“Nu Biyyi Keenya Oromiyaa” Artist Hayiluu Kitaabaa

Aside

Hin Bariitu Seetee ( Walaloo SBO)

Hin Bariitu Seetee, Walaloo SBO

Qeerroo Yuuniversitii Amboo Bakka Waaqeffatnaa Dhorkaman

Aside

Ebala 1,2013 Amboo

T-shirt irreechaAkka gabaasaa Qeerroo Yuuniversitii Amboo irraa har’a addeessuun guyyaa lamaan kana jechuun Ebla 1 fi 2 magaalaa Ambootti yeroo itti barattootni oromoo miseensa Waaqeffataa Yuuniversitii irraa walitti dhufuun magaalaa kanatti gaggeeffatantu ture. Kunis akka konfiraansiitti kan qopheeffatan sirna waaqefanna ilaalchise guyyaa lamaan sagantaa qaban mootumaan wayyaanee isin cina Qeerroo fi ABOtu jira akka odeeffannaa keessan qabnuttis buusii dhaaba ABOf buusudha,jedhuun bakka waaqeffannaa isaanii irraa dhorkuu irrayyuu barattoota baayee waajjira garagaraatti dhiyeessuudhaan qorannaa irratti gaggeessaa akka turan gabaasaan qeerroo addeessa.
Sirna waaqeffanaa qofaaf walitti qabamtu miti, ajandaan keessan dhimmaa ABOti,kun beekamadha jedhuun barattoota dhimma kanaaf gara magaalaa kanaa yuunievsritii adda addaa irran dhufan irratti gaggeessaa jiraachuushee gabaasaan addeessa. Bakka kanaan dura miseensi waaqeffattootaa itti sagadan kana irraas dhorkamanii akka jiran waliin gabaasaan isaa nu gahee jira.

Qabsoon Itti Fufa!Gabrummaan Ni Kufa!!

Diddaa Uummataa fi Barattootaa Aanaa Calliyaa Daran Jabaate

Aside

Ebla 1,2013 Geedoo

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan mootummaa wayyaanee irratti yeroodhaa gara yerootti jabaachaa dhufuudhaan Godina Shawaa Lixaa aanaa Calliyaa magaala Geedoo keessatti jabaatee jira.Mootummaan Wayyaanees gocha kana dura dhaabbachuudhaaf ilmaan oromoo mana hidhaatti Jumlaan guuruu irratti argama.Yeroo ammaa kana ilmaan oromoo

1. Tamasgeen Ambishaa

2. Fiqiruu Lataa

3. Badhaadhaa looyaa

4. Milkiyaa dhaabaa

Jedhaman mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti kan ukkaamsamanii jiru.Mootummaan wayyaanee gaaffiiwwan mirgaa dura dhaabbachuuf yeroo mara hidhaa filachaa kan jiru yoomuu duuba nu hin deebisu jechuun qeerroon aanaa Caalliyaa,Abuunaa Gindabaratii fi Midaaqeny beeksisee jira.

Mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo Yuniversitii Jimmaa 4 Hidhuun Kaan irraa Ammoo Waraqaa Eenyummaa Funaane.

Aside

Ebla 1,2013 Jimmaa

BilisummaaGaaffii mirgaa barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa kaasan waliin wal qabatee Bitootessa 30,2013 waraanni mootummaa Wayyaanee mooraa Yuuniversitii Jimmaa keessa qubatee jiru barattoota Oromoo 4 diddaa kaastaniittu,gaaffii mirgaa kan mootummaan hin feene kaaftanii jirtu.Biyyi Oromoo kan Oromooti jechuun sagalee dhageessiftan sababa jedhuun barattoota 4 hidhuun beekame. Kanneen 7 taan ammo waraqaa eenyummaa isaanii seeraan ala irraa fuudhee akka jiru Qeerroon Jimmaa gabaasa.

Barattoota kanneen hidhamanii mana hidhaa Jimmaa keessatti dararamaa jiran kuniin:-

1, Barataa Tashomee Girmaa barataa siviili Injiineriigii waggaa 3ffaa,
2, Brataa Faar Mohaamed Barataa Seeraa waggaa 3ffaa ,
3, Barataa Qananiisaa barataa water injiineringii waggaa 3ffaa,
4, Barataa Iyyaasuu barataa Soshoologii waggaa 2ffaa
Yeroo tahan barattootni kaanis poolisootaan dorsifamaa jiraachuun beekame.