Qabsaawan Ni Kufa Qabsoon Itti Fufa!!

Aside

Walaloo Guyyaa Goototaa

Magaala Dirree Dawaa keessatti tooftaa bulchinsa mootummaa Wayyaanee irratti miseensotni OPDO ifaan mormii kaasan

Aside

15,2013 Dirree Daawaa

Magaala Dirree Dawaa keessatti tooftaan bulchinsa mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo addaan kukkutaa ture daandiin jalaa dhokatee jira.Magaala Dirree Dawaa keessatti yeroo dheeraaf dhaaba ilmaan Oromoo bakka bua jedhee wixine OPDO lammiiwwan amaaraa fi Tigiree bakka buutota jedhee kan lafa kaawwate irratti mormiin Miseensota OPDO oromoo tahaniin isaan dhaqqabe.Magaala Dirree Dawaa keessatti ilmaan Oromoo miseensa OPDO tahan kanneen Amaaraa fi Tigiree tahan akkamitti dhaaba ilmaan oromoo bakka bua jedhee mootummaan lafa kaawe nuuf hoogganuu dandau? Isaan aangoo ilmaan oromoo irratti argatu taanaan nuyiifis aangoon dhaabawwan amaaraa fi Tigiree keessaa nuuf haa kennamu! Kanaan ala ammoo miseensotni OPDO hooggantootni amaaraa fi Tigireen wixinaman kunneen nurraa haa buan jechuun mormii jabaa dhageessisaa jiran.Wal gahiin OPDO yeroo ammaa kanas haala Filannoo magaala kanaa waliinii fi dhimma kanaan wal qabatee mootummaa wayyaaneef hojii fardii tahee jira.Mootummaan wayyaanee ilmaan oromoo magaala kanaa lammiiwwan Tigiree fi Sumaaleen dhiibbaa irratti goosisuuf kan jiru sabboontota miseensa OPDO tahan irraan iccitiin wayyaanee kan saaxilame yoommuu tahu miseensotni OPDO ilmaan oromoo tahan mootummaan wayyaanee gaaffii gaafanneef hatattamaan akka deebii kennu jechuun ifaan dhiyeessanii jiran.Mootummaan wayyaanees gaaffii mirgaaf ulee fi hidhaan deebii kan bare basaastota bobbaasuun doorsisa eegalee jira.

Ilmaan Oromoo 2000 ol tahan dhiibbaa mootummaa Wayyaaneen rakkoo hamaa keessa seenan

Aside

Ebla 15,2015 Finfinnee

Uummatni Oromoo dhiibbaa mootummaa abbaa irreen gaggeeffamaa jiruun wal qabatee qeee irraa buqqaaa,hidhamaa fi ajjeefamaa turuun isaa beekamaa dha.Qaalainsa jireenyaa dhiibbaa malaammaltummaa fi rakkoo siyaasa fi dinagdee waliin wal qabatee maqaa qubannaa jedhuun mootummaan wayyaanee qeee irraa buqqisaa ammas itti jiraachuun beekamaa dha.Ilmaan oromoo qabeenya uumamaan badhaatuu biyyaa irra osoo jiruu mootummaa saba bicuun qeee irraa buqqifamuu irraan darbee bakkeewwan qubatan irratti dhiibbaan haamilee fi rakkoowwan garaa garaa irra garaa irraan gahaa jira.Haalli kunis ilmaan oromoo Godina Harargee bahaa fi lixaa irratti hedduumminaan kan hammaate Godina Gujii aanaa Shaakkisoo ganda Walaabuu keessatti ilmaan Oromoo 2000 ol tahan rakkisuu irratti argama.Ilmaan oromoo naannoo kanatti mootummaa wayyaaneen sobamuun maqaa misoomaan naannoo kanatti akka qubatan taasifaman yeroo ammaa milishoota mootummaa wayyaaneen reebamaa jiru.Ilmaan oromoo naannoo kanatti qubsiifaman rakkoo fayyaa irraan darbee milishoota mootummaa wayyaaneen ajaja hin fudhattaniin rakkamuu irratti argamu.Gaaffiiwwan mirgaa gaafataniifis akka shororkeessaatti ilaalamaa kan jiran yoommuu tahu dhiibbaan mirga namummaa jabaan garboomfataan irratti gahaa jira.

Dhiibbaan mootummaa Wayyaanee uummata Impaayera biyyattii irratti gaggeessaa jiru daran jabaate

Aside

Ebla 15,2013

Dhiibbaan mootummaa wayyaanee uummata Impaayera Itoophiyaa irratti gaggeessaa jiru haalaan jabaatee jira.Haaluma kanaan wal qabatees naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Suugee keessatti miindaan barsiisota 197 irraa cituun barsiisotni qaalainsa jireenyaan wal qabatee rakkoof saaxilamanii jiran.Aanaa kana keessatti barsiisotni sadarkaa digirii qaban 45 kan Dippiloomaa 122 kan certificate ammoo 30 kanneen tahan rakkina kanaaf saaxilamanii jiran.Mootummaan wayyaanee barsiisota aanaa kanaa buqqauu uummata naannoo kanaan wal qabatee hojii hin hojjenne jechuun miindaa irraa kutanii jiran.

Naannooma kana keessatti uummata qeee buqqisuun haalaan hammaachaa kan dhufe yoommuu tahu ilmaan oromoo hojiidhaan naannoo kana keessa jiraataan isin ABO deeggartu odeeffatas dabarsitu jedhamuun mana hidhaatti ukkaamsamaa jiru.Ilmaan oromoo

1. Taammiruu Tolaa fi

2. Dirribaa Magarsaa

Jedhaman namoota doorsifaman keessatti argamu.Mootummaan bittaa umrii isaatti sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaaf mirga kan hin eegne yoommuu tahu ilmaan oromoo addatti mana hidhaatti guuraa fi qeee buqqisuun bittaa umrii isaa dheeressuuf tattaafachaa jiru irratti yoomuu qeerroon akka hin jilbeeffanneef qeerroon gabaasa isaa waliin addeessee jira.