Utubaa Lammii Irraa
Odeeffannoon ammoo haala jireenya namaa keessatti har’a addunyudhuma walii galaa keessattuu haallewwan jireenya namaatiif barbaachisoo (necessity ) jedhaman keessatti ramaduunuu ni danda’ama. Maaliif jennaan har’a odeeffannoon addunyaa kana keessaa daqiiqaaf citnaan jeequmsa hagamii akka inni fidu mee haa yaadnu, sadarkaa odeeffannoo saatalaayitii irraa egalee. Dirree waraanaatti ajajaa fi ajajamaa gidduudhaa odeefannoon yoo cite badii dalagamuu malu tilmaamuun nama hin dhibu. Gara sab-quunnamtii uummataatti (media) haa deebinu. Har’a sab-quunnamtiin walitti dhufeenya uumataa fi hariiroo mootummoota addunyaa gidduutti ta’u keessatti bakka guddaa qaba. Odeefannoo gaarii ta’e dabarsuun, bulchiinsa gaarii keessatti misooma fi guddina inni fiduu fi olola walirratti oofuun ammoo badii inni dhaluu tilmaamuun ni danda’ama. Bifa kamiinuu ga’ee inni hawaasa addunyaa keessattis ta’ee uummatoota naannoo tokkoo gidduutti xabatu guddaadha. Odeeffannoo addunyaas ta’ee dhimma hawaasa keessaa jala bu’uu yoo barbaadde saa’atii 24 keessatti maaltu raawwatee fi deemaa jiraa dhaga’uuf yeroo argatte keessatti ganama kaatee ykn galgala mana kee teessee radio, TV, Interneeta fi carraa odeeffannoo irraa argattu mara jala buuta. Keessattuu nama siyaasaa tokkoof odeeffannoon qaama jireenya isaa keessaa tokko yoo jenne dhugaa irraa hin fagaannu. Maaltu deemaa jiraa ykn maaltu dhufuuf jiraa, siyaasa akkamiitu hawaasa sana keessa deemaa odeeffannoo barabaachisu mediyaa irraa argatta. Kanaaf yeroo hedduu mootummoonni abbaa irree mediyaa uummataa walaba ta’e ni ukkaamsu, kan mataa isaanii ammoo faayidaa olala mataa isaanii keessatti of argan qofaa dabarsu. Mediyaa cufaa biyyoota fayyadaman keessaa Itophiyaa fi Koriyaa akka fakkiitti kaasuun ni danda’ama. Mediyaa of harkaa qabaniin odeeffannoo siyaasa isaanii callaqisuu fi tarkaanfachiisuu akkasumas gowwomsaa uummataaf ammoo waa’ee misoomaatii alatti rakkina hawaasa keessaa gama siyaasaanis ta’ee dinagdeen ibsuu irraa baay’ee of qusatu. Mediyaa alarraa seenu ukkaamsuuf ammoo maallaqa hedduu itti qisaasu. Sab Quunnamtii Uummataa fi Oromoo
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk