Oromiyaa: Irreecha Bishooftuu Bara 2012 Irratti Qeerroo Bilisummaan Maal Jedhee?

Aside

Waadaa/Irbuu  Qeerroo Bilisummaa 2012

Ayyaana Irreechaa Baranaa Laalchisee Waamicha Ummata Oromoo Maraaf!

Aside

Fulbaana 21, 2013

Ayyaanni ummata Oromoo guddichi waggaatti gaaf tokko hawwii ol’aanaadhaan eegamu, Irreechi, Dilbata dhufu Fulbaana 29, bara 20013 kabajamee oola. Ayyaana ummata Oromoo fageenya adda addaa irraa waamee walitti fidu kana milkeessuuf sabboontonni Oromoo tattaaffii guddaatti jiran. Hiree waggaatti gaaf takkittii argamtu tana irratti ummanni Oromoo miliyoonotaan bahee waan hirmaatuuf, guyyicha guyyaa isaa (Annual Oromo Day) godhatee akka oolu beekamaa dha. Ayyaanni kun raaw’annaa irreeffannaaf jecha Hora HarSadiitti kan geggeeffamu tahu illee, guyyaan kun Finfinnee dabalatee magaalaalee fi baadiyyaalee Oromiyaa mara keessatti Guyyaa Oromoo tahee oola. Ummanni Oromoo ayyaana isaa Irreecha sadarkaa kanatti ol guddifachuu kan danda’e qabsoo waggoottan dheeraa dabran taasisaa baheeni malee kennaa mootummaa Wayyaaneetiin akka hin tahinis ifa galaa dha.

Waamicha Irreechaa- Amharic.pdf

Waamicha Ummata Oromoo Maraaf.pdf