ቄሮ :የኦሮሞ:ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ:የሳምንቱ: ዜና:: (SQ)August 14, 2015

Aside

Abdii Boruu:- ABO -> AWO -> Jijjiirama -> ADO -> KWO -> ??? fi THBO … Qabsaa’otni fi jaarmayootni Oromoo eessaa ka’anii eessa jiru? Garamitt (karamitti) deemaas jiru?

Aside

Abdii Boruutiin*

timthumbOtuu gara dhimma mata-duree kanaatti hin seenin dura, warra maqoota jaarmayaaota Oromoo kana hin beekneef ykn hirraanfataniif ibsi isaanii akka armaan gadii ti:

ABO = Adda Bilisummaa Oromoo
AWO = Adda Walabummaa Oromiyaa
Jijjiirama = warra maqaa ABOtiin bara 2008 mooraa kana keessatti jijjiirama fidna jedhanii garee biraa uuman
ADO = Adda Diimookraatawa Oromoo
KWO = Kallacha Walabummaa Oromiyaa (kan dhiyoo kana maqaa jijjiirrate)
THBO = Tokkummaa Hmnoota Bilisummaa Oromiyaa (kan ULFO dhaan beekamu)
??? = Yaa Waaqayyo/Rabbi maal nu dhageessisuuf jirta?

Waayee jaarmayoota keenyaa, gadifageenyaan beekuu baadhullee, akkan hubadhutti kan THBO irraa hafan hundi isaaniituu warra qaama ABO turanii dha. Jaaramyootni miseensota THBO tokko tokkollee akkasuma warruma duraan qaama ABO turan natti fakkaatu.

Gaafii mata-duree irratti dhiyaateef guutumaa guutuutti deebii kennuun rakkisaa dha. Maaliif yoo jedhame, jaarmayootni kun eessaa akka ka’antu beekamuu danda’a ta’a malee garamitti akka deemamu ykn waan boru uumamu beekuun baay’ee rakkisaa waan ta’uufi. Karaa biraatiin yoo ilaalame ammoo, jaarmayootni kun yeroo ammaa haala akkamii keessa akka jiranis sirriitti beekuunis nama dhiba. Waanan kana jedheef boodarra barreeffama kana keessatti ibsuun yaala. Gaafiin sana dura ka’uu qabu garuu, “Jaarmayoota ykn gareelee kana akkanatti heddoomsuun ykn jijjiiruun tooftaa fi tarsiimoo qabsoo kanaatiif jedhameeti moo kaayyoo iccitiin isaa hin beekamnetu mooraa QBO keessa jiraa laata?” kan jedhu ta’a. Gaafii kana akkuma jirutti uummata Oromootiif dhiisee; garuu waan dhiibboo natti ta’e tokkon kaasuu fedha.

Durumaa jalqabee rakkooleen adda addaa mooraa ABO keessa turanillee, wanti bara 2008 booda mooraa keenya keessatti ta’e fi ta’aas jiru waan nama ajaa’ibuu dha. Jijjiiramni yeroo sana labsame, kan bu’aa fidu ta’uun isaa hafee siriidhaa diraamaa dhuma hin qabne akka uume fi diraamaan kun ammallee akka ittifufaa jiru hubachuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu. Bara 2008, yeroo gargar hiramuun uumame sana, sababni guddaan jijjiiramni labsameef mooraa ABO keessatti jijjiirama bu’uraa fiduu fi ABO haaromsuu jedhamee ture. Hogganummaa ABO keessa rakkoon akka turellee irra deddeebi’amee ibsamaa ture. Jijjiiramni labsame fi ibsame sun dhugumatti bu’aa tokko argamsiisuu danda’a jedhamee waan eegameef, qalbii uummata Oromoo waan hawwate natti fakkaata. Haa ta’u malee, jijjiiramni sun bu’aa fiduun isaa hafee waan nama gaddisiisan baay’eetu mul’atan. Guutuu barru argachuuf http://www.Gadaa.com  irra argattu.