SBO Ebla 21 Bara 2013

Aside

Dhaloota Ol Guddatan Kana Maal Dhaalchifnaa???

[audio

Artist Tasfayee Dhimmaa:Yaadannoo GGO ilaalchisee. “ABO Kallachi Oromootaa Si Qofaa”

Aside

Barataa Qananiisaa Raggaasaa Amboo Yuuniversitii Irraa, Taakkalaa Yohaannis Ammoo Anfilloo Irraa Seeraan ala Ukkamfaman

Aside

Ebla 20,2012 Finfinnee

Barataa Qananiisaa Raggaasaa Bioprocess Engineering waggaa 3ffaa Ambo Yuuniversitii irraa baratu human tikaa fi poolisa Wayyaaneen guyyaa haraa Ebla 19, guyyaa keessaa saa 12:30 pm hidhattoota mooraa Yuuniversitii Amboo keessatti guyyaa GGO kabajjee fi alaabaa ABO uffatte sababaa jedhuun rukutamuu fi qabamuu isaa ragaan kan argame yeroo tau erga qabamee hanga ammaatti bakka buuteen mucaa kana dhabamee akka jiru Qeerroon mooraa Yuuniversitii Amboo gabaasee jira.

Barattooti gariin bulchitoota mooraa yeroo gaafatanitti Fincila moootummaa irratti kaasuuf uummataa fi barattoota kan qindeessu si jechuun akkasuma mootummaa irratti uummata kaasuun GGO jedhee alaabaa uffate jechuun mootumaan yakkuu irraan qabame jechuu malee waan biraa hin beeknu jedhanii barattoota of irraa deebisan. Hanga ammaatti barataan kun duaa fi jiraachuun isaa hin beekamu.

Kana malees Wallagga aanaa Anifilloo irraa barattoota naannoo tokkotti gurmaayee taphatuun wal qabsiisanii isin guyyaa GGO kabajjuu fi halluu alaabaa ABO uffattaniittu sababa jedhuun barattoota 7 qabanii qoratan keessaa Barataa Yohaannis Taakkalaa hanga ammaa bakka buuteen isaa hin beekamiin jira.

Ummanni Oromoos tae sabboontoti Oromoo barattoota ilmaan sabaa biyya abbaa isaanii keessatti akkana dararamaa jiraniif birmannaa Oromummaa akka godhaniif eerroon waamicha dabarsa.

Dhaamsa Jajjabduu!! Jaal Kardir Sa’idii fi Jaal Elemoo Alii /TV Oromoo Waliin

Aside

” Kallacha Qabsoo……. ABO qabna!! 

Jaarmiyaa Cimsaa…… ni Bilisoomna” !!   Jaal Kadir Sa’id

————-//————————

“An dide gabrummaa!! jedhe bilisummaa!!

ABO dhaaba koo Abdiin Kiyya  Sumaa

Hagamuu yoo turte moohinsi keetuma!!”    Jaal Elemoo Alii