SBO Hagayya 14 Bara 2013 Aside https://qeerroo.org/wp-content/uploads/2013/08/14082013sbo.mp3 Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Hojjettootni hidha Abbayyaa dabalinsa miindaa gaafataniif deebii hatattamaa dhabuu irraa tarkaanfii hojii dhaabuu fudhatan Aside Hagayya 13,2013 Finfinnee Hojii misoomaa fakkeessuun dhimma siyaasaa jabaa kan ittiin gaggeessaa jiru mootummaan Wayyaanee inni tokko hidha Abbayyaati.Maqaa hidha Abbayyaan qotee bulaa irraa kaasee maallaqa dirqamaan akka kaffaluu fi diddaawwan garaa garaa turuun isaas ni yaadatama.Yeroo ammaa kanatti hojjetootni hidha abbayyaa guutummaan dabalinsa miindaa gaafachuun mootummaa wayyaanee rifaatii keessa buusee jira.Mootummaan wayyaanee gaaffii keenyaaf deebii hatattamaa hin kennu taanaan tarkaanfii fudhanna jechuun kan beeksisan yoommuu tahu wayyaaneenis deebii kennuu dhabuu irraa hojjettoota drilling machine kanneen tahan 40 guutummaan hojii dhaabuu isaanii beeksisanii jiran.Hojii eegumsaa irratti kanneen hojjetan namoota 87 keessaas hojii nama 10 duwwaan akka seenan beekamee jira.Hojjettootni 2000 ol tahan gaaffiin kun hatattamaan deebiuu qaba jechuun gaaffiin muddaa jiru.Hojiin hidha abbayyaa hojii siyaasaa biyyattii jabaa kan tahe yeroo ammaa diddaa jabaan hojjettoota irraa mudachuu irraa mootummaan wayyaanee rifaatii jabaa keessa seenee jira.Hojjettoota hidha kanaa kanneen tahan rakkoo fayyaaf saaxilamaa turuun isaaniis ni yaadatama. Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...
Barattootni Yuunivarsiitii Arbaminc mooraa Nacci saar diddaa sirna Wayyaanee kaasan Aside Hagayya 13,2013 ArbaaMici Dhiibbaan mootummaan Wayyaanee barattoota Yuunivarsiitii irratti gaggeessaa jiru hammaachuu irraa har’a Hagayya 13,2013 ganama irraa eegalee barattootni Yuunivarsiitii Arbaminc Koollejjii fayyaa kampaasii Nacci saar keessaa baratan sirna mootummaa wayyaanee dura gamtaan dhaabbatan,Mootummaan wayyaanee barattoota dhaabbiilee barnootaa keessaa saa barbaade fuudhee hidhee saa barbaade hiikee murtiis barbaade kennuu irraan siyaasa isaa jabeeffachuuf baajata barattootaaf bahe fayyadamuu hin qabu jechuun gamtaan gaaffii dhiyeessanii jiran.Mootummaan wayyaanee gocha kanaan kan baarage waraana hedduumminaan itti bobbaasuun gaaffii mirgaa dhaabuu yaalus waraanni gaaffii mirgaa dhaabuu hin dandau jechuun barattootni gamtaan gaaffii mirgaa finiinsaa jiru.Yeroo ammaa kana mooraan yuunivarsiitii kanaa waraanaan kan tikfamaa jiru yoommuu tahu mootummaa Wayyaanee bututeef harka hin laannu jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Arbaminc gabaasee jira. Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Click to share on X (Opens in new window) X Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...