon shufeera ykn konkolaachisaa ta’e Faasil namni jedhamu namoota miidhamaa jiran ilaalee gara laafinaan maaloo lammii Oromoon maaluma isin godhani adaraa hin ajjeesinaa waan jedheef qofa poolisooti federaalaa Ethiopia  rasaasaan nama kana rukutanii lafa buusanii deemaan konkolaachisaan Faasil jaalala uummataa haalaan nama qabu waan ta’eef konkolaataa hedduun hanga finfinneetti imaluun reeffasaa fidanii guyyaa boruu naqamtetti kan awwaalamu yeroo ta’uu Konkolaachisaa Faasil biyyoon itti yaasalphattu roorroon akka nurraa kaatu gamtaan yaafalmannu jenna.