Godina Lixa Shaggar Naannoon Garaagaraa keessatti Uummatni Sirna Bulchiinsa Wayyaanee Dura Dhaabbachuu Irraan Oromoonni Nagaa 16 Hidhamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Hagayyaa 14,2014  Midaa Qanyii

Because I am OromoGodina Lixa Shaggar , AANAA MIDAA QANYII keessatti Uummatni Oromoo qonnaan Bultootni, dargaggootni fi Barattootni guutummaatti sirna Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO jalatti afaan qawwee fi loltuun doorsifamaa hin bulluu , qajeelfamaa fi ajaja Wayyaanee irraa dabarfamu hin fudhannuu , balleessaa tokkoo malee duullii hidhaa fi adabbiin mallaqaa dabbaallota Wayyaanee maqaa Kumaandii Poostii jedhamuun ijaaramanii qawwee hidhachuun nurratti rawwachaa jiraniif hin jilbeeffannuu FDG jabeessuun dura dhaabbachuun mirga keenyaaf falmanna jechuun uummatni murtii dabarsee jira.

Haaluma kanaan Loltooti Wayyaanee akkasumas kaabineen bulchiinsa aanaa Midaa Qanyii fi Kumaandii Poostiin Wayyaanee qawwee hidhatee sochoo’aa jiru murtii uummataa kanatti rifachuun dargaggoota fi barattoota Oromoo hidhaatti guuraa jiraachuun ibsame, dargaggoota, barattoota , qonnaan bultootaa hidhuu fi daldaltoota irratti manneen daldalaa badii tokko malee cufaa jiraachuun ibsame.

  1. Barataa Hinnawuu Addunnaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  2. Barataa Dassuu Haacaaluu Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  3. Barataa Goonanaa Araarsaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  4. Barataa Kabbabaa Magarsaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  5. Barataa Qixaataa Magarsaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  6. Barataa Warqinaa Araarsaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  7. Barataa Goobanaa Abdiisaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  8. Barataa Taakkalaa Iddoosaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  9. Barataa tamasgeen Ayyaanaa Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  10. Barataa Dassaalee Baahiluu Waajjira poolisii Aanaa Midaa qanyii
    baallammiitti hidhaman
  11. Obboo Sisaay Mokonnoon mana baaburaa midhaan daakuu irratti cufan.
  12. Obboo Dammilaa Shuree baabura midhaan daakuu irratti cufan
  13. Obboo Daandanaa Diriirsaa baaburaa midhaan daakuu irratti cufan
  14. Obboo Tashaalee Angaasaa suuqii isaa fi baabuura midhaan daakuu
    irratti cufan.
  15. Obboo Takkiluu Rakka’aa baabuura midhaan daakuu irratti cufan,
  16. Obboo Abarraa Mokonnoon Suuqii isaa irratti cufuun daldalachuu dhorkan.
    Kanneen jedhama dabalatee Uummata AANAA MIDAA QANYII irratti mootummaan wayyaanee yakka jibbinsa sanyummaa fi abbaa irrummaan guutamee karaa jalee isaa fi kumaandii poostii isaa rawwachaa jiraachuun saaxilame.

Koreen Qeerroon Bilisummaa Oromoo Godina Baha Oromiyaa Haala Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Waliigalaa Irraatti marii gaggeessuun ibsa ejjennoo qabxii saddetti qabu dabarsuun marii isaanii milkiin Xummuratan.

Aside

Logo QeerrooHagayyaa 13/2015   ‘’ Qabsoon Bilisummaa Oromoo Faashinii baraa mitii hadhaa’eetu minyaa’a bu’aa wareegamaati’’ Addii Bilisummaa Oromoo  (ABO) lamas sadiis miti, dhaabaa lafee fi dhiiga ijoollee Oromootiin utubamee ijaraamedha, Kanaaf ABO diiguunis ta’ee cicciruun ykn jijjiiruun hin danda’amu. Dhaabni kun dhaaba uummataatii malee dhaaba gartuu muraasaa(nam-tokkee) akka hin taane seenaa uummataa Oromoo fi ABO waliin waliitti hidhatee jiru ni ibsa.  Ijoolleen Oromoo maqaa ABO bakkoota adda addaatti maxxanfachuun akka Sagantaa fi siyaasaa mataa ofii fi maqaa ABO bakka lamaaf sadiitti maxxanfachuun adeemsa burjaajii siyaasaa biyyoota hambaa garaagaraatti ilmaan Oromoo gidduutti muldhatu gadii jabeessuun balaaleffaanna. Ololli farra tokkummaa ta’ee afaaniin maqaa tokkummaa farsuu kun yeroon dhaabbatee ilmaan Oromoo gama qabsoo bilisummaa Oromoo ijaaruu, jabeessuu, humneessuu fi dirqama Oromummaa keessanii akka bahattan dhaamsa keenya dabarsuun, xiyyeeffannoo keenya isa guddaa Mootummaa abbaa irree garboontattuu Wayyaanee irratti xiyyeeffachuun akka hojjetnu waamicha keenya dabarsina.

Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF ilmaan Oromoo Ajjeesaa, dachee Oromiyaa saamaa, balaa beelaaf saaxilaa,duula hidhaa Jumlaa uummata Oromoo irratti gaggeessaa fi uummata Oromoo humnaan cabsee bitaa kan ture, ammas qabsoon FDG fi sochiin uummatni Oromoo gama hundaan wayyaanee irratti gaggeessaa jirru jabaachaa fi wayyaanoota yaaddoo keessa galchaa waan dhufeef mootummaan Wayyaanee qabsoo sochii diddaa biyyaa keessa fi biyyoota hambaa garaagaraa keessatti Oromoon tokkummaan irratti gaggeessaa jirru laffisuuf  ta’a jedhee ilmaan Oromoo kaleessaa biyyaa abbaa isaanii irraa arii’ate jiruuf jireenya dhorkachaa turen hardha immoo maqaa ‘’Diaspora’’ jedhuun sossobee dhiigaa obbolaa isaanii fi foon lammii isaanii guyyaa saafaa rasasaan fixaa ture ‘’Hirmii’’ yaachisaa jiraachuun hubatamee jira. Qeerroo Bilisummaa Godina Baha Oromiyaa

Sagalee Seife Nebelbaalii fi Simbirtuu, Qophii Hagayya 13 fi 14,2014

Aside

Seife Nebelbal Radio brings you news from Oromia, which can significantly contribute to the Oromo struggle. To do so, it needs your continuous support. Please make a donation to:
Chase Bank
Routing number 111000614
Account number 686623930
for internatinal dontion chas 33
We thank you in advance for helping us to continue serving the Oromo people in Oromia
Seife Nebelbal Radio seife nebelbal radio ከላይ በተጠቀሰው የሒሳብ ቁጥር እርዳታ በማድረግ የበኩሎን እንዲወጡ እንጠይቃለን :: seife radio