Gabaasaa GGO Ebla 15 Godina Booranaa fi Harargee Irraa Nu Gahe

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Ebla 20,2013

Rakkoo quunnamtii networkiin kan gabaasaan isaa boodatti harkifate guyyaa gootota oromoo Ebla 15 Oromiyaa keessaa naannoo adda addaatti kabajamee jiru ammallee gabaasaan isaa kan nugahaa jiru:1.Godina Booraa Ona ;
1.1 Booree
1.2 Dirree,
1.3 Galaana Abbayyaa
1.4 Liiban fi
1.5 Shaakkisoo irraa haala hoo’aan kabachaa turuu isaanii akkasuma kanatti dhimma bahuudhaanis ijaarsa maadhee fi leenjii uummata armaan dura ijaarsi hin qaqqabin jiru qaqqabuun ayyaana kanaan wal qabsiisanii hojii hojjetaa akka turan gabaasaan Qeerroo addeessa. Keessattuu hojiileen hojjetaman:-

  1. -Leenjii siyaasaa uummata naannoo jiranii fi kan itti amananiif kennaa turaniiru,
  2. -Barattoota mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaatiin leenjii siyaasaa kennamaa tureera.
  3. -Hidhattootni mootummaa milishaa gandaa fi poolisoonni maadhetti ijaaramanii godina kana keessaa ona Dirree fi Liiban irra jiran walitti dhufanii wal ijaarsa,qabsoo keessatti kallattii isaan irratti hirmaachuun barbaachisuun waadaa seenaa,barruu dhaabaa kanneen siyaasa keenya hin hubatin ittiin gahuun raabsaa fi buusiin sochii qeerroo godina sana irra jiruuf deggersa gochuuf gumaacha gochuun GGO kabajachuun haala dabarsanii akka jiran gabaasaa isaa nuun gahanii jiru.

Karaa biraa
2.Harargee Ona;
2.1 Baddaannoo
2.2 Qarsaa
2.3 Jaarsoo
2.4.Meettaa fi
2.5 Daaroo Labuu
Akka gabaasaa GGO onoota kana irraa nugahee jiruttis;

  • -Hidhataan mootummaa maadhee keessatti ijaaramee jiu bakka tokkotti wal gahuun guyyaa kana icciti qabeessaan bosona keessatti kabajaa isaanii akka raawwatan nuuf dhaamu.Akkasuma ibsa ejjennoo lafa kaayatanii nuuf dhaaman:
  • -Yoomiyyuu ajajaa fi dirqama dhaaba keenyaan durfamnee qabsoo bilisummaa oromoo galmaan gahuuf tokkummaadhaan akka kaanu murtoo keenya ibsanna.
  • -Nuti hidhattootni mootummaa godina Harargee irra jirru dhugaa fi miidhaa uummata keenyaa oromoo hubannee waanjoo garbummaa saba keenya irra jiru kana,mootummaa wayyaanee nurratti goobee jiru of irraa fonqolchuufgama keenyaan ni qabsoofna!
  • -Wareegama qabsoof barbaachisu gochuuf yoomiyyuu boodatti hin jennu!
  • -Ilmaan oromoo mana hidhaatti dararamaa jiru gargaarsa barbaachisu gochuuf; isaanii fi maatii isaanii cina tokkummaa qabnuu fi ijaarsa keenya kanaan gumaacha barbaachisu ni goona jedhuun ibsa ejjennoo isaanii kan ibsatan yoo yahu godina kana irratti haalli kabajaa GGO ittiin darbe yaadannoo gootota darbanii waliif kaasuun,faaruu wal dheggeeffachiisuun akkasuma ijaarsa qaban irratti buusii adda addaa gochuun barruu ittiin baayisaa bittimsaa fi kuusaa barruu dhaaba irraa dhufu qopheessuun kabajaa ayyaana kanaa dabarsanii jiru.Ammallee Qeerroon godina kana irra jiru sochiin qeerroo fi uummataa jabaatee akka fufaa jiruu fi babal’inni siyaasaa godina kana irratti hanga hidhataa mootummaa fi waajjiraalee godinicha keessa jiruutti haalaan kan jabaataa jiru tahuu isaa nu hubachiisee jira.

Qabsoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Mootummaan Wayyaanee Naannoo Beeneshangul Keessatti Duulla Farruummaa Barsiisota Oromoo Irratti Bane.

Aside

Ebla 20,2013 Asoosaa

Naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Sogee keessatti gocha farrummaa mootummaan wayyaanee qeee irraa buqqisuu gaggeessaa jiruun barsiisotni Oromoo addatti mana barumsaa Lakkuu Qumbii sadarkaa 1ffaa rakkoo hamaa keessatti kufan.Mootummaan wayyaanee qeee irraa uummata hojii investimentiif qeee irraa buqqisuu kan barate mana barumsaa Qumbii Sadarkaa 1ffaa buqqisuuf hojii dhaabbateen barsiisotaaf miindaa hin kaffalu jechaa mana isaan keessa jiraatanis buqqisee jira.Rakkoo kanaan barsiisotni mana barumsaa kanaa

1. Barsiisaa Habtaamuu Oljirraa

2. Barsiistuu Belaaynesh Boggaalee

3. Barsiisaa Amaluu Kumii

4. Barsiisaa Baatiree Culaa

5. Barsiisaa Olqabaa Tarfaa

Rakkoo kana keessatti kufanii jiran.Jala deemtotni mootummaa wayyaanee gocha farrummaa kanatti diina waliin ejjennoo walii tahuun itti jiran Obbo Biraanuu Mallasaa fi Obbo Fiqaaduu Koorsisaa dabballoota mootummaa wayyaanee tahan yoommuu tahu jarreen kun gocha farrummaa kana irraa hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin gatii isaanii madaalu akka isaan eegu qeerroon gabaasee jira.

Sagaleewwan Warraaqoo

Aside

Seife Nebelbal Radio: Interview with Obboo Jemal Ibrahim

Simbirtuu-18-04-2013

SBS: Interview with Jaal Boruu Barraaqaa, Spokesperson of the OLF

Cuuraa Manguddootaaf:-Walaloo Jaal Ibsaa Guutama:

Voice of Oromiyaa: Gaafif Deebii Jaal Galaasaa Dilboo Waliin Goone