Jawaar Siraaj Mohammad
Ebla 4, 2013 (The Gulele Post) — Tattaaffiin rakkoo qabsoon Oromoo mudatte furuudhaaf akka matayyaattiis tahe akka gurmuutti godhamaa jirtu mara jajjabeessuun barbaachisaadha. Carraaqqiin garasiin godhamtu garuu, tan rakkoo jirtuuf furmaata argamsiiftu malee tan rakkoo jirtu daranuu hammeessitu tahuu hinqabdu. Keessaafuu, injifannoolee hanga ammaatti argamaniifi wantoota bu’ura tahan akka hin faallessine of eeggannoo cimtuu qabaachuu feesisa. Murni dhiheenya kana as bahe jechoota hahhaarayaa waliin mul’ate. Jechoota kana keessaa, jechoonni lama (terminologies) waan qabsoon Oromoo hanga ammaa himachaa turteefi (political narrative), maalummaa qabsoo tanaatis faallessu tahuu isaanii ibsuufi hubachiisuu barbaachisa. Jechoonni baanaman kuni gaafii Oromoo gaafii sabaatirraa gara gaafii mirga amboommiitti gadi siqsan, Oromoo ammoo, gurmuu akka sabaatti of dandayee ejju tahuurraa kan gara garee Afaaniitti (linguistic group) gadi cabsan tahuudha agarra. Dubbiin lameen tunniin injifannoolee hanga ammaatti goonfanne ni gaaga’an; karaa nuu hafe keessattis gufuufi sakaallaa nutti tahuus ni malan. Kanaafis jechoonni kuni gad baafamanii ummatatti dhihaatan afaanfajji osoo hin uumin, warri ykn gareen dubbiin tun irraa maddite dhimmi kuni duumeeysa balaa dorrobe tahuu akka hubatan yaaliin godhamteeti turte. Yeroo sunitti dubbiin dogongora tahuu isii fudhatanii sirreessuufis tarkaanfiin akka fudhatamtu waadaa seenaniiti turan. Haatahu ammoo, waadaa seenan sun diiguudhaan amma kunoo bifa galmeetin basaqeeysatti asiin bayaniiti jiran.
Kanaafu maalummaa dubbii tanaa ibsuudhaan miidhaa tattaaffii sabaatirratti fiduuf maltu ammuma osoo ganamaa bifa xiinxalliitiin ifa goonee ummataaf dhiheessuuf dirqamneeti jirra. Gutuutti dubbisuuf http://ayyaantuu.com/horn-of-africa-news/oromia/muka-jallaa-diriirsuun-osoo-qacaleeti/ or http://www.gulelepost.com/