Murtiin Dabaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Adda Addaa fi Duulli Uummata Oromoo Irratti Baname Qabsoo Oromoo Galii Hin Hanqisu.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa
Hagayya gaafa 7 bara 2013 Manni Murtii Wayyaanee dhaddacha ooleen galmee barataa Dachaasaa Wiiruu jalatti barattoota Oromo 24 irratti murtii fudhate murtii haqa irraa jallatee fi duula ta’e jedhamee ummata Oromoo irratti baname waan ta’eef jallina haqa Oromoo kanaaf mootummaan Wayyaanees ta’e gartuun sirnicha tajaajiluun miidha hanga hin qabne baratootaa fi addattis ummata Oromoo irraan gahaniif gaafatama jalaa hin bahan.
Baratoota Oromoo Yuuniversitiilee adda addaa irraa walitti qabuun himata “mootummaa EPRDF mootummaa haqaa fi ummata Oromoo sirnaan tajaajilaa hin jiru jechuun ummata mootummaa irratti kakaasuuf qindooftanii waan jirtaniif maqaa shororkeessummaan yakkamtan” jechuun mootummaan Wayyaanee baratoota Oromoo dhaddacha isaa dhaabee murtii hidhaa wagga dheeraa fi gabaabaa irratti murteessee jira. Oromoon mirga akka gaafatuuf jettanii gara fuula duraatti hiriira bahuuf mariyataa jirtu jechuun barattoota yeroo hidhanii fi barnoota irraa ar’inan baroota dheeraaf muldhatee jira. “Ummati Oromoo gara fuula duraatti hiriira bahuuf jettu” jechuun barattoota maqaa qindeessummaan qabamanii yakka gara malee fi murtiin dabaa Wayyaanee irratti jigaa waan jiruuf sochiin dargaggoota Oromoo biyyoolessaa gochaa kana gadi jabeessee balaaleffata. Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo hidhuu fi ummata Oromoo qe’ee irraa buqisuun rakkoo siyaasaa furuuf tattafachuun qabsoo diddaa ummata Oromoo tasa dhaamsuu akka hin dandeenye kanuma waliin beeksifna.
Guutummaa Ibsa Kanaa Dubbisuuf :- Barattooa Oromoo Yuuniversitii Adda Addaa Irraa Hidhaman ilaalchisee Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa
