Qeerroon Bilisummaa Sochii Bilisummaa Ummata Beenishaangul(BPLM) Waliin Walitti Dhufe.

Aside

(Qeerroo, Asoosaa, 8 Ebla 2013) Qeerroon Bilisummaa firummaa Sabawwan Cunqurfamoo Impaayera Itoophiyaa keessaa waliin jabeessuun Sochii Bilisummaa Uummata
Beenishaangul(BPLM) waliin walitti dhufuun dhimma qabsoo bilisummaa irratti marii taasisee jira.

Maddi Oduu Qeerroo akka gabaasetti, Sochiin dargaggoota Biyyooleessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroon Bilisummaa) gaaffii mirgaa dargaggootaa fi sochiiwwan bilisummaa Impaayera Itoophiyaa keessatti sabawwan cunqurfamoon finiinaa jiru waliin firummaa jabeessuutti jira.

Akka kanaan Qeerroon Bilisummaa, dhimma qabsoo bilisummaa irratti Sochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul(Benishangul People Liberation Movement) waliin walitti dhufuun marii hojii gaggeessee jira.

Ebla 04/2013 fi Ebla 05/2013 Qeerroon Bilisummaa dargaggoota Sochii Bilisummaa Uummata Benishaangul finiinsaa jiran waliin walitti dhufuun magaala Asoosaa keessatti dhimma qabsoo bilisummaa irratti gadi fageenyaan marii’atan.
Uummatni Oromoo fi Uummatni Beenishaangul jaalalaa fi ollaan yeroo dheeraaf nageenyaan waliin jiraachaa kan turan shira mootummaa wayyaaneen walitti buufamuu yaadachiisuun marii’atootni dhimma kanaa shira mootummaa wayyaaneen sharafamu mara dura dhaabbannaa fi tokkummaan qabsaa’uu isaaniis lafakaa’anii jiran.

Sabawwan Cunqufamoo uummata Beenishaangul uummata Oromoo diina kuffiisaa jiru cinaa hiriiruun garboomfataa mootummaa wayyaanee dura akka dhaabbatan mirkansanii jiran.

Dargaggootni oromoo fi Uummata Beenishaangul Qeerroo Bilisummaa fi Sochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul marii kana irratti walitti dhufan jaalalti ilmaan oromoo fi sabawwan cunqurfamoo kanneen akka Sidaamaa,Affaar,Sumaalee fi kanneen biro jirtu daran jabaachuu akka qabduu fi jabinaan akka hojjetan mirkasuun qabxiilee ejjennoo armaan gadii irratti walii galanii jiran.

  1. Diinni keenya mootummaa wayyaanee waan taheef diina waloo tahe kana gamtaan dura dhaabbachuun mirgaa fi bilisummaa uummata keenyaa mirkansuuf hanga dhumaa waliin ni hojjenna.
  2. Walitti bu’insa mootummaan wayyaanee tokkummaa uummata biyyattii keessaa diiguuf uummata oromoo fi uummata Beenishaangul walitti buuse guutummaan ni mormina. Uummata keenya shira mootummaa wayyaaneef gowwoomfaman ni barsiisna.Aadaa uummata keenyaa qabannee tokkummaa fi jaalalaan waliin ni jiraanna.
  3. Dhimma qabsoo bilisummaa irratti wal cinaa dhaabbachuun gargaasa gama hundaan nurraa eegamu of qusannaa malee irratti ni hojjenna.
  4. Sabawwan Cunqurfamoo biyyattii keessatti mootummaa garboomfataa wayyaaneen yeroodhaa gara yerootti mataan rukkutamaa jiran waliin tahuun gaaffii mirgaa mootummaa abbaa irree wayyaanee irratti ni finiinsina.
  5. Diinni Oromoo diina uummata Beenishaangul kan uummata Beenishaangul diina ilmaan oromoo diinni kunis wayyaanee fi jala deemtota isaa tahuu hubannee gamtaan diina keenya dura ni dhaabbanna.
  6. Walitti dhufinsa Qeerroo Bilisummaa fi Sochii Bilisummaa uummata Beenishaangul amma eegalame daran jabeessuun yuunivarsiitiilee, Koollejjiiwwan, dhaabbiilee mootummaa fi biyyattii keessatti firummaa jabeessuun akka waliin diina dura dhaabbatnu irratti ni hojjenna.
  7. Quunnamtii keenya daran jabeessuun diina keenya hanga hundeen buqqisnutti wal cinaa ni hiriirra.
  8.  Barataan,Barsiisaan,Qotee bulaan,hojjetaan mootummaa,Poolisootnii fi kanneen biroon tokkummaa ilmaan oromoo fi Beenishaangul daran jabaate cinaa dhaabbachuun akka guyyaa bilisummaa saffisiisnu irratti waamicha ni dabarsina.
  9. Waadaa keenya hanga dhumaa tikfachuun wal gargaaraa fi wal cinaa dhaabbachaa hanga dhumaa tokkummaan,gamtaa fi tooftaa diina jalaa miliqaa taheen ni qabsoofna. Kanneen jedhan yoommuu tahu quunnamtii sochiiwwan bilisummaa uummata lameeniin gaggeeffamu jabeessuuf yeroo itti wal argaas lafa godhatanii jiran.

Mootummaan wayyaanee wayita uummata Impaayera Itoophiyaa keessaa adda diiguu fi walitti buusuun bittaa umrii isaa dheereffachaa jirutti firummaan sabawwan cunqurfamoo fi sochiiwwan bilisummaa gidduutti taasifamu daran jabaachuu qaba jechuun marii isaanii irbuun goolabanii jiran.

Injifannoon sabawwan cunqufamaaf!!

Dhugaan ni injifata!

Naannoo Haramaayaatti maadheen Qilxuu Awwadaay lakk 2 fi Sabboontoti Oromoo Ejjennoo Qabsoo Fudhatanatii goototaa sababeeffachuun qopheessan.Ibsa ejjennoos lafa kaawatan

Aside

Ebla 07,2013 Haromaya

Naannoo Haramaayaatti Sabboontoti maadheen Maadhee Qilxuu Awwadaay Baarkallee lakk 2 miseensota fi deeggartoota QBO waliin walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti gadi fageenyaan erga mariiatanii jiran.Baatiin Eblaa jia goototaa waan taheef akeeka gootota ilmaan oromoo galmaan geessisuuf mariin kun balinaan qopheeffamee barattoota Yuunivarsiitii Haramaayaa hammachuun gaggeeffamee jira.Marii balaan Barattoota Yuunivarsiitii Haramaayaa fi jiraattota naannoo kanaan gaggeeffame jia gootota oromoo keessa tahuu,Yeroo hundeessitootni ABO QBOf danqa tahuuf yaalanitti tahuun isaa adda kan godhu yoommuu tahu ABO kallacha QBO kan tahe waliin wareegama kamuu kaffaluun cinaa akka dhaabbatan murteessanii jiran.Gantootnis tahe galtootni yoomuu haamilee qabsaaota oromoo kutuu akka hin dandeenyee barattootni sabboontota oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa fi naannoo ishee mirkansanii jiran.Marii isaanii goolaba irrattis ibsawwan ejjennoo armaan gadii lafa kaawatanii jiran.

1. Jiraattootni,Hojjettootni,Barsiistotni,Bulchinsi araddaa Yuunivarsiitii Haramaayaa fi naannoo ishee akkasumas ilmaan oromoo marti QBO cinaa ni dhaabbanna.

2. Yuunivarsiitiileen Oromiyaa keessatti dhaabbatan ilmaan oromoo naannoo isaanii jiran akka gargaaran ni gaafanna.Yuunivarsiitiin Haramaayaas uummata oromoo naannoo Yuunivarsiitii kanaa ilmaan oromoo Xinniqqee,Finqillee,Tuujii Gabbisaa,Daamota,Baatee akka gargaaru ni gaafanna

3. Abbootiin amantii Islaamaa,Kiristaanaa fi waaqeffannaa osoo hin jedhiin QBO cinaa akka dhaabbattan ni gaafanna

4. Uummatni oromoo yeroo mara saamamuu,hidhamuu,ajjeefamuu,dararamuun akka dhaabbatu ni gaafanna

5. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti beeksisni bahan Afaan Amaariffaa duwwaa osoo hin tahiin Afaan oromoonis akka bahu gaafanna.Bakkeewwan hojii ramaddiis baayina uummata oromoo ilaalcha keessa galchuun akka tolfamu ni gaafanna

6. Hojjettootni seeraa,Abukaattotni,Abbootiin seeraa marti mootummaa wayyaaneef qofa osoo hin tahiin dhugaa jiru duwwaa akka hojjetan ni gaafanna

7. Keeyyata seeraa biyyattii irraa ABO shororkeessaa kan jedhu akka haqamu gaafanna.ABO dhaaba siyaasaa ilmaan oromoo malee shororkeessaa miti.

8. Mootummaan Amantii biyyattii keessatti uummata rakkise akka dhaabbatu gaafanna.Seerri biyyattii keeyyata 11 lakk 2 akka kabajamu gaafanna.Dhimma amantii keessa mootummaan seenuu akka dhaabbatu gaafanna.

9. Wal tahumsa dhaabawwan ilmaan oromoo ni deeggarra.Cinaas ni dhaabbanna.Kan dhaaba ABO gane ykn ammoo sagantaa siyaasaa ilmaan oromoo itti wareegaman dura dhaabbate ykn ammoo gaaffii uummata oromoon alatti jijjiire diina ilmaan oromoo akka tahe beeksisna.Duras dhaabbanna.

10. Yuunivarsiitiin Haramaayaa keessatti ilmaan oromoo ukkaamsaman,Ariiamanii fi ajjeefamaniif bulchinsi yuunivarsiitii sababa gahaa akka dhiyeessu ni gaafanna.

Kanneen jedhan yoommuu tahu ilmaan oromoo bakka maraa baatii goototaa keessatti goota keenya yaadachaa jaarmaya keenya akka jabeeffannu qopheessitootni marii kanaa maadhee Qilxuu Awwadaay Baarkallee lakk 2 waamicha dabarsanii jiru.

Injifannoo uummata oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!