Ambo Micro College Keessaa Barachaa Kanneen Turan Barattooti Oromoo Lama Bakka Buuteen Isaan Dhabme.

Aside

Fulbaana 14,2013 Finfinnee

Sochii warraaqsa Bilisummaa fi Dimokraasiif dargaggoonnii fi barattooti Oromoo deemsisaa turan waliin kan wal qabate yeroo adda addaatti mootummaa Wayyaaneen doorisifamaa kanneen turan barattooti Oromoo hordoffii tikni diinaa yeroo gara garaa irratti taasiseen tureen ,barattooti Oromo lama Mesgene Dhimmaa fi Ababu Dhimmaa Baayyisaa kanneen jedhaman Hagayya 07,2013 irraa eegalee Kolleejjii  barataa turan keessaa bakka buuteen isaanii dhabamuu gabaasi Qeerroo Ambo irraa addeessa.

Haalli kun kan yaaddesse qeerroon nanneen hidhaa naannoo Amboo fi bakkoota biro keessatti iyyaafachiisaa akka jiru dhaamsi dhaqabe beeksisa.

Kana maleen mootummaan Wayyaanee yaaddoo barruuleen warraaqsaa bakkoota adda addatti maxxanfamaa fi raabsamaa jiru irraa kan ka’e godina Ilu-Abbaa Booraa magaalaa Baddallee keessatti humna waraanaa fi tikaa heddummeessuun dabballooti ABO magaala kana seenaniiru sababa jedhuun bufata adda addaa fi bakka oolmaa dargaggootaa sakata’aa akka jiru Qeerroon godhina kanaa gabaasa.

Haala Oromiyaa Keessaa Irratti Yaada Qeerroo Magaalaa Naqamtee

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal,Fulbaana 12,2013

Aside

Lixa Shawaa Madhee ABO Hojjettoota Gudara Waliin Haala Walii Galaa irratti Gaaffii fi Deebii Ta’e.

Aside

Barruuleen Warraaqsaa fi dhaadannoo Magaalota Oromiyaa Garaagaraa fi Finfinnee Keessatti Maxxanfaman.

Aside

Fulbaana 12,2013 Finfinnee

Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Kan Diimokiraasii fi Bilisummaa(Qeerroo)
Akkuma beekamu yeroo ammaa Wayyaaneen barri bittaa isheetii waan xumuramuu jala gaheef ilmaan Oromoo yakka tokko malee gaafatama seeraa jala kan jiranis ajjeesuudhaan qabeenyaa uummata Oromoo saamuu; hidhaa garmalee ariyatamuu manneen barnootaa irraa addumatti ilmaan Oromoo irratti akka raawwataa jirtu beekamaa fi ifa kan taheedha. Haalli gocha wayyaanee kanaa biyya keessatti yeroo ilaalamu guyyuudhaan kan dabalaa deemuudha miidhaan Oromoo irra gahaa jiru kuni. Sababa kanaan wal qabatee kakaumsa uummata oromoo fi barattoota akkasuma bara mootummaa wayyaanee kanatti xumura itti gochuuf Qeerroon Bilisummaa waraqaalee adda addaa dhaadannoo fi kkf magaalaa Finfinnee Yuuniversitii,koollejjii,manneen barnootaa fi dhaabbata adda addaatti maxxansaa tureera,akkasuma waamichi qabsoo godhamaa tureera, magaalaa Finfinnee qofa keessatti osoo hin taanee godinaalee addaa naannawwaa Finfinneettis kan raabsamee fi maxxanfamaa tureedha.
Kunis mootummaa Wayyaanee kan yaaddeesse tahuudhaan hidhamuun uummataa jabaatee kan itti fufaa jiruudha. Kun ammallee Qeerroo Bilisummaa boodatti kan hin jechisiisne itti fufuudhaan waraqaaleen hanga gandaatti, mana barumsaatti,hawaasa Oromoo gidduutti jijjiiramni tokko akka tahuuf ergamee akka maxxanfamu dhaamsa dabarfamee jira,sochiin gama hundaan jiru qabsoo jabeessee kan itti fufsiisaa jiruudha. Waraabbiin kan nun geenye godinaalee adda addaa kanneen akka Qellem,Shawwaa Bahaa,Harargee keessattis waraqoonni hedduun maxxanfamanii akka jiran gabaasaan nu gahaa jira. Waraabbiwwan jiran wal duraa duubaan gara fuula duraatti ni maxxansina. kanaa gaditti kan argamuudha.

Wareegamuu Ing,Tasfahun Irratti Yaada Qeerroo Bilisummaa Godina Jimmaa

Aside

SBO Fulbaana 11 Bara 2013

Aside

Goota Inji. Tasfahun Camadaa fi Oromota Kofaletti Ajjefamanif Sirni Dungo Ibsuu Washington DCtti geggeffameef.

Aside

Sirni dungoo ibsuu goota Oromoo Injinar Tasfaahun Camadaa fi Oromoota nagaa magaalaa Kofaleetti mootummaan abbaa irree fi fashistii Wayy

IMG_1733aanee ajjeese yaadachuuf Jimaata Hagayya 30, 2013 galgala galma Waltajjii Oromootti (OromoCenter) haala fi sirna boonsaatiin bakka uummati baayyeen argametti kabajame. Sagantaa kana mata durummaan ka qopheessan Waldaa Walgargaarsa Dargaggoota Oromoo (WWDO) fi Ijaarsa Dubartoota Oromoo Adunyaa (IDOA) yoo ta’an dargaggooti Oromoo naannoo DC fi Maryland jiraatan dhuunfaadhaan qophii sana keeysatti qooda fudhachuudhaan sirni yaadannoo kun akka milkaa’uu fi fiixa bahu tahee jira.

Galgala kanatti sagantaa sa’aa 6:00w.b. eegalee geggeeffameen sirni yaadanno daqiiqaa muraasaaf erga raawwateen booda seenaan goota Oromoo Injiinar Tasfaahun Camadaa ummata achitti argameef kan dubbifame yoo ta’u, haala ajjeechaa fi miidhaa ummata Oromoo magaalaa Kofalee irra gahees ibsi kennamee uummata hubachiisuun dandayamee ture. Seenaa barumsaa, jireenyaa fi qabsoo boonsaa Injiinar Tasfahun Camadaa haga dhuma lubbuu isaatiitti keessa dabre dargaggoota Oromoof fakkii gaarii fi jabinaa akkasumas kaka’umsa dargaggooti Oromoo yeroo ammaa agarsiisaa jiraniif humna akka ta’e dhugoomsee jira. Ajjeechaan Oromoota nagaa magaalaa Kofaletti mootummaa abbaa irree Wayyaaneetiin ta’es gaaffii haqaa fi ka mirga amantii ummati keeyna dhiyeessaa jiru dhaamsuu irra caalatti ka jabeessuu fi ummata Oromoo amantii Isalaamaa hordofus ta’e amantii biraa hordofu tokkomsee gaaffii eenyaumaa fi abbaa biyyummaa isaaf akka ka’u ka taasisu ta’uun isaa ibsa kenname keeysatti jala muramee jira. Gaaffiin mirga amantii impayira itophiyaa keeysatti waggaa tokkoof walakkaadhaaf ka geggeeffamaa jiru yoo ta’u mootumman abbaa irree Wayyaanee garuu sababa golga amantiitiin jibiinsa ummata Oromoo irraa qabuun kan iratti xiyyeeffatee jumlaatiin ajjeessaa turee fi ammas itti jiru ummata oromoo qofa irratti ta’uun isaa mootummoti Habashaa hagam gaaffiin Oromoo biraa dhiyaattu uute isaan qabuu akka dandeessuu dursanii waan beekaniif obsa ummattoota kaaniif qaban ummata Oromoof akka hin qabne kan mul’isu ta’uu isaa ibsuma galgaala kana godhame keeysatti addeeffameera.

Akkasumas, Oromooti bebbeekamooni fi bakka bu’ooti waldaalee amantii bakka sanatti argamanii ummata Oromoof dhaamsa ijaarsaa adda addaa kan dabarsan yoo ta’u, keeysattu dhaamsi irra caalaan ka irratti xiyyeeffate dargaggoota Oromoof ta’ee yeroo ammaan tana yeroo diinni Oromootti akkas dulaa jiruu fi jiruu fi jireenyi ummata oromoo akka hin taane ta’aa jirutti dirqami dargaggooti Oromoo irratti kufee jiru baayyee guddaa waan taheef caalaatti jabaatanii dirqama lammii isaanii badii irraa hambsuu irratti akka bobba’ani dhaamanii jiru.Galgaluma kanatti hasawaan waldaalee fi qaamota hawaasa Oromoo magaalaa Washnigton DC fi naannoo ishii jiraataniin taasifamee ture. Bakka buutoti Ijaarsa Dubartoota Oromoo Adunyaa (IDOA) fi Waldaa Walgargaarsa Dargaggoota Oromoo (WWDO) wal-duraa duubaa hasawa taasisaaniin ummati Oromoo yeroo itti sadarkaa murteessa irra gahee irra waan jiruuf diina qe’ee isaatti dhufee isa lafa irraa bal’eessuuf muratee ka’e dura dhaabbatee ifirraa deebisuuf bakkuma jirutti lagaa fi amantii akkasumas ilaalchaan osoo wal hin qoodin gurmaa’udhan qabsoo haqaa fi kan abbaa biyyumaa isaa akka finiinsee bakkaan gahatu dhaamsi dabree jira.

Sirna dungoo ibsuu kana irratti walaloowwan goota Oromoo faarsan dargaggoota Oromoo lamaan kan dhiyaataan yoo ta’u, sagantaaleen goota Oromoo kana ittii yaadatamus addatti kan geggeeffamee ta’uun hubatameera.

Uummanni godhina addaa naannoo Finfinnee jiraatu bishaan summaawaan miidhamaa jiru.

Aside

Fulbaana 10,2013

BU’AA OROMIYAAN FINFINNEE IRRAA ARGATTE, Uummatni godina addaa Finfinnee jiraatan sababa xurii Finfinnee irraa gadi yaa’u hanqinna bishaan qulqulluutiin rakkachaa jiraachuun beekama. Itti gaafatamaan waajjira Bishaan Albuuda fi inarjii godina addaa Finfinnee Obbo Maatiwoos alamu akka jedhanitti aanota Finfinnee marsanii jiraatan keessaa aanaa Muloo qofaatu bishaan qulqulluu argachaa jira. Warri kaan garuu xurini Finfinnee irraa gadi yaa’u waan bishaan faaleef bishaan qulqulluu dhabaniii rakkachaa jiru jedhaniiru. Bishaan boollaa yoo qotames bishaa summaa’aa waan taeef rakkoon guddaa mudachaa jira jedhaniiru. Fakkeenyaaf aanaa Aqaaqiitti gandoota 14 keessatti bishaan boolla gadi fagoo yoo tae malee bishaan qulqulluu hinjiru. Kun bu’aa Oromiyaan Finfinnee irraa argattedha

Dhaloonni maal kolfa!

Aside

QEERROO BISHOOFTUU Irraa
Maaltu itti tollaan ilkaan gadi yaasaa?
qoratamuu qaba maddi gammachuusaa
kan saba dhokote maaluma argattee?
naa gaafadhaa maaloo maalif ilkaan yaastee?
guyyaa yeroo hojii halkan yeroo hiribaa
innoo gadda hin beekuu yeroo hunda sirbaa
mee ka’een si gaaffa maaluma kolfitaa?
maaltu sitti tollaan ilkaan nutti yaastaa?
bara bitaaf mirgaa ollaan wal gargaaru
hacuuccaa saba isaaf onneefatee aaru
mana gaddaa teessee ilkaan nutti yaasta
silaa safuu hin beektu faduula jiraatta
bara dhugaan badee sobni nuun taphatu
bara guyyaa saafaan shirri hedduumatu
bara lammii keetti jireenyi hadhooftu
bara uummati kee gabrummaan jiraatu
bara xiqqaaf guddaan bilisummaaf kaatu
araar,araar jedhee uumaa isaa kadhatu
kan kee kuni maali? maali kan kofaltu?
fala yoo dhabde illee garaan maaf si hin aartu???

DHALOONNI MAAL KOLFA1.docx