Hariiroo Jorgootiin-Qeerroo Bilisummaa Oromoo-Oromiyaa Irraa
Wayyaaneen dargiiin qabsoo uummataatiin taayitaarraa makfamee akkuma afaan qawween barcuma qabatteen naannoolee waraanaan miidhamaniif dursa kennina jechuun naannoolee kaan irraanfachuun misooma mootummaa gara Tigiraayitti akka gala galu gochuun, dargaggoonni Tigraay baay’inaan gara hoomaa waraanaatti akka seenan gochuun hanga ammaatti hoomaa waraannaa biyyattii keessatti sadarkaa gadii irraa hanga oliitti ajajoonni isaanidha. Kanaanis hojii dhabdoota ilmaan Tigiraay hedduu salphiseera.
Dabalataanis poolisii federaalaa keessaattis sadarkaa ajajummaa guutuutti kan to’atee jiru isaanidha. Keessaafuu caasaa damee tikaa eenyuttuu dabarsaanii keennuu hin fedhan. Kanaatii achi manneen hojii federaalaa keessatti maqaaf fakkeessuuf sabaaf sablammii keessaa ofdura qabanii biiriicha guutummaasaa weeraruun kan to’atan ilmaan TPLF dha. Gumuruk ameessa ilmaan Tigirootaa qofa elmatanidha jechuu dandeenya. Import Export iin madda galii isaaniiti. Isaan qaraxa malee kan ittiin galfatan,warra kaan irraammoo qaraxuuf caasaa diriirfatanii bakka itti taa’aan buufata saamichaa isaaniiti.
Kanaa fi kkftuun ilmaan Tigirootaa bakka qabsiifatanii erga raawwataanii booda warra barreessuu fi dubbisuu hin dandeenye ammo seeraan ala baankii daldala Itiyoophiyaa irraa bifa liqaan fuudhanii rabsaniifiiti yeroo gabaabduu keessatti Tigiraayiin Awurooppaa fakkeessan. Diyaaspooraan Wayyaaneen Leellisaa Jirtu Kun Eenyudhaa.docx 11
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk