SBO Hagayya 14 Bara 2013

Aside

Hojjettootni hidha Abbayyaa dabalinsa miindaa gaafataniif deebii hatattamaa dhabuu irraa tarkaanfii hojii dhaabuu fudhatan

Aside

Hagayya 13,2013 Finfinnee
Hojii misoomaa fakkeessuun dhimma siyaasaa jabaa kan ittiin gaggeessaa jiru mootummaan Wayyaanee inni tokko hidha Abbayyaati.Maqaa hidha Abbayyaan qotee bulaa irraa kaasee maallaqa dirqamaan akka kaffaluu fi diddaawwan garaa garaa turuun isaas ni yaadatama.Yeroo ammaa kanatti hojjetootni hidha abbayyaa guutummaan dabalinsa miindaa gaafachuun mootummaa wayyaanee rifaatii keessa buusee jira.Mootummaan wayyaanee gaaffii keenyaaf deebii hatattamaa hin kennu taanaan tarkaanfii fudhanna jechuun kan beeksisan yoommuu tahu wayyaaneenis deebii kennuu dhabuu irraa hojjettoota drilling machine kanneen tahan 40 guutummaan hojii dhaabuu isaanii beeksisanii jiran.Hojii eegumsaa irratti kanneen hojjetan namoota 87 keessaas hojii nama 10 duwwaan akka seenan beekamee jira.Hojjettootni 2000 ol tahan gaaffiin kun hatattamaan deebiuu qaba jechuun gaaffiin muddaa jiru.Hojiin hidha abbayyaa hojii siyaasaa biyyattii jabaa kan tahe yeroo ammaa diddaa jabaan hojjettoota irraa mudachuu irraa mootummaan wayyaanee rifaatii jabaa keessa seenee jira.Hojjettoota hidha kanaa kanneen tahan rakkoo fayyaaf saaxilamaa turuun isaaniis ni yaadatama.

Barattootni Yuunivarsiitii Arbaminc mooraa Nacci saar diddaa sirna Wayyaanee kaasan

Aside

Hagayya 13,2013 ArbaaMici

Dhiibbaan mootummaan Wayyaanee barattoota Yuunivarsiitii irratti gaggeessaa jiru hammaachuu irraa har’a  Hagayya 13,2013 ganama irraa eegalee barattootni Yuunivarsiitii Arbaminc Koollejjii fayyaa kampaasii Nacci saar keessaa baratan sirna mootummaa wayyaanee dura gamtaan dhaabbatan,Mootummaan wayyaanee barattoota dhaabbiilee barnootaa keessaa saa barbaade fuudhee hidhee saa barbaade hiikee murtiis barbaade kennuu irraan siyaasa isaa jabeeffachuuf baajata barattootaaf bahe fayyadamuu hin qabu jechuun gamtaan gaaffii dhiyeessanii jiran.Mootummaan wayyaanee gocha kanaan kan baarage waraana hedduumminaan itti bobbaasuun gaaffii mirgaa dhaabuu yaalus waraanni gaaffii mirgaa dhaabuu hin dandau jechuun barattootni gamtaan gaaffii mirgaa finiinsaa jiru.Yeroo ammaa kana mooraan yuunivarsiitii kanaa waraanaan kan tikfamaa jiru yoommuu tahu mootummaa Wayyaanee bututeef harka hin laannu jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Arbaminc gabaasee jira.

Aside

                   

logo-qeerroo-oromiyaa3

Murtiin Dabaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Adda Addaa fi Duulli Uummata Oromoo Irratti Baname Qabsoo Oromoo Galii Hin Hanqisu.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa

Hagayya gaafa 7 bara 2013 Manni Murtii Wayyaanee dhaddacha ooleen galmee barataa Dachaasaa Wiiruu jalatti barattoota Oromo 24 irratti murtii fudhate murtii haqa irraa jallatee fi duula ta’e jedhamee ummata Oromoo irratti baname waan ta’eef jallina haqa Oromoo kanaaf mootummaan Wayyaanees ta’e gartuun sirnicha tajaajiluun miidha hanga hin qabne baratootaa fi addattis ummata Oromoo irraan gahaniif gaafatama jalaa hin bahan.

Baratoota Oromoo Yuuniversitiilee adda addaa irraa walitti qabuun  himata “mootummaa EPRDF mootummaa haqaa fi ummata Oromoo sirnaan tajaajilaa hin jiru jechuun ummata mootummaa irratti kakaasuuf qindooftanii waan jirtaniif maqaa shororkeessummaan yakkamtan” jechuun mootummaan Wayyaanee baratoota Oromoo dhaddacha isaa dhaabee murtii hidhaa wagga dheeraa fi gabaabaa irratti murteessee jira. Oromoon mirga akka gaafatuuf jettanii gara fuula duraatti hiriira bahuuf mariyataa jirtu jechuun barattoota yeroo hidhanii fi barnoota irraa ar’inan baroota dheeraaf muldhatee jira. “Ummati Oromoo gara fuula duraatti hiriira bahuuf jettu” jechuun barattoota maqaa qindeessummaan qabamanii yakka gara malee fi murtiin dabaa Wayyaanee irratti jigaa waan jiruuf sochiin dargaggoota Oromoo biyyoolessaa gochaa kana gadi jabeessee balaaleffata. Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo hidhuu fi ummata Oromoo qe’ee irraa buqisuun rakkoo siyaasaa furuuf tattafachuun qabsoo diddaa ummata Oromoo tasa dhaamsuu akka hin dandeenye kanuma waliin beeksifna.

Guutummaa Ibsa Kanaa Dubbisuuf :- Barattooa Oromoo Yuuniversitii Adda Addaa Irraa Hidhaman ilaalchisee Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa

We Don’t Expect a Dove From Snake Egg (Ke Ibab Inkulal Irgib Antebikim)

Aside

http://youtu.be/X8ejyDuJI2M

Aside

Ethiopia: Extreme Brutality against Civilians

HRLHA

HRLHA

HRLHA Appeal and Urgent Action

August 10, 2013

For Immediate Release

The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) strongly condemns the heavy-handedness of the Ethiopian government that is causing the deaths of innocent civilians attempting to exercise some of their fundamental rights that are provided for in the countrys constitution and in international human rights instruments. According to reports obtained by the HRLHA through its correspondents, twenty- seven innocent civilians including five children (four in Kofole and one in the capital city, Addis Ababa) have been killed, hundreds have been injured and hospitalized, and thousands of others have been taken into custody in two separate incidents in the first week of August this year. In a clash between armed security forces and Muslim protestors that happened on the 3rd of August, 2013 in the Kofele region of Arsi Zone in Central Oromia, twenty- five were massacred and hundreds were injured and taken to Asela and Shashamane Hospitals.

Read more:- HRLHA Appeal and UA , August 10, 2013.pdf

SBO Hagayya 11 Bara 2013

Aside

ለሃበሻሁ ልጅ ዲያስፖራ/ Le Habeshaw lij Diaspora

Aside

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal,Qophii Hagayya 08,2013

Aside

Maqaa fi eenyuummaa ilmaan Oromoo Godina Arsii aanaa Kofalee irraa mana hidhaatti Wayyaaneetti naqamani

Aside

Hagayya 09,2013 Gabaasa Qeerroo Aanaa Kofale
BilisummaaMaqaa golgaa Amantiin duula sanyii balleessaa Oromoo irratti raawatamaa jiru galmee muldhisu maadheen Qeerroo galmeen caasaa mootummaa keessaa akka gabaasutti Oromoonni list armaa gadii  kana keessatti argaman amantii dahoo godhachuun mootummaan Wayyaanee Hagayya 05,2013 irraa kaasee aanaa Kofalee keessatti farrummaa ilmaan Oromoo irratti hojjechuun warra badii tokkoon malee hidhamani dha.

Amantiilee Protestaantii fi Waaqeffataa Oromoo guutummaan mana hidhaatti guuraa jira.Akka galmeen kun muldhisuu fi qabatamaatti Oromoonni qabamanii mana hidhaa Wayyaanee seenan amantiilee Waqeffataa,Musiliimaa fi Kiristaanota Oromoo waan ta’aniif duulli mootummaan Wayyaanee amantii dahoo godhachuun ummata keenya irratti bobba’u akka dhaabbatu Oromoon bakka martuu gaafachuun yeroo dha.

Gutummaan galmee kanaa lis kana keessaa argattu:-   List namoota hidhaman.docx