Amajjii 20,2013 Hawaasaa
Naannoo uummattoota kibbaa magaala Hawaasaa keessatti gaaffii mirgaa Qeerroo fi dargaggootni sidaamaa gamtaan gaafatan dura dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo fi Sidaamaa mana hidhaatti guuraa jira.Magaala Hawaasaa keessatti dhaadannoowwan afaan Oromoo,Amaariffaa fi Sidaamaan barraaan bakkeewwan garaa garaatti keessumaa hoteloota gurguddaa kanneen akka Leewwii,Chambalalaa fi baankii Wegagen biratti maxxanfaman mootummaa wayyaanee yaaddoo keessa buusanii jiran.Dhaadannoowwan afaan sadeenuu wal fakkaataan hiikaman
1. Barri mootummaa wayyaanee gahe
2. Wayyaaneen garboomsaa dha
3. Hidhaa fi ajjeechaan haa dhaabbatu
4. Maalummaan uummataa dhimma jabaa tahee haa mulatu
5. Wayyaaneen aangoo irraa haa buu
6. Hidhi abbayyaa gaaffii mirgaa hin dhaabu
7. Bilisaan dhalatanii garboomuun salphina
8. Gaaffii mirgaa kan gaafatu shororkeessaa miti
9. Saaminsii fi loogiin haa dhaabbatu
Jedhan hedduumminaan kan maxxanfaman yoommuu tahu wayyaaneen ilmaan oromoo fu sidaamaa mana hidhaatti guuraa fi doorsisaa jira.Yeroo ammaa kanatti
1. Dargaggoo Ifreem Jiraataa hojjetaa mootummaa
2. Lammisoo Laggasee hojjetaa mootummaa
3. Daanieel Yirgaw hojjetaa mootummaa
Kanneen tahan mana hidhaatti kanneen ukkaamsaman yoommuu tahu sakattainsii fi doorsisinis jabaachaa jira.Hanga gaaffiin uummataa deebiu qabsoo itti fufna jechuun Qeerroon magaala Hawaasaas daraggoota Sidaamaa waliin dhaamsa dabarsee jira.