Ebla 03,2013 Ejere
Gabaasaa Godina Shawaa Kaabaa Ona Ejeree har’a Ebla 03 irraa addeessuun armaan dura jireenyi nutti cime miindaan nuuf haa dabalamu jedhuun barsiisonni mana barumsaa qophaayinaa oan Ejeree irraa barsiisan dhimma miindaan dabalamuu waliin gaaffii barruudhaan dhiyeeffatan. Gaaffii kana dhiyeeffachuun isaa Bitootessa gaafa 18 ture jedhu,hanga har’aatti deebiin dhibuu irraan har’a ganama irraa ka’anii hojii dhaabuu isaanii beeksisan. Barattootni kutaa 11ffaa fi 12ffaa nutis gaaffiin barsiisota keenyaa mootummaa kana irraa hanga deebii argatutti barumsa hin barannu jedhanii barruu tamsaasan kan jedhu gabaasaan isaa addeessa.
Barsiisonni kun gaaffiin isaanii dhimma daballii mindaa haata’u iyyuu malee gaaffii mirga Oromoo kaan irraa gaaffiin akka walii galaatti mootummaa irratti waan kaasaniif Qeerroon tumsa barbaachisu gochuun mirgi ummatootaa akka kabajamuuf sochiii guddaa akka godhaa jiru gabaasaan Qeerroo adeessa.
Barsiisoti sabummaan ummatoota Kibba tahanii fi Amaara tahan sochii kana keessatti Qeerroo waliin akka hiriiranii jiranis gabaasi qeerroo ibsa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!