Hagayya 17,2015 Asoosaa
Mootummaan abbaa irree wayyaaneen nun bulchitu jechuudhaan Naannoo Beneshangul Gumuz, Godina Asoosaa, aanaa Mangee jiraattoota Ganda
Salam keessatti diddaan kun kan dhoye hagayya bultii 12 bara 2015 bulchitoota gandaa fi milishoota kannen uummaticha hiraarsan irratti tarkaanfin uummataan fudhatameen milishootni Wayyaanee kan ajaja fudhatan galmaan gahan.Uummanni naannoo fi milishoonni Wayyaanee kan walitti bu’aniif sababaan lafa qonnaan bulaa fi gandoota bosonaan marfamanii jiran irraa uummati akka buqa’anii fi abbootii qabeenyaaf dhalootaan alagaa ta’aniif akka kannemu ajaja mootummaan dabarse irraa ta’uu gabaasi nu gahe addeessa.Walumaa gala naannoo godina Beneshaalgul keessatti bulchitootii fi uummati walii galuu dadhabuun bakkoota adda addaa keessatti jeeqamsi hammaachaa dhufuu irraan sirni Wayyaanee yaadoo keessa gala jira.
Daily Archives: August 17, 2015
Oromo TV:Artist. Adam Harun (Exclusive Interview ) part one
Aside
Naannoo Kibbaa Godina Gamuu Gofaa magaala Arbaaminci, aanaa Buradaa fi Dotaree Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Gabaasa Qeerroo Arbaaminc Hagayya 16,2015
Naannoo aanaa fi magaala Arbaaminci, aanaa Buradaa fi Dotaree keessa jiraatan uummanni hunduu walitti dhufuudhan qaamni mootummaa gabroonfa Wayyaanee ammaa kaasee naannoo kana hin bulchin jedhan. Maddi gabaasaa caasaa godina Gamuu Gofaa irraa Hagayya 15/2015 gabaasuun, Uummanni mootummaa Wayyaanee balaaleffachuun,sirni mootummaa wayyaanee itti hin fufin jechuudhaan yerooma dhiyoo asitti fincilli kan eegale haala wal irraa hin cinneen kan itti fufee jiruu fi torbee kana keessattis uummanni naannowan kanneen keessa jiraatan sirna mootummaa abbaa irree wayyaanee balleessuuf qaamotaa fi deggertoota isaa of keessaa baasuu fi bulchiinsa akka itti hin fufne murtoo godhachuu qabna jechuun Hagayya 14 fi 15 waraqaaleen garagaraa afaan adda addaan dargaggootaa magaalota Arbaaminci, Burudaa, Dotaree fi kkf keessa jiraatan barreessuun bittimsuu fi uummannis kana deggeruun dhaga’ame.
Qaamni mootummaa wayyaanee naannoo kana bulchu ammaa kaasee dhaabuu qaba jechuun dhaadannoos yeroodhaa yerootti barruu fi sagaleedhaan agarsisaa akka jiran kan gabaafamaa jiruudha. Haalli kunis kan jabeeffamee jiruudha.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu Magaalaa Komboshaatti,uummanni Oromoo Walga’ii Wayyaaneen Ololoota Siyaasaaf Godhu Irratti Hirmachuu Waan Dideef Reebichaa fi Hidhaan Dararamaa Jira.
Aside
Hagayyaa 16,2015,Kombolcha
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu Magaalaa Komboshaatti,uummanni Oromoo mootummaa Wayyaanee ergamtooti sirnichaa OPDOtti hin bulluu jechuun murtii walga’ii Wayyaanee kallatti kamiin iyyuu gootu irratti hirmachuu waan Dideef Reebichaa fi hidhaan Dararamaa Jira.
Mootummaa Wayyaanee ergama diinummaa fudhachuun uummata dirqisiisanii bituuf human waraana Poolisii Federaalaa fi kora bittinneessa kanneen jedhaman uummata irratti bobbaasuun galgala sa’aa 12:00 booda nama karaa irratti argan hunda gaaffii tokko malee reebuu fi hidhuun gidirsaa jiru. Hojjettootni fi dafqaan bultoota galgala
nyaata bitanii nyaatanillee otoo hin hambisiin hunda walitti qabanii rukuttaa uleen miidhaa jiru. Haalli kun utuu hin jaalatiin Uummata hunda gara FDGtti seensisaa jira.
Uummatni mootummaan Wayyaanee fedhii keenya malee waggaa 25 guutuu dirqamaan afaan qawwee fi humna waraanaan dirqisiisee bnu bitaa turuutti hedduu gaddina, kanaan booda wareegama kamuu yoo ta’ee ni baasna malee mootummaa wayyaaneef dirqamaan iyyuu hin jilbeeffannuu jechuun murtii isaa jabeesse jira.
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee kan uummata nurratti kakaasaa jiruu fi uummata nurratti ijaaree jiruu Qeerroo dargaggoota barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota ol-aanoo irraa deebi’anitu nu goola jiru jechuun hordoffii addaa barattoota Oromoo irratti gaggeessa jiraachuun saaxilamera. Haala kanaan Walqabatee namootni Hedduun Aanaa Guduruu irraa qabamanii hidhamuu madden Qeerroo Bilisummaa Oromoo magaalaa Konbolchaa irraa gabaasan.
Addattuu bulchaa Aanichaa kan ta’e Namni Biqilaa Fiixaa kan jedhamu ergama gooftolii isaa ifatti ummata duratti bahuun humnaan akka ummata bulchaa jiran ” ibsuun kan karaa nu dhiphise barattoota waan ta’eef ,humna nagaa eegsisuun guyya lamaaf itti gadhiifnee karaa bali’fanna” jechuun abbaa irrummaa isaanii sodaa tokko malee ifatti
beeksisaniiru.
Hagayyaa15,2015 jiraataa magaalaa komboshaa kan ta’e Dargaggoo Kadir Muusaa Umar gaaffii fi badii tokko malee bakka jireenya isaa deemuun reebichaa fi dararama irra geessisuun gara mana hidhaa geessanii achittis reebicha hamaa irra geessisaa jiru.walumaa galatti namootni ammaaf mana hidhaa Wajjira Poolisii magaalaa kombolchaa jiran 10 ol ta’anis sababa gaaffii dhorkamaniif eenyummaa fi maqaan
isaanii adda hin baafamne.
Artists Hanisha Solomon & Hailu Kitaba to Headline the Post-Games Concert at the Annual Oromo Sports Day in England (August 29, 2015)
Aside
