OSA’s Appeal Letter about Oromo Refugees in North Africa and the Middle East

Aside

OSA_QNewsletter_April2013

April 9, 2013

Mr. Antonio Guterres
United Nations High Commissioner for Refugees (UNHCR)
Case Postale 2500
CH-1211 Genève 2 Dépôt Suisse.
Email: InfoDesk@ohchr.org; GUTERRES@unhcr.org

Subject: OSA’s Appeal Letter about Oromo Refugees in North Africa and the Middle East

Dear Mr. Guterres,

I am writing this letter on behalf of the Oromo Studies Association (OSA), a scholarly, multi-disciplinary, and non-profit international organization established to promote studies relevant to the Oromo people. We are gravely concerned over the situation of Oromo refugees in North Africa and the Middle East. The Oromo people are the single largest ethno/national group in the Ethiopian empire and in the Horn of Africa. Oromia, homeland of the Oromos in Ethiopia, covers a large geographical area, and the Oromo people have the ability to stabilize the Ethiopian Empire and the region at large. The current government in Ethiopia is controlled by the Tigrean People’s Liberation Front (TPLF), a group originating from the Tigrayi regional state in the north that comprises only about 6% of the Ethiopian population.

[OSA] OSA’s Appeal Letter about Oromo Refugees in North Africa and the Middle East

SBO Ebla 10 Bara 2013

Aside

Hiree Keenya Ifiin Murteeffatna Jedhu Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa

Aside

Ebla 09,2013 Jimmaa

OromiaALutaContinua2011FDGGotootni Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa FDG egaalaan Jabeessuun itti fufan.Torbee darbee keessaa Bitootessaa 24/2013 irraa egaluun gaffii mirgaa Ofii kabachiifachuu gaggeessuun qaanqee FDG qabsiisaan hanga bilisummaan, Afaanii, Aadaa, Amantaa ,Enyuummaa, Sabummaa, Biyyuummaa, Siyaasaa fi Dimokiraasiin dhugaan nuuf kennamutti qabsoo diddaa garbummaa egallee jirruu jabeessiinee itti fufna Jechuun barreeffaamotaa haallaan armaan olii irraatti xiyyeeffaatan guutummaattii Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Main Campusii,Mooraa Qonnaa, Mooraa saayinsii fi Teekinoolojii fi Ikoonomisii fi Biziineesii keessaattii bakkeewwaan beeksifnii hundii itti maxxaanfamuu fi namotni hundi arganii dubbiisuu danda’anitti maxxaansuun Qabsoo mirgaa Hiree ofii ofiin kabachiifachuu jedhuu maxxansuun FDG itti fufani.

Qeerroowwaa goototni baratootni Oromoo tokkummaa isanii jabeeffaachuun karaan Ummaanni Oromoo biyyaa Dimookiraasiin hin jirree fi mirgii dhalaa namaa addaatti immoo kan Uummataa Oromoo sarbamaa jiruu keessaatti mirgaa isaa kabachiifachuu danda’uu tokkichaa innis FDG jabeessuun itti fufuun Addunyaattii iyyaachuudha, jechuun guyyaa har’aa waaree boodaa barreeffaamotaa garagaraa mooraa Yuunivarsiitii jimmaa Fi Magaalaa Jimmaa keessaa bittineessuun mormii sirna Wayyaaneetiif qaban ifatti mul’isaa jiraachuun ibsatan.

Baatii darbee keessaa dabbaalloonnii Wayyaanee murtii dabaa guddinaa Aadaa fi Afaan Oromoo quucarsuuf dabarsaan baratootni Oromoo fi Sabboontotni Barsiisotni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa sagalee guddaan balaaleeffaatanii, murtiin kunis attattamaan akka kaafamuu gaafatan, Mootummaan Wayyaanee sochii jiruu sodachuun, murtii sana ni kaasna garuu fiilmii Afaan Oromoo kan agarsiisuu dabbaalotaa mootummaa ta’uu qaba malee akka asiin duraa Gumiin guddinaa fi dagaaginaa Afaan Oromoo agarsiisuu hin danda’uu, galiin filmii fi agarsiisaa Afaan Oromoon mooraa kana keessaatti argisiifamuu mootummaaf olaa malee Gumii Guddinaa fi Dagaginaa Afaan Oromoof hin oluu jechuun murtee duraani fooyyeessinee jechuu, ammas irraa deebii’uun dabaa uummataa keenyaa irratti dalagaa jiraachuun hubatamee jira. Shiraa fi murtoo dabaa yeroo irraa gara yeroottii mootummaan abbaa irree ilmaan Oromoo irraatti dalagaa jiruu goototni baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa diddaa cimaa fi mormii cimaa kaasuun hiree keenyaa dabbaalleen kara deemtuun nuf hin murteessiituu waa’een uummataa Oromoo kallaatiidhaan nu ilaallata hiree keenyaa ofiin haa murteeffaannuu jechuun FDG egaalan jabeessan.

Mootummaan Wayyaanee sochiin baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa to’annaa isaa ol taa’aa waan dhufeef humnotaa tikaa isaa fi humna waraanaa isaa gara magaalaa Jimmaa fi mooraa Yuunivarsiitii Jimmaatti galchaa jiraachuunis saaxilamee jira.

 

Qeerroon Bilisummaa Sochii Bilisummaa Ummata Beenishaangul(BPLM) Waliin Walitti Dhufe.

Aside

(Qeerroo, Asoosaa, 8 Ebla 2013) Qeerroon Bilisummaa firummaa Sabawwan Cunqurfamoo Impaayera Itoophiyaa keessaa waliin jabeessuun Sochii Bilisummaa Uummata
Beenishaangul(BPLM) waliin walitti dhufuun dhimma qabsoo bilisummaa irratti marii taasisee jira.

Maddi Oduu Qeerroo akka gabaasetti, Sochiin dargaggoota Biyyooleessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroon Bilisummaa) gaaffii mirgaa dargaggootaa fi sochiiwwan bilisummaa Impaayera Itoophiyaa keessatti sabawwan cunqurfamoon finiinaa jiru waliin firummaa jabeessuutti jira.

Akka kanaan Qeerroon Bilisummaa, dhimma qabsoo bilisummaa irratti Sochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul(Benishangul People Liberation Movement) waliin walitti dhufuun marii hojii gaggeessee jira.

Ebla 04/2013 fi Ebla 05/2013 Qeerroon Bilisummaa dargaggoota Sochii Bilisummaa Uummata Benishaangul finiinsaa jiran waliin walitti dhufuun magaala Asoosaa keessatti dhimma qabsoo bilisummaa irratti gadi fageenyaan marii’atan.
Uummatni Oromoo fi Uummatni Beenishaangul jaalalaa fi ollaan yeroo dheeraaf nageenyaan waliin jiraachaa kan turan shira mootummaa wayyaaneen walitti buufamuu yaadachiisuun marii’atootni dhimma kanaa shira mootummaa wayyaaneen sharafamu mara dura dhaabbannaa fi tokkummaan qabsaa’uu isaaniis lafakaa’anii jiran.

Sabawwan Cunqufamoo uummata Beenishaangul uummata Oromoo diina kuffiisaa jiru cinaa hiriiruun garboomfataa mootummaa wayyaanee dura akka dhaabbatan mirkansanii jiran.

Dargaggootni oromoo fi Uummata Beenishaangul Qeerroo Bilisummaa fi Sochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul marii kana irratti walitti dhufan jaalalti ilmaan oromoo fi sabawwan cunqurfamoo kanneen akka Sidaamaa,Affaar,Sumaalee fi kanneen biro jirtu daran jabaachuu akka qabduu fi jabinaan akka hojjetan mirkasuun qabxiilee ejjennoo armaan gadii irratti walii galanii jiran.

  1. Diinni keenya mootummaa wayyaanee waan taheef diina waloo tahe kana gamtaan dura dhaabbachuun mirgaa fi bilisummaa uummata keenyaa mirkansuuf hanga dhumaa waliin ni hojjenna.
  2. Walitti bu’insa mootummaan wayyaanee tokkummaa uummata biyyattii keessaa diiguuf uummata oromoo fi uummata Beenishaangul walitti buuse guutummaan ni mormina. Uummata keenya shira mootummaa wayyaaneef gowwoomfaman ni barsiisna.Aadaa uummata keenyaa qabannee tokkummaa fi jaalalaan waliin ni jiraanna.
  3. Dhimma qabsoo bilisummaa irratti wal cinaa dhaabbachuun gargaasa gama hundaan nurraa eegamu of qusannaa malee irratti ni hojjenna.
  4. Sabawwan Cunqurfamoo biyyattii keessatti mootummaa garboomfataa wayyaaneen yeroodhaa gara yerootti mataan rukkutamaa jiran waliin tahuun gaaffii mirgaa mootummaa abbaa irree wayyaanee irratti ni finiinsina.
  5. Diinni Oromoo diina uummata Beenishaangul kan uummata Beenishaangul diina ilmaan oromoo diinni kunis wayyaanee fi jala deemtota isaa tahuu hubannee gamtaan diina keenya dura ni dhaabbanna.
  6. Walitti dhufinsa Qeerroo Bilisummaa fi Sochii Bilisummaa uummata Beenishaangul amma eegalame daran jabeessuun yuunivarsiitiilee, Koollejjiiwwan, dhaabbiilee mootummaa fi biyyattii keessatti firummaa jabeessuun akka waliin diina dura dhaabbatnu irratti ni hojjenna.
  7. Quunnamtii keenya daran jabeessuun diina keenya hanga hundeen buqqisnutti wal cinaa ni hiriirra.
  8.  Barataan,Barsiisaan,Qotee bulaan,hojjetaan mootummaa,Poolisootnii fi kanneen biroon tokkummaa ilmaan oromoo fi Beenishaangul daran jabaate cinaa dhaabbachuun akka guyyaa bilisummaa saffisiisnu irratti waamicha ni dabarsina.
  9. Waadaa keenya hanga dhumaa tikfachuun wal gargaaraa fi wal cinaa dhaabbachaa hanga dhumaa tokkummaan,gamtaa fi tooftaa diina jalaa miliqaa taheen ni qabsoofna. Kanneen jedhan yoommuu tahu quunnamtii sochiiwwan bilisummaa uummata lameeniin gaggeeffamu jabeessuuf yeroo itti wal argaas lafa godhatanii jiran.

Mootummaan wayyaanee wayita uummata Impaayera Itoophiyaa keessaa adda diiguu fi walitti buusuun bittaa umrii isaa dheereffachaa jirutti firummaan sabawwan cunqurfamoo fi sochiiwwan bilisummaa gidduutti taasifamu daran jabaachuu qaba jechuun marii isaanii irbuun goolabanii jiran.

Injifannoon sabawwan cunqufamaaf!!

Dhugaan ni injifata!

Naannoo Haramaayaatti maadheen Qilxuu Awwadaay lakk 2 fi Sabboontoti Oromoo Ejjennoo Qabsoo Fudhatanatii goototaa sababeeffachuun qopheessan.Ibsa ejjennoos lafa kaawatan

Aside

Ebla 07,2013 Haromaya

Naannoo Haramaayaatti Sabboontoti maadheen Maadhee Qilxuu Awwadaay Baarkallee lakk 2 miseensota fi deeggartoota QBO waliin walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti gadi fageenyaan erga mariiatanii jiran.Baatiin Eblaa jia goototaa waan taheef akeeka gootota ilmaan oromoo galmaan geessisuuf mariin kun balinaan qopheeffamee barattoota Yuunivarsiitii Haramaayaa hammachuun gaggeeffamee jira.Marii balaan Barattoota Yuunivarsiitii Haramaayaa fi jiraattota naannoo kanaan gaggeeffame jia gootota oromoo keessa tahuu,Yeroo hundeessitootni ABO QBOf danqa tahuuf yaalanitti tahuun isaa adda kan godhu yoommuu tahu ABO kallacha QBO kan tahe waliin wareegama kamuu kaffaluun cinaa akka dhaabbatan murteessanii jiran.Gantootnis tahe galtootni yoomuu haamilee qabsaaota oromoo kutuu akka hin dandeenyee barattootni sabboontota oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa fi naannoo ishee mirkansanii jiran.Marii isaanii goolaba irrattis ibsawwan ejjennoo armaan gadii lafa kaawatanii jiran.

1. Jiraattootni,Hojjettootni,Barsiistotni,Bulchinsi araddaa Yuunivarsiitii Haramaayaa fi naannoo ishee akkasumas ilmaan oromoo marti QBO cinaa ni dhaabbanna.

2. Yuunivarsiitiileen Oromiyaa keessatti dhaabbatan ilmaan oromoo naannoo isaanii jiran akka gargaaran ni gaafanna.Yuunivarsiitiin Haramaayaas uummata oromoo naannoo Yuunivarsiitii kanaa ilmaan oromoo Xinniqqee,Finqillee,Tuujii Gabbisaa,Daamota,Baatee akka gargaaru ni gaafanna

3. Abbootiin amantii Islaamaa,Kiristaanaa fi waaqeffannaa osoo hin jedhiin QBO cinaa akka dhaabbattan ni gaafanna

4. Uummatni oromoo yeroo mara saamamuu,hidhamuu,ajjeefamuu,dararamuun akka dhaabbatu ni gaafanna

5. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti beeksisni bahan Afaan Amaariffaa duwwaa osoo hin tahiin Afaan oromoonis akka bahu gaafanna.Bakkeewwan hojii ramaddiis baayina uummata oromoo ilaalcha keessa galchuun akka tolfamu ni gaafanna

6. Hojjettootni seeraa,Abukaattotni,Abbootiin seeraa marti mootummaa wayyaaneef qofa osoo hin tahiin dhugaa jiru duwwaa akka hojjetan ni gaafanna

7. Keeyyata seeraa biyyattii irraa ABO shororkeessaa kan jedhu akka haqamu gaafanna.ABO dhaaba siyaasaa ilmaan oromoo malee shororkeessaa miti.

8. Mootummaan Amantii biyyattii keessatti uummata rakkise akka dhaabbatu gaafanna.Seerri biyyattii keeyyata 11 lakk 2 akka kabajamu gaafanna.Dhimma amantii keessa mootummaan seenuu akka dhaabbatu gaafanna.

9. Wal tahumsa dhaabawwan ilmaan oromoo ni deeggarra.Cinaas ni dhaabbanna.Kan dhaaba ABO gane ykn ammoo sagantaa siyaasaa ilmaan oromoo itti wareegaman dura dhaabbate ykn ammoo gaaffii uummata oromoon alatti jijjiire diina ilmaan oromoo akka tahe beeksisna.Duras dhaabbanna.

10. Yuunivarsiitiin Haramaayaa keessatti ilmaan oromoo ukkaamsaman,Ariiamanii fi ajjeefamaniif bulchinsi yuunivarsiitii sababa gahaa akka dhiyeessu ni gaafanna.

Kanneen jedhan yoommuu tahu ilmaan oromoo bakka maraa baatii goototaa keessatti goota keenya yaadachaa jaarmaya keenya akka jabeeffannu qopheessitootni marii kanaa maadhee Qilxuu Awwadaay Baarkallee lakk 2 waamicha dabarsanii jiru.

Injifannoo uummata oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

SBO Ebla 07 Bara 2013

Aside

KA’AA HUNDINUU WALIINI!/Walaloo

Aside

Maadhee dheebuu Bilisummaa Irraa
Finfinnee
Ka’aa hundinuu waliin!
  Kan keessaaf kan alaa ilmaan haadha  tokkoo

Dantaa dhuunfaaf jennee hin taanu muka qottoo
Garaa guuttachuuf maalif uumna rakkoo
Bilisoomuun hin oolu guyyaa gaafa tokkoo
Gaaf sana gaabbina har’a yoo uumne rakkoo.

Sirriitti wal jaaladhu akka obbolummaa
Of hin fakkeessin hubadhu eenyummaa
Yeroof jettee hin dagatin eenyummaa
Hundi wal taanee haa cimsinu tokkummaa
Hanga yoomii baannaa? harqota gabrummaa.

Iyyaa iyya dabarsaa
Tokko osoo hin hafne qomoo hundatti labsaa
Qabsoon dabaree miti lammii hunda dammaksaa
Hunduu gamtaan kaanan aangoo diinaa cabsaa.

Bilisummaaf jedhee hedduutu manaa ba’ee
Osoo dhugaaf falmuu kan dhiigni dhangala’e
Oromiyaaf jedhee akka dungoo boba’e
Maatiin osoo karaa eeguu qalbiin kan roora’e
Sana yaadannee maal yoo garaan nu boora’e?
Mee naaf himaa booreen maaf har’a ga’ee.

Maqaa Oromootin dhaaba hedduutu jira
Hunduu wal qoodee addaan wal ciccira
Martuu miidhamee argaa jira gidiraa
Furmaanni biraa hin jiru WBO duukaa hiriiraa
Tasa dogongortee hin eegin kan biraa
Har’as ta’ee boru isatu nu jijjiira.

Garaadhaaf kan bitame lammii ajjeechisaa
Lubbuu hedduutu badee kam himeen kam dhiisaa?
Tokko yaamee gariin dhiisuu seenaan na gaafachiisaa
Akka hin daganneef seenaa yaadachiisaa
Galmee Wareegamtootaa ifatti mul’isaa!

Mee jara ilaalaa
Obbo Yuunaddii kan akka Abbaaduulaa
Kaleessa lammii jibbee diina waliin guulaa
Isaanis jibbaman irraa garagalfatan fuula
Marfamanii eegamu akka midhaan tuulaa
Gowwaa bu’i bowwaa dubbiin silaa fuula fuulaa.

Daandii isa baasu abbaatu ilaallata
Seenaa badaa qabda maaltu si jaalataa
Yeroon maladhu kan caalutu si muudataa
Dubbii sangoota sadanii santu si eeggataa.

Mandhee Dheebuu Bilisummaa irraa

 

Seife Nebelbal Radio, Interviews with Abdi Boruu and Taha Abdi

Aside

Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti Qeerroon Ayyaanni DH.D.U.O Diddaan Fashalsan

Aside

Ebla 07,2013 Arbaminc

Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti Ayyaana OPDO qopheeffame irratti sabboontotni ilmaan Oromoo lagachuun wallee warraaqsaan garboomfataan nu hin bulchu jedhan.Yuunivarsiitii Arbaminc Damee caamoo keessaa barattoota oromoo baratantu damee hundumaa keessatti karoorri wayyaanee akka bakkaan hin geenye taasisa jechuun wayyaaneen barattoota oromoo damee Caamoo sakattauu fi doorsisuu irratti argama.Miseensotni DH.D.U.O tahan miseensummaa kanaa hin barbaannu jechuun ayyaana kana lagatanii jiran.Kan nuyi irraa eegamu QBO gaggeeffamaa jirutti dabalamuun gumaata nurraa eegamu bahuu malee ulee diinaa tahuu miti jechuun jala deemtota mootummaa wayyaanee qaanessanii jiran.

MUKA JALLAA DIRIIRSUUN OSOO QACALEETI

Aside

Jawaar Siraaj Mohammad


Barreessaa dhugaa baasa!Ebla 4, 2013 (The Gulele Post) — Tattaaffiin rakkoo qabsoon Oromoo mudatte furuudhaaf akka matayyaattiis tahe akka  gurmuutti godhamaa jirtu mara jajjabeessuun barbaachisaadha. Carraaqqiin garasiin godhamtu garuu, tan rakkoo jirtuuf furmaata argamsiiftu malee tan rakkoo jirtu  daranuu  hammeessitu tahuu hinqabdu. Keessaafuu, injifannoolee hanga ammaatti argamaniifi wantoota bu’ura tahan akka hin faallessine of eeggannoo cimtuu qabaachuu feesisa. Murni dhiheenya kana as bahe  jechoota hahhaarayaa waliin mul’ate. Jechoota kana keessaa, jechoonni lama (terminologies) waan qabsoon Oromoo hanga ammaa himachaa turteefi (political narrative), maalummaa qabsoo tanaatis faallessu tahuu isaanii ibsuufi hubachiisuu barbaachisa. Jechoonni baanaman kuni gaafii Oromoo gaafii sabaatirraa gara gaafii mirga amboommiitti gadi siqsan,  Oromoo ammoo, gurmuu akka sabaatti of dandayee ejju tahuurraa kan gara garee Afaaniitti (linguistic group) gadi cabsan tahuudha agarra. Dubbiin lameen tunniin injifannoolee hanga ammaatti goonfanne ni gaaga’an;  karaa nuu hafe keessattis gufuufi sakaallaa nutti tahuus ni malan. Kanaafis jechoonni kuni gad baafamanii ummatatti dhihaatan afaanfajji osoo hin uumin,  warri ykn gareen dubbiin tun irraa maddite dhimmi kuni duumeeysa balaa dorrobe tahuu akka hubatan  yaaliin godhamteeti turte. Yeroo sunitti dubbiin dogongora tahuu isii fudhatanii sirreessuufis tarkaanfiin akka fudhatamtu waadaa seenaniiti turan. Haatahu ammoo, waadaa seenan sun diiguudhaan amma kunoo bifa galmeetin basaqeeysatti asiin bayaniiti jiran.

Kanaafu maalummaa dubbii tanaa ibsuudhaan miidhaa tattaaffii sabaatirratti fiduuf maltu ammuma osoo ganamaa bifa xiinxalliitiin ifa goonee ummataaf dhiheessuuf dirqamneeti jirra. Gutuutti dubbisuuf http://ayyaantuu.com/horn-of-africa-news/oromia/muka-jallaa-diriirsuun-osoo-qacaleeti/ or http://www.gulelepost.com/