Aside

Oromiya

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Godina Dhihaa Oromiyaa

Duguugginsaa sanyii (Genocide ) Oromiyaa keessaatti Ummataa Oromoo irraatti gaggeeffamaa jiruuf mootummaan nannoo Oromiyaa fi Federalaa Wayyaanee adda durummaan itti faafatamummaa jalaa hin bahan.

Oromiyaa keessaatti yeroo irraa gara yerootti duulli duguuginsa sanyii mootummaan Wayyaanee U/Oromoo irraatti fudhachaa jiru jabaatee itti fufaa jira. Hagayyaa 3/2013 Godina Arsii Lixaa aanaa Kofalee fi nannoo sanatti uummata Oromoo nagaa hordoftoota amantaa Muslima gaaffii mirgaa karaa nagaa waggaa lamaa oliif gaaffaachaa jiruu irraatti humna ittisa biyyaa waraana bobbaasuun yakkii ajjeechaa ilmaan Oromoo namoota 20 ol irraatti raawwatee jira, ajjeechaa jumlaa Ummataa Oromoo nagaa irraatti gaggeeffaamaa jiruuf itti gaafatamaan mootummaa nannoo Oromiyaa ofiin jedhuu fi mootummaa Federaalaa Wayyaanee EPRDF ta’uu Qeerroon ibsa ajjeechaa jumlaa ummataa Oromoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofaleetti waranaa Mootummaa EPRDF’n fudhatame ilaalchisuun baaseen hubachiisee jira. Mallattoo mootummotaa abbootii irree keessaa inni guddaan uummataa isaaniin mormu humna waraanaa of harkaa qaban itti bobbaasuun kallaattiin dhukaasaanii ajjeessuudha, mormitotaa sirna isaanii dhabamsiisuu dha, kanaaf Ethiopia keessaatti Minilik, Hayilee Sillaasee, Darguu,fi mootummaa EPRDF Wayyaaneen ammaa angoo biyyattii afaan qawween dhuunfatee jiruu fakkeenyaa gaariidha.

Keessaattuu ajjeechaa suukkaaneessaa Hagayyaa 3/2013 Godina Arsii Lixaa aanaa Kofalee fi nannoo isheetti uummata Oromoo nagaa hordoftoota amantaa Muslima gaaffii mirgaa karaa nagaa gaaffaachaa jiruu irraatti humna ittisa biyyaa waraanaa bobbaasuun ummataa meeshaa maleeyyiitti waranaa bobbasuun ajjeechaa jumlaa uummataa keenyaa irraatti raawwatameef mootummaan nannoo Oromiyaa fi Federalaa wayyaanee itti gaafatamuu qabu. uummaanni kumatti lakka’amuu jumlaan mana hidhaatti darbamee jira. keessaattuu mootummaan nannoo Oromiyaa namoota sadii qofatu du’ee jedhee karaa foddaa TV isaa amanee, kaan haalee jiraachuun itti gaafatama jalaa kan isaan hin baasnee ta’uu ni hubachiifna.

Guutummaan ibsa kanaa:- Ibsa Qeerroo Godina Dhiha Oromiyaa Hagayya 2013

“Duulli Ummata Oromoo irratti ta’us qabsoo keenyaan injifatchuu malee duubatti nu hin deebisu” Dargaggoo Juwar Mohammad/EthioTube

Aside

http://youtu.be/8vtGIdnaYMY

Ayyaanni Fiichee Cambalaalaa uummata Sidaamaan kabajamu diddaa qindaawe haammatee dhufuun mootummaa wayyaanee dhiphise

Aside

Hagayya 07,2013 Fiichee

Ayyaanni Chambalaalaa Fiichee uummata Sidaamaan kabajamu diddaa uummataa harkisee mootummaa Wayyaanee dhiphise.Mootummaan Wayyaanee sabaa fi sablammii impaayera Itoophiyaa keessaa irratti dhiibbaa garaa garaa gaggeessaa kan ture sabni cunqurfamaa Ayyaana kana irratti dura dhaabbachuun gaaffiilee mirgaa garaa garaa dhiyeessanii jiran.Gaaffiiwwan mirgaa mootummaan wayyaanee abbaa irree waan taheef aangoo irraa haa buu,Kibbi kallattiidha malee uummata hin ibsu kanaaf Sidaamaan naannoo of dandeesse dha,Hidhamtootni siyaasaa haa hiikamanii fi kkf dhaadachuun mootummaa wayyaanee dhiphisanii jiran.Dargaggootni sidaamaa waraqaa dhaadannoo fi waamichaa galgala irraa kaasuun magaala hawaasaa fi bakkeewwan garaa garaatti kan bittinsan yoommuu tahu,uummatni haamileen mirga isaa akka gaafatu taasifamee jira.Mootummaa wayyaanees gocha kanaan kan baarage waraana hedduumminaan bobbaasuun dargaggoota mana hidhaatti guuree ukkaamsee jira.Dargaggootni sidaamaa

1. Dargaggoo Sintaayyoo Lankaamoo

2. Dargaggoo Amaaree Kamisoo

3. Dargaggoo Biraanuu Kifle

4. Dargaggoo Gaarradoo Hoomaa

5. Dargaggoo Dastaa Chucha

6. Dargaggoo Lammisoo Shuuraa

7. Dargaggoo Dassaaleny Alamuu

Kanneen jedhaman dargaggoota 40 ol waliin mana hidhaa keessatti ukkaamsamanii jiran.Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa karaa hidhaa fi ajjeechaa kan dura dhaabbatu tahuu duruu hubanne waan taheef itti fufinsaan diddaa gaggeessina jechuun dargaggootni sidaamaa ibsanii jiran.

Wallagga,Anifilloo Keessatti Oromoonni Qabeenyi isaanii mootummaa Wayyaanee mancaafame qorqalbiin miidhamuu gabbaafame

Aside

Hagayya 07,2013 Anfilloo
Qonnaan bultooti godina Qellem Aanaa Anfilloo keessaa heddumminaan mootummaa Wayyaaneen dirqisiifamanii qabeenyaa fi qe’ee isaanii irraa buqifamuu fi kanneen mirga falmatan ammoo guutummaatti hidhaatti geessuun dararaa akka jiran beekamaa dha. Namoonni hedduun qabeenya isamamanii fi buna baroota dheeraaf akakilii irraa hanga ilmaaniitti wal dhaalchisaa dhufan guutummaatti humna Wayyaaneen ciramee lafti isaanii alagaatti gurguramaa jira haala kanaan Oromooti bakkatti galan dhabuu fi ilmaan isaanii waan nyaachisan dhaban dhibee gara garaaf saaxilamaa akka jiran,bakka deeman dhabanii godaantee kallattii dhabde ta’aa jiru.

Haala kanaan baratooti Oromoo kolleejjii adda addaa irraa barataa turan boqonnaa yeroo gannaaf qe’ee fi maatii isaaniitti galan keessaa heddumminaan warraa fi qe’ee bakkaa dhabuu irraan dhukubaaf saaxilamanii bakkatti waldhaanaman dhabanii joonjeetti galanii akka jiran gabaasi qeerroo Anifilloo irraa addeessa. Kanneen kunis:-

1. Gurmeessaa Baalchaa-Dhalootaan Anfilloo ganda Garjeedaa

2. Alamuu Sirneessaa- Dhalootaan Anfilloo ganda Garjeedaa

3. Geetachoo Maammoo- Dhalootaan Anfilloo ganda Garjeedaa

4. Sh/Husseen Abdallaa- Dhalootaan Anfilloo ganda Alakuu Masaraa

Kan lubbuudhaan of ajjeesse ammoo

Taarikuu Maammoo dhalootaan Anfilloo ganda Suddii kan jedhamuudha.

Kan hedduu nama gaddisiisu qabeenyaa isaanii dhabanii sammuu isaaniis akkasuma lubbuu isaanis dhabani. Ammallee teenyee ija keenyaan hin ilaallu jechuun barattooti hedduun ona kana irraa bakka biraatti godaanaa jiran hedduu akka tahan gabaasaan ona kana irraa nugahee jiru addeessa.