Monthly Archives: April 2013
Ati Hin Duune Jirta/ Walaloo SBO Ebla 15,2013
Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15,2013 Ilaalchisee Yuuniversitii Finfinnee fi Bakkoota Adda Addaatti Barruun Warraaqsaa Maxxanfame
Aside
Qeerroon bilisummaa guyyaa gootota Oromoo Ebla 15,2013 ilaalchisuun barruulee warraaqsaa fi waamicha qabsoo ummata Oromoo bakkoota adda addaatti maxxansan.
Yuunivarsiitii Haramaayaa fi naannoo isheetti guyyaan gootota oromoo hordoffii mootummaa wayyaanee jalaa bifa miliqeen Ebla 16/2013 haala ho’aan ayyaaneffatame.
Aside
Ebla 18,2013 Haromaya
Hub:- Gabaasi kun suuraa fi Vidiyoon waan jiruuf Qeerroon barruu qofaan baasuuf dirqame)
Miseensotnii fi deeggartootni qeerroo Yuunivarsiitii Haramaayaa fi naannoo ishee Ebla 15 guyyaa gootota oromoo hordoffii diina jalaa miliquuf Ebla 16/2013 haala hoaan ayyaaneffatanii jiran.Mootummaan garboomfataa wayyaanee Ebla 15 irratti ayyaanni kun akka hin ayyaaneffatamneef basaastotaa fi federaalota ganda keessa gadhiisuun sakattainsa gaggeessaa kan ture yoommuu tahu sabboontotni barattoota oromoo fi jiraattootni naannoo kanaa Ebla 16/2013 walitti dhufuun haala hoaan ayyaaneffatanii jiran.Qophii isaaniif yaadannoo gootawwan wareegamaniif gochuun eegalan.Marii balaa erga gaggeessanii boodas ibsa ejjennoo qabxii toorba of keessaa qabu baafatanii jiran.Ibsawwan ejjennoo kunneen
1. Akeeka gootawwan keenya itti wareegaman bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa galmaan geessisuuf wareegama barbaachisaa ni baana.
2. Dhaaba keenya dhugaa ABO jalatti hiriirree hiree murteeffannaa uummata keenyaa mirkaneessuuf hanga dhumaatti ni hojjenna.
3. Gantootaa fi ayyaan laallattootaaf harka hin laannu.Kanneen uummata oromoo dogoggorsuuf sochoanis dura ni dhaabbanna.
4. Saaminsa
5. Qaalainsa jireenyaa,hojii dhabdummaa fi malaammaltummaa mootummaa bicuu wayyaanee irraa nu mudate ni morminaqabeenya Oromiyaa,hidhaa fi ajjeechaa ni mormina.
6. Waraana bilisummaa Oromoo ni deeggarra.Waan qabnu maraan cinaas ni dhaabbanna.
7. Qotee bulaa,barataa,barsiisaa osoo hin jedhiin ilmaan oromoo marti mirga isaaf akka dhaabbatu gahee keenya ni baana.
Kanneen jedhani dha.Dhuma irratti alaabaa ABO qabachuun waadaa walii seenuun ayyaana guyyaa gootota oromoo diina jalaa bifa miliqaa taheen ayyaaneffatanii jiran.QBO galmaan geessisuufis maallaqa 275.00(dhibba lamaa fi torbaatamii shan) walitti qabatanii jiran.
Hojjettootni 1300 east industrial Zone akkumas 500 kan waasrhaa sukkaara Fincaa’aa sirna bulchisaa mormuun hojii dhaaban
Aside
Ebla 18,2013 Finfinnee
Gaaffiin hojjettootaa Oromiyaa keessatti jabaachaa dhufuun diddaan hojii dhaabuu itti fufee jira.Diddaa hojjettoota oomisha abaaboo Godina shawaa kibba lixaa aanaa walisoo ganda diilallaa oomisha abaaboo kaarraa Tureetti fufuun hojjettootni Godina shawaa bahaa Duukam company chaayinaa East Industrial Zone keessaa hojjetan 1700 keessaa 1300 diddaa kaasuun hojii dhaabanii jiran.Hojjettootni company alagaa kunneen dhiibbaan alagootaan nurratti gaggeeffamu nurraa haa dhaabbatu,Hojii humnaa ol hojjennuu fi kaffaltiin kaffalamu wal hin madaalu,Alagootni kabaja nuuf haa kennan jechuun hojjettootni kunneen hojii dhaabuun mormii hiriira nagaa taasisanii jiran.Mootummaan wayyaanees federaalota naannoo kanatti erguun tasgabbeessuuf yaalus hojjettootni company kanaa 1300 tahan hojii dhaabanii jiran.Haaluma wal fakkaatuun Hojjettootni waarshaa sukkaara Fincaaaa 500 tahan Bakka Village B tahan seera malee olii fi gadi hojjettoota oofuu fi jijjiiruun haa dhaabbatu jechuun mormii dhiyeessuun hojii dhaabanii jiran.Bakkaattii bakkatti sababa ittiin jijjiiramnu osoo nuu hin ibsiin akkasumaan namni horii miti jechuun gamtaan gaaffii dhiyeessanii jiran.Dabballootni mootummaa wayyaanee mormii kana irratti argamanis waadaa sobaa yoommuu jijjiiramtan baasiin baastan isinii herregama jechuun sobuu irratti argamu.
HUNDA DURA,BIYYAA FI UMMATA KIYYAAF !!!!
Aside
Y.G. (2005)*
Namni ykn humni yk Biyyi tokko , Qabsoo gaaffii mirgaa wayita gaggeessu, bu’urri murannoo isaa mata duree har’aa kana ta’uu, kan haalu jira natti hin fakkaatu. Humni ykn namni ejjannoo kana irratti hin hundoofne, adeemsi isaa fixeensa ganamaatii. Namoonni ykn murni ykn dhaabni ejjannoo kana akka dhaadannottis itti hin gargaaramiin hin jiru. “HUNDA DURA BIYYAA FI UMMATA KIYYAAF!” sadarkaa addunyaattu jechuudha. Ejjannoo kanatu namni tokko murteeffatee Qabsoo saba isaatti akka makamu taasisa. Yk deeggaraa fi sagaleen ummata isaa akka dhaga’amuuf karaa gara garaa carraaqa. Ykn yaadaan ykn Dingdeen ykn bifa gara garaan akka carraaqu isa taasisa. Faallaa kanaa ejjannaan firii ol aanaa argamsiisu danda’u kun garuu waanuma rakasaa tokkon danqamu danda’a. Namni “hunda dura Biyyaa fi Ummata kiyyaaf ” jedhu tokko , gaafa waan dhuunfaa keessa fiduu eegalee , ejjannaan kabajaa Ummata biraa nama goonfachiisu kun, biyyeetti makamti. Abbaa sanas salphifti. Mata dureen kabajamaan kun, waanuma dhuunfaan summooftee, saba tokko ykn qabsoo saba tokko gaaga’uu dandeessi jechuudha. Kanatu umama namaa kumaantamaan dirree salphinaa hiriirse.
Biyyoonni gurguddanne jedhanii Addunyaa kana akka fedha isaanii hammacaa jiran hundi, Mata duree kana ejjannaa isaanii taasifatanii ,badhaaftootaa fi hundeessitoota Dimokiraasii of taasisan, ejjannaan isaanii kun isa kaan keessa akka hin jiraanneef irratti hojjatan. Biyyaa fi Ummata isaanii har’aa mitii, isa waggaa 200 booda dhufaniif jecha, isa kaan hiyyummaa fi sirna wal nyaachuu keessa akka jiraatan taasisu. Isaaniif sabni ykn dhaabni ykn Biyyi ejjannoo kana qabu, saamichaa fi ol aantummaa isaaniif yaaddoooodha waaaannn jedhaniif bara lakkaawwatanis haa ta’u irratti duulan. Adeemsa kana kan wallaalu jira natti hin fakkaatu. Adeemsi kun garuu kaleessa fageenyaan qabsoo keenya irrati baawuzaa ibsee nu tu’ataa turee, har’a ofitti nu makatee nu dhamaasuuf jedhaatii of eeggachuun gaariidhaa, Qabsoon Maanguddoonni keenya cichoomiinaan asiin ga’an kan har’aaf bu’uraa, inni har’aa ammo isa boriif hundeedhaa, inni borii isa hegareef firiidhaatii waan fageessinee ilaaluu qabnu har’a mata duree kana jalatti waliif dhaamuun dansaa ta’aa jedhee yaade.
Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisuun Barruulee Warraaqsaa Qeerroon Maxxanse Wayyaanee Yaaddesse
Aside
Ebla 16,2013 Finfinnee
Ebla 15 Guyyaa Gootota oromoo sababeeffachuun waraqaa;eem dhaadannoo hedduumminaan Yuunivarsiitiilee fi magaalawwan Oromiyaa keessatti hedduumminaan maxxanfamanii jiran.Waraqaaleen dhaadannoo loogoo qeerroon kuulamanii fi diimaa magariisa diimaan barreeffaman hedduumminaan maxxanfamuun mootummaa wayyaanee rifaatii guddaa keessa seensisee jira.Waraqaaleen kunneen magaala Finfinnee yuunivarsiitii Finfinnee,Kotobee,Koollejjiiwwanii fi bakkeewwan bulchinsaatti ifaan maxxanfamanii jiran.Magaala Amboo,Magaala Naqqamtee, Yuunivarsiitii Amboo fi manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa,Sabbataa,Hoolotaa,Dirree Dawaa,Adaamaa,Jimmaa fi Harar keessatti hedduumminaan maxxanfamanii jiran.Waraqaaleen dhaadannoo
1. Nama seenaa dagate seenaan hin dagatu!
2. Ebli 15 guyyaa gootota oromooti!!
3. Gantuuf harka hin laannu!
4. Mootummaan wayyaanee garboomfataa fi abbaa irree dha!
5. Qeerroo walabummaa Oromiyaaf kai!
6. Ilmaan oromoo ajjeesuun haa dhaabbatu!
7. Oromia shall be free
8. Qeerroon bilisummaa Oromiyaaf wareegama nurraa eegamu kamuu ni baana!
9. ABO dhaaba siyaasaa ilmaan oromooti!
10. WBOn gaachana ilmaan oromooti!!
Kanneen jedhanii fi kanneen biroon magaalaa fi dhaabbiilee barnootaa akkasumas bulchinsa mootummaa wayyaaneen bixxilaman fuulduratti maxxanfamuun mootummaa garboomfataa wayyaanee rifaatii guddaa keessa buusanii jiran.Mootummaan wayyaanee naannoo waraqaaleen maxxanfamanitti sakattainsa boorsaa fi waan namni qabatee deemu gaggeessaa jira.Bulchinsoota naannoo waraqaaleen kun itti maxxanfaman wayyaaneen osoo isin maal hojjettanii ABO nu dhuunfata jechuun qorannoo eegalee jira.
SBO Ebla 17 Bara 2013
Aside
Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti Gumiin aadaa fi seenaa Afaan oromoo akka hin dhaabbanne dhorkame.Eyyamni Bulchinsa magaala Dirree Dawaa irraa kennames doorsisaan akka deebi’u taasifamaa jira.
Aside
Ebla 16,213 Dirree Daawaa
Dhiibbaan guddina aadaa fi seenaa ilmaan oromoo irratti gaggeeffamu mootummaa garboomfataa mootummaa wayyaaneen yeroodhaa gara yerootti daran jabaachaa deemaa jira.Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti Gumiin aadaa fi seenaa Afaan oromoo akka dhaabbatuuf barattootni oromoo iyyannoo kan galchan yoommuu tahu bulchinsi Yuunivarsiitii Dirree Dawaa isin Miseensota ABOti,ABO as keessatti dhaabuuf deemtu jechuun dhorkee jira.Sabboontotni barattoota oromoo iyyannoo isaanii bulchinsa Dirree Dawaatti Gumiin Afaan oromoo dhaabbatu aadaa fi seenaa guddisuu cinaatti hojii misoomaa biyyattii keessatti hirmaachaa akka hojjetu ibsuun galchanii jiran.Bulchinsi magaala Dirree Dawaa fi Biiroon galii fi Misoomaa magaalaas Gumiin kun akka dhaabbatuuf kan eeyyama kennan yoommuu tahu bulchinsi yuunivarsiitii ABO nu keessatti dhaabuuf eeyyama kennituu jechuun eeyyama duraan kennan akka deebisan godhanii jiran. Bulchisi Magaala Dirree Dawaas eeyyama duraan kenne gaabbuun hojii guddina aadaa fi afaan oromoo dura dhaabbachuu hojjechuu irratti dirqamee jira.Bulchinsi Yuunivarsiitii Dirree Dawaa barattoota oromoo dhimma kana kaasnaan barnoota irraa ariiamtu jechuun ifaan doorsisa eegalee jira.Barattootni oromoos doorsisaaf harka hin laannu jechuun gamtaan falma eegalan jabeessanii jiru.
Godina Horroo Guduruu aanaalee garaa garaa keessatti Guyyaan Gootota oromoo maadheelee garaa garaan qophii maanguddoota irraa imaanaa fuudhuu fi buusuu maallaqaan haala ho’aan kabajame
Aside
Ebla 16,2013 Shaambuu
Godina Horroo Guduruu aanaa garaa garaa keessatti Guyyaan Gootota oromoo qophiilee garaa garaan kabajamee jira.Waraqaaleen dhaadannoo aanaa Amuruu fi Jaardagaa Jaartee keessatti hedduumminaan bittinfamanii jiran.Waraqaaleen dhaadannoo
1. Ebli 15 Guyyaa gootota oromooti!
2. Gootota keenya bara baraab yaadanna!
3. Gootatu Goota beekas yaadatas
Kanneen jedhanii fi waamichi ilmaan oromoo mirga isaanii falmachuuf akka kaan maxxanfamee jira.Magaala Amuruu keessatti maadheen Oborraa fi Gumaabaas Jireenyaa Raggaasaa lakkoofsa 1 akkasumas aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti maadheeleen Aliboo 01,02,Maadhee pilaattee,Maadhee tuulluu car,Maadhee Asattii fi deeggartoota QBO biratti ayyaanni Guyyaa gootota oromoo haala hoaan kabajamee jira.Maadheeleen kunneen walitti dhufuun alaabaa ABO qabachuun irbuu isaanii haaromsuun diinni QBO yoomuu QBO duuba deebisuu hin dandau jechuun waadaa isaanii haaromsanii jiran.Dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuunii fi maanguddoota irratti affeeruun barattootni maanguddoota irraa qophii imaanaa fuudhinsaa taasisanii jiran.Maanguddootni ayyaana Ebla 15 irratti ilmaan isaanii waliin hirmaatanis qotee bulaanis tahe barsiisaan,Barataanis tahe daldalaan QBO irratti gaaffii seenaa jalaa bahuuf hirmaannaa oromummaa akka taasisu dhaammatanii jiran.Maadheeleen walitti dhufanis QBO galmaan gahuuf gumaata maallaqaa qarshii 1760.00(kumaa fi dhibba toorbaa fi jaatama) taasisanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun aanaa Horroo magaala Saqalaa fi Shaambuu akkasumas Fincaaaa keessatti maadheeleen ABO fi sabboontotni oromoo guyyaa gootota oromoo haalaan kabajanii jiran.aanaa Horroo magaala saqalaa keessatti maadheeleen bosona caatoo lakkoofsa 1,2 fi 3 walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti haasaa balaa gochuun ayyaana kana ayyeessanii jiran.Magaala Shaambuu keessattis barattootni yuunivarsiitii Naqqamtee dame shaambuu guyyaa gootota oromoo qophii garaa garaan kabajanii jiran.Doormii keessatti dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuun akkasumas barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa shaambuu waliin walitti dhufuun ayyaanessanii jiran.Walumaa galatti Godina Horroo guduruu dhaabbiilee barnootaa fi caasaa hedduu keessatti guyyaan gootota oromoo haala ajaaibsiifamaan ayyaaneffatamee jira.Ibsawwan ejjennoo maadheelee garaa garaan baafaman keessattis mootummaan wayyaanee cunqursaa daangaa hin qabne gantoota qabatee gaggeessus gaaffii mirgaa irraa akka hin dhaabbanne ibsanii jiran.
