Godina Arsii aanaa Kofalee bakka Waabee jedhamutti diddaan uummata Oromoo qindaawaan mootummaa wayyaanee mudate‏

Aside

Hagayya 03,2013 Gabaasa Qeerroo Kofalee

OromiaALutaContinua2011FDGAkka gabaasaan Qeerroo godina Arsii aanaa Kofalee irraa addeessutti, Hagayya 01 ,2013 irraa kaasee hanga gabaasaan kun qindaawetti diddaan uummata Oromoo mootummaa Wayyaanee irratti daran jabaachuun Godina Arsii aanaa Kofalee bakka Waabee jedhamutti gaaffii mirga lafaa fi hidhaan dararaan akka Oromoo irraa dhaabbatuuf ummanni kaaseen wal qabatee diddaan ummataa ka’ee jira. Haala kanaan namoota Oromoo sababaa ummata qindeessitan jedhuun Wayyaaneen hiidhaatti guurte battala akka gadhiifaman,gaaffiin Oromoo akka deebi’u jechuun uummatni guutummaan mootummaa Wayyaanee dura dhaabbate.Mootummaan wayyaanee kanaan kan baarage waraana hedduumminaan bobbaasuun diddaa uummataa dhaamsuuf yaalus uummatni gamtaan karaa dhagaan cufuun,Akkasumas karaa konkolaataa itti kutuun diddaa jabaa gaggeessanii jiran.Aanaa Arsii keessatti ilmaan oromoo yeroodhaa gara yerootti maqaa amantii fi miseensa ABOn mana hidhaatti guuramuun kan hammaate yoo tahu diddaan qindaawe mootummaa wayyaanee mudatee jira.Yeroo ammaa kanas kanaan konkolaataa guutuun cufamuun uummatni gamtaan waraana mootummaa wayyaanee dura dhaabbachaa jira.Mootummaan wayyaanees poolisoota federaalaa konkolaataa 4 humna dabalataa gama kanatti erguunis beekamee jira.

Weeyrarri duguuginsa shanyii Oromiyaa bahaa ona Anniyyaa irratti Wayyaneen bante itti fufaa jira!

Aside

Oromo Rally Against Ethiopia’s Human Rights Violations & Land-Grabbing (Aug. 2, 2013 – DC)

Aside

http://youtu.be/diwuS7QUWQo

http://youtu.be/4cHBNsqKWnM

Oromo TV Dr. Gemechu Megerssa: A conversation the last part

Aside

http://youtu.be/SyUfUfbucZk

Oromo peaceful protest in Washington D.C

Aside

Friday, 2 August 2013

Oromo peaceful protest in Washington D.C

About 200 activists gathered in front of the White House to draw attention to human rights violations and targeted repression of Oromo people in Ethiopia. The Oromo makeup about half of Ethiopian population.

Despite their numerical majority, the Oromo remain largely marginalized. Starting about 10a.m. friday, activists from Washington D.C and surrounding areas called on the U.S government to exert more pressure on Addis Ababa. “Obama we count on you for restoration of human rights in Ethiopia,” the activists chanted.

#Oromo: about 200 activists gathered in front of the White House to draw attention to human rights violations and targeted repression of Oromo people in Ethiopia. The Oromo makeup about half of Ethiopian population. </p><p>Despite their numerical majority, the Oromo remain largely marginalized. Starting about 10a.m. friday, activists from Washington D.C and surrounding areas called on the U.S government to exert more pressure on Addis Ababa. "Obama we count on you for restoration of human rights in Ethiopia," the activists chanted. </p><p>"No taxpayers money for dictators." </p><p>The rally, organized by Oromo Youth Association in DMV area, Oromo Community Organization in D.C, and Oromo Studies Association, is intended to draw attention to human rights violations, call on #Ethiopia to free political prisoners, and ask the government to halt land grabs. </p><p>They also called on UNHCR and other human rights organization to protect Oromo refugees in Egypt, Yemen, Djibouti and other places.

“No taxpayers money for dictators.”
The rally, organized by Oromo Youth Association in DMV area, Oromo Community Organization in D.C, and Oromo Studies Association, is intended to draw attention to human rights violations, call on ‪#‎Ethiopia‬to free political prisoners, and ask the government to halt land grabs.

They also called on UNHCR and other human rights organization to protect Oromo refugees in Egypt, Yemen, Djibouti and other places.

Source:-Opride facebook page

Gaaffiin dabalinsa miindaa dhaabbiilee barnootaa fi waarshaalee gurguddoo keessatti bifa tokkummaan eegale.

Aside

Hagayya 2,2013 Finfinnee

Hojii dhabdummaan,Qaalainsi jireenyaaImpaayera Itoophiyaa keessatti rakkoo hammaachaa dhufe mootummaan wayyaanee itti gaafatamummaa haa qabaatu jechuun hojjettootni waarshaa Tandaahoo Gamtaan gaafatan.Gaaffiin dabalinsa miindaa Yuunivarsiitiilee keessaa fi waarshaawwan mootummaa wayyaanee fi alagootaa keessatti jabaachaa dhufuu irraa mootummaan wayyaanee kan baarage miseensota EPRDF fi basaastota isaaf dhoksaan dabalinsa miindaa gochaa jira.Hojjettoota mootummaa guutummaa biyyattii irratti shirri kun kan saaxilame dhaabbiilee barnootaa fi waarshaalee gurguddaa keessatti gaaffii muddaa tahee jira,Mootummaan wayyaanee hidhaa fi himata shororkeessummaan gaaffii mirgaa ukkaamsuu kan bare Waarshaa Sukkaaraa Tandaahoo waraanaan marsee eegaa jira.Diddaan hojii dhaabuus waarshaa kana keessatto raawwatamuu fi diddaawwan wal fakkaataan waarshaa Sukkaara Fincaaaa fi Ease industrial Zone keessatti raawwatamuun ni yaadatama.

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbaal

Aside

Seenaa Laalessaa Oromoo Irra Gahe/ Calii Calanqoo

Aside

Siidaa Yaadannoo – Calanqoo Calii fi Sheek Bakrii Saphaloo (Oromo-Oromia)

http://youtu.be/mHL5IxTEI5o

Godina Harargee bahaa keessatti barruuleen Warraaqsa hedduminaan ummata dhaqabaa jiraa.Maadheeleen ABOs gumaata maallaqaa taasisan

Aside

Hagayya 1,2013 Haromaaya

Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa keessatti maadheeleen ABO walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii taaisuun qabsoo bilisummaa Oromoo tarkaanfachiisuuf kan oou gumaata maallaqaa 415(dhibba afurii fi kudha shan) gumaatan.Maadheeleen kunneen gumaata maallaqaa armaan dura taasifamaa tureen waraqaalee dhaadannoo heddumminaan qopheessuun magaala Haramaayaa,Baatee,Awwadaay,Hararii fi Dirree Dawaa keessatti maxxansanii jiran.Waraqaalee dhaadannoo

1. Nuyi mootummaa wayyaanee jala hin bullu

2. ABO kallacha ilmaan oromooti

3. Oromoo qeerroo waliin kai

4. Mootummaan wayyaanee bututeera

5. WBOn gaachana ilmaan oromooti

Kanneen jedhan diimaa magariisa diimaa fi loogoo Qeerroo irratti gochuun hedduumminaan mxxansanii jiran.Balbla Yuunivarsiitii Haramaayaatti waraqaaleen dhaadannoo kunneen maxxanfamuun mootummaa wayyaanee fi jala deemaa campus kanaa kan tahe Saxxeeny kan jedhamu dhiphuu keessa buusee jira.Waardiyootni Yuunivarsiitii kanaas qorannoon rakkifamaa jiru.Yeroo waan kun tahu argitanii dhoksitan jedhamuun gaaffii dabaan rakkifamaa jiru.Qeerroon Yuunivarsiitii kanaa fi naannawa ishee hanga bilisummaa keenya mirkansinu qabsoo itti fufna jechuun addeessanii jiran.