Qeerroon Oromoo Yuuniversitii Hawaasaa fi Qeerroon Sidaamaa Walitti Dhufuun Ebla 15, GGO Haala Dinqisiisaan Kabajatan.

Hub:- Gabaasi kun suuraa fi Videon waan jiruuf nageenyaaf jecha hin maxxanfamne.

Ebla 16,2013 Hawaasaa.

Baratoonni oromoo mooraa yuunivarsiitii hawaasaatti argamnu sababa bobaa diinaa jala jirruuf guyyicha haala fedhii keenyan kabajuu bannus hanga danda’amee barattoonni mooraa guddichaa fi barattoonnii mooraa saayinsii fayyaatti argaman waliin taanee tokkummaadhaan mooraa saayinsii fayyaa keessaatti haala nama boonsuun guyyaa kaleessaa ayyaanicha ayyaaneffannee jirra.Ayyaanichi akkuma Oromoon bara duriis ta’ee har’as sagantaa isaa kamiiyyuu   eebba maanguddoon banatu sagantaan keenyas eebba maanguddoon eegalamtee jirti.Itti aansuun sagantaa dungoo qabsiifannaatu itti fufe.

Akkuma beekamu nuti ilmaan Oromoo hanga bilisummaa keenya gonfannee alaabaa keenya fannifannutti guyyoota akkanaa kana dungoo bifa diimaa,magariisa diimatiini fi waraqaalee dhaadannoo tokko tokko bifa alaabaan barreesinee maxansuudhan hawwii keenya mul’ifanna.Saganticha irratti haala ayyaanichaa ilaalchisee namootni tokko tokko yaada akkas jedhu laatan; Guyyaan kun guyyaa yaadannoo jaallan keenya bilisummaa saba isaanif jecha itti wareegamaniiti, nuti immoo asitti walitti qabamnee seenaa gootota wareegamanii kana qofa walitti himnee gargar facaana osoo hin ta’in gumaa jaallan keenyaa kana haala akkamiin yoo sochoone baasuu dandeenya kan jedhu irratti akkas jechuun irra ejjetanii biradarban; nuti osoo dhimma dhuunfan, amantii fi lagaan wal hin qoodin irree tokkummaatin gumaa jaallan keenyaa baasuuf irbuu waliif seenna jedhan.Hirmaattota sagantichaa keessaa jaalli tokko jecha gootichi oromoo Maammoo Mazammir dubbate irra deebi’ee dubbachuun haasa’a isaa goolabe Dhiigni koo har’a ragaa sobaan dhangala’e kun cal jedhee kan dhangala’e osoo hin ta’in kabajamummaa mirga ummata oromootifi. Gumaan koo lafatti hin hafu jabina qabsoo ilmaan oromootiin gumaan koo ni baati.

Saganticha irratti sirboonni siyaasaa fi walalooleen onnee namatti horan hedduun dhiyaatanii jiru.Waraqaaleen warraaqsaa hedduun bifa hallutin barreeffamanii galma sagantichi itti qophaa’e keessatti maxanfamanii jiru. Haata’u malee akka karoora keenyatti barruulee warraaqsaa kana mooraa yuunivarsiitichaa keessatti illee maxansuuf ture garuu barattooni saganticha irratti hirmaatan hedduun isaanii sababbii eeggumsa jala jiraniif osoo irratti walii hin galamin hafee jira.

Barattoonni Hawaasaa Yuunivarsiitiii mooraa lamaan irraa walittidhufan gara fuulduraatti maal hojjechuu akka qaban ibsa ejjannoo haala armaan gadiitti lafa kaa’achuuf yaalanii jiru:

1,Tokkummaa barattoota oromoo mooraa yuunivarsiitichaa keessatti argaman cimsanii itichuuf qixa kamiinuu tooftaa mataa isaanii fayyadamanii akka socho’uu qaban walii galanii jiru.

2. Qabsoon bilisummaa oromoof jedhee oromootaan qabsiifame hanga kaayyoon ummatichaa galma ga’utti dhaamuu akka hin qabnee fi qabsoo tana finiinsuf immoo gita kamiinuu wareegama qaqqaalii kafaluun malu kamiiyyuu kafaluuf kutannoo fi murannoo qaban kakuu walii galuun raggaasifatanii jiru.

3. Adeemsa ijaarsa mandhee keessatti namni maallaqa garmalee jaallatuufi namni araada garagaraa qabu gara miseensummaatti akka hin dabalamne cimsanii walhubachiisanii jiru. 4.Buusii ji’aa kan warra ijaarsaa irraa eegamu  ji’a ji’aan buusuf murteeffatanii jiru.

5.Ijoolleen bara kana eebbifaman immoo gaafa eebbifamanii moorichaa bahanis sabboontota mooraa keessatti hafan yaadanis ta’ee maallaqaan hanga humni isaanii isaanif eeyyameen gargaaruf waadaa galanii jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Walaloo Qeerroo Sidaamaa :-

Walaloo Qeerroo Oromoo:- 

Qeerroon Magaalaa Naqamte Madhe Madheen Walitti Dhufuun GGO Ebla 15,Kabajan.

Qeerroon magaalaa Naqamtee bakkoota adda addaa irraa walitti dhufuun guyyaa gootota Oromoo Ebla 215,2013 magaalaa Naqamteetti kabajatanii jiru,Guyyaa kana irrattis qophii adda addaa erga godhaniin booda ibsoota ejjennoo armaa gadii baafatan.

Nuti Qeerroon leeqaa yaadannoo Gootota oromoo darbaniif walitti qabamnee haala hordoffii diinaa jala teenyee kabajannus ibsa ejjennoo dhaaba keenyaaf qabnu kanaa gadiin dhaamnee jirra.

  1. Murnootaa yeroo amma maqaa jijjiratanii,kaan immoo maqaa dhaaluu barbaaduun garagartummaa QBO keessatti babal’isuu,kaayyoo gootota ammaa kabajaa jirruu fi jaalleewwan keenyaa bilisummaa fi walabummaa oromiyaaa jechaa wareegaman irraanfachuun,daandii ganama itin mana ba’an dagachuun impaayera gabroonfata tiksuuf carraaqqii godhaa jiran guddisnee ni balaalefannaa.
  2.  Gochaa ykn mormii lammiwwan keenyaa biyyaa keessaa fi alaa mootummaa abba  hirree wayyaaneerrati godhaa turee fi jiruu ni dinqisiifanna.
  3. FDG karaa qeerroowwan biyyaa Ibsaa ejennoo maandhee bakkalchaa Oromiyaa(sanyii leencaa) keessaa fi alaa nyaaphaa diinaa dadhabsuuf godhaa jiran faana hiriirun,tarkaanfii barbaachisuu ni fudhanna.
  4. Lammiiwwaan keenyaa yeroo amma mana hidhaa mootummaa abbaa hirree wayyaanee keessati sbaba siyaasan daraarfama jiran gargaarsa barbaachisuu ni goona
  5. Mooraa QBO keessatti sochii WBO karaan hidhannoo diinaa irrati fudhataa jiru kallatti ni agarsiisna,tarkaanfiin kan kana duraa caalaa akkaa cimuuf hamlee fi dandeettii qabnuun ni gargaarra.

 

Guyyaan Gootota Oromoo Oromiyaa keessatti uummata oromoon qophiilee garaa garaan kabajame

Aside

Ebla 15,2013 Finfinnee

 

Guyyaa WBO

Guyyaa WBO

Guyyaan Gootota Oromoo Oromiyaa bakkeewwan hedduu keessatti uummata oromoon qophiilee garaa garaan kabajame.Jala bultii ayyaana kanaa irratti magaalawwan Oromiyaa kanneen akka Finfinnee,Adaamaa,Amboo,Gudar,Ginc,Dirree Dawaa,Harar,Naqqamtee,Shaamboo keessatti waraqaaleen dhaadannoo heddumminaan maxxanfamuun kabajni ayyaana kanaa eegalee jira.Dhaadannoowwan maxxanfaman.

1.      Oromiyaan kan Oromooti!

2.      Nama seenaa dagate seenaan hin dagatu!

3.      Akeeka gootawwan keenyaa galmaan ni geenya!

4.      Ebla 15 guyyaa gootota oromooti!

5.      Maqaa Oromoo fi Oromiyaan Itoophiyaaf hin falminu!

6.      Qeerroon Bilisummaa Oromiyaaf wareegama kamuu baasa!

7.      Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha!

8.      ABO gaaachana ilmaan oromooti!

9.      Oromia shall be free!

10.   Hidhaa fi ajjeechaan haamilee nu hin cabsu

Kanneen jedhanii fi kanneen biroon diimaa magariisa diimaan kan barreeffaman loogoo qeerroo kan hammateen magaala keessatti hedduumminaan maxxanfamanii jiran.Waraqaaleen dhaadannoo fi alaabaan ABO yuunivarsiitiilee Finfinnee,Amboo,Adaamaa,Bishooftuu,Haramaayaa,Hawaasaa,Arbaminc,Madda walaabuu,Miizan Teeppiii fi koollejjiiwwan garaa garaa keessatti hedduumminaan maxxanfamuun Guyyaan gootota oromoo haala ajaa’ibsiifamaan ayyaaneffatamee jira.Maadheeleen dhaabaa bakka mijeeffachuun walitti dhufuun barattootni yuunivarsiitiilee keessattii fi doormii isaanii keessatti dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuun alaabaa ABO qabachuun waadaa isaanii haaromsachuun ibsa ejjennoo garaa garaa baafatanii jiran.Ilmaan oromoo uffata aadaa uffachuun Guyyaa gootota oromoo Oromiyaa keessatti haala ho’aan kan ayyaaneffatan yoommuu tahu barataan,barsiisaan,Qotee bulaan,hojjetaa fi hojii dhaaban dhimma QBO duuba deebisuuf mootummaan wayyaanee shira xaxu dura dhaabbachuuf waadaa isaa haaromsatee jira.Mootummaan wayyaanee ayyaana kana uummata oromoo biratti akka kabajamu beekus uummata hedduumminaan ayyaaneffatamuu fi waraqaaleen dhaadannoo ifaan maxxanfamuu irraa ka’uun haamilee kutuun waraqaalee dhaadannoo dabballoota funaansisiisuutti bobba’ee jira.Ayyaanni kunis Ebla 15 irraa kaasee hanga Ebla 20 qophiilee garaa garaan kabajamuu itti fufa!

Hub: Ibsawwan ejjennoo fi qophiilee maadheelee irraa kanneen akka walaloo fi suuraa  viidiyoon gama fuula duraa  edite ta’ee ummata dhaqaba.

Goototni Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Ebla 15 GGO Kabajatan

Aside

Ebla 15,2013 Jimmaa

Bifa Addaa fi haala ajaa’ibsiisaa ta’een  Guyyaa Goototaa Oromoo  (GGO) Kabajatan, Jalbultii Ebla 15 Goototni Ilmaan Oromoo Baratootni Yuunivarsiitii Jimmaa Ebla 13/2013 fi Ebla 14/2013 Galgala Barreeffamotaa Suuraawwaan Goototaa Oromoo of irraa qabuu fi Dhaamsaa Goototaa Oromoo Qabatee Magaalaa Jimmaa Fi Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti Maxxaansuun guyyaan kun uummaata birattii sirnaan kabajamee akkaa oluu taasisuun ofiifis Guyyaa kanaa Sabboontootni  Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Muummee barnotaa garaagaraa baratan barnotaa dhaabuun Rakkoo Siyaasaa fi Waanjoo Garbummaa Ummataa keenyaa irraattii fe’amee jiruu FDG jabeessiinee itti fufuun,  qabsoo dhiigaa fi lafee goototaa keenyaan gadi dhaabbamtee; ni jajjaabeessiina, Imaanaa goototaa keenyaa galmaan ni geenyaa, Goototni Oromoo Nuti gargar hin baanuu jechuun boollaa tokkootti wareegamaanii nutis Biyyi keenyaa Oromiyaa, Sabni keenyaa Ummaata Oromoo Kaayyoon keenyaa Bilisummaa fi walabummaa Jechuun FDG jaabeessaanii ittii fufuu murteeffaatan,

Goototni Ilmaan Oromoo Kaleessaa Bilisummaa Ummataa Keenyaa fi Walabummaa Biyyaa kiyyaa Oromiyaaf dhiigaa isaanii dhangalaasuun lafee isaanii itti cabsuunii fi Lubbuu isaa nuf wareegan ni yaadanna. Fajjii isaaniis ni kaafnaa, Kaayyoo Goototaa keenyaa galmaan ga’uuf yoomiyyuu kutaannoo fi murannoon ni qabsofna,

Sochiin warraaqsaa Baratootaa Oromoo Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa yeroo irraa garaa yeroottii jabaachaa kan dhufee, warraaqsii qeerroon baratootni Oromoo gaggeessaan guyyaa har’aa sababa Yaadannoo Goototaa Oromoon walqabatee Mooraan Yuunivarsiitii Jimmaa fi bulchitootni Moorichaa muddaamaa cimaa keessaa seenaanii jiraachuun hubatame jira, Mootummaan Abbaa Irree Waayyaanee guyyaa har’aas Mooraalee Yuunivarsiitii Jimmaa Main Campus, Mooraa Qonnaa, fi Saayinsii fi Teekinoloojii  humanotaa poolisaa fi basastotaa isaa galchuun egsiisaa olee,ajajaan  Poolisii Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Kaalid Abbaa Tamaam goototaa baratoota Oromoo ID isaanii fudhuun doorsiisaa Olee, baratootni haala kanaan doorsifamaa olaan:

1ffaa Barataa Getaachoo Darajjee mummee barnotaa Governance waggaa 2ffaa fi

2ffaa barataa Cimsaa Abdiisaa barataa Injiineeriigii waggaa 3ffaa

Ta’uun yeroo beekamu. Barattoota kana irratti ammo sobaan kan raga bahe basaasa Wayyaanee kan ta’e Barataa Badhaasaa Firirjaa jedhamu ta’uu qeerroon gabaasa.