Dantaa dhuunfaaf jennee hin taanu muka qottoo
Garaa guuttachuuf maalif uumna rakkoo
Bilisoomuun hin oolu guyyaa gaafa tokkoo
Gaaf sana gaabbina har’a yoo uumne rakkoo.
Sirriitti wal jaaladhu akka obbolummaa
Of hin fakkeessin hubadhu eenyummaa
Yeroof jettee hin dagatin eenyummaa
Hundi wal taanee haa cimsinu tokkummaa
Hanga yoomii baannaa? harqota gabrummaa.
Iyyaa iyya dabarsaa
Tokko osoo hin hafne qomoo hundatti labsaa
Qabsoon dabaree miti lammii hunda dammaksaa
Hunduu gamtaan kaanan aangoo diinaa cabsaa.
Bilisummaaf jedhee hedduutu manaa ba’ee
Osoo dhugaaf falmuu kan dhiigni dhangala’e
Oromiyaaf jedhee akka dungoo boba’e
Maatiin osoo karaa eeguu qalbiin kan roora’e
Sana yaadannee maal yoo garaan nu boora’e?
Mee naaf himaa booreen maaf har’a ga’ee.
Maqaa Oromootin dhaaba hedduutu jira
Hunduu wal qoodee addaan wal ciccira
Martuu miidhamee argaa jira gidiraa
Furmaanni biraa hin jiru WBO duukaa hiriiraa
Tasa dogongortee hin eegin kan biraa
Har’as ta’ee boru isatu nu jijjiira.
Garaadhaaf kan bitame lammii ajjeechisaa
Lubbuu hedduutu badee kam himeen kam dhiisaa?
Tokko yaamee gariin dhiisuu seenaan na gaafachiisaa
Akka hin daganneef seenaa yaadachiisaa
Galmee Wareegamtootaa ifatti mul’isaa!
Mee jara ilaalaa
Obbo Yuunaddii kan akka Abbaaduulaa
Kaleessa lammii jibbee diina waliin guulaa
Isaanis jibbaman irraa garagalfatan fuula
Marfamanii eegamu akka midhaan tuulaa
Gowwaa bu’i bowwaa dubbiin silaa fuula fuulaa.
Daandii isa baasu abbaatu ilaallata
Seenaa badaa qabda maaltu si jaalataa
Yeroon maladhu kan caalutu si muudataa
Dubbii sangoota sadanii santu si eeggataa.
Mandhee Dheebuu Bilisummaa irraa