Wayyaaneen ummata Oromoo kuma 25 dachee irraa buqqisuuf karoorfatte; “ummati immoo dachee keenya irraa hin buqqaanu,” jechaa jira.

Aside

(Qeerroo, Naqamtee, 14 Amajii 2013) Mootummaan Wayyaanee akkuma barattetti ummata Oromoo lafa irraa buqqisuuf saganteeffataa akka jiru saaxialame; umamti immoo lafa keenya irratti dhumana malee irraa hin kaanu!” jechaa jira.

Qeerroon maddeen amanamoo wabeeffatee akka gabaasetti, mootummaan Wayyaanee abbootii warraa gara kuma saddeetii olii Arjoo fi Dhedheessaa keessaa buqqisuuf kan bara darbe akeekkatee diddaa ummataatiin fashalee ture irra deebi’ee hojii irra oolchuuf kaabineewwan OPDO addaddaa waliin irratti maryachaa jira.

Akka karoora kanaatti, mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo kuma 25 ta’u, lafa heektara kuma 75 ol ta’u irraa  buqqisuuf akeeka baafattee jirtu hojiitti hiikuuf akka jirtu baramee jira.

Haata’uutii, bara darbe kaampaaniin pirojeekticha hojjachuuf walii galtee seenee ture diddaa ummataa fi fincila Qeerrootiin rifatee waan dhiisee baheef gidduutti addaan cite ture.

Yeroo ammaa kanatti immoo saganticha itti fufuuf mariin adeemsisamaa akka jiru kan saaxilan maddeen Qeerroo, haalli isaas OPDO keessatti mormii kaasaa akak jiru beekamee jira.

Miseesnoti OPDO dhimma kana irratti dhoksaan maryachaa kan jiran yoo ta’u, hedduun isaanii “saganticha yeroo ammaatti itti fufsiisuun kun barbaachisaa miti,”haa jedhan iyyuu malee ummata lafa irraa buqqisuu fi madda galii gabbifachuuf akeeka kan qabu mootummaan wayyaanee jabeessee itti fufee akka jiru hubatamee jira.

Ummatis haala kana irratti walmaryachaa akka jiru kan ibnse Qeerroon, keessayyuu, Qonnaan bultooti fi Qeerroon akkaataa itti mirga isaanii kabachiifatan irratti marii bal’aa gochaa akka jiran beekameera.

Barattooti Oromoo Yunversitii Jimmaa Waamicha Warraasaa Baldhinaan Facaasuun Diddaa Isaanii Itti Fufan.

Aside

Amajjii 14,2013 Jimma

Baratooti Oromoo Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa sochii Fincilaa Diddaa Garbummaa [FDG] egalee jiruu jabeessuun itti fufan.Baratootni Oromoo halaa yeroo ilmaan Oromoo fi Oromiyaa akkasumas rakkinaa biyyaattiin keessaa seentee jirtu ilaalchisuun wamicha FDG bifa haaraa ta’een waraqaa warraaqsaa mooraa Yuniversitii fi magaalaa Jimmaa kaasaa facaasaa akka jiran gabaasi nu dhaqabe addeessa.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee humna waraanaatiin mooraa Yuunivarsiitichaa eegaa kan ture daran jabeessuun yeroo ammaa kana ammoo humna waraanaa mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Afranitti jechuun Mooraa isaa Main Campus, mooraa Economics fi Business, Mooraa Qonnaa, fi Mooraa saayinsii fi Teekinologii tti Humna Waraanaa fi basaastotaa isaa ol seensisuun sirna baruu fi barsiisuu goolaa jiraachuun beekamaa dha.

Qeerroon Yunversitiilee haala kana jabeessanii mormuun irree jabeeffachuu fi uummata keenya daran dammaqsuu irraan FDG kan wal irraa hin cinne Oromiyaa mara keessatti gaggeessuun irree mootummichaa laaffisuun sirna walabummaa biyyaa mirkanneessuun murteessaa ta’uu isaa kan ibsu waraqaalee heddumminaan akka facaasaa jiran beekame. Kana malees Qeerroon yunversitii Jimmaa sochii Wayyaanotaa fi baasasota wayyaanee mormuun mirgii abbaa biyyuummaa saba keenyaa kabaajamuu qabaa jechuun barsiisotaa, baratootaa fi hojjeetootaa Mooraa Yuunivarsitii Jimmaa fi Ummaataa Oromoo hundaaf Waamichaa FDG dabarsuun gaaffii ilmaan Oromoo yeroo si’anaa kaasuu qabanii fi jiruuf jireenyaa Ummatichaa irraatti hudhaa ta’ee jiruu barreessuun Ummataaf bakka hundaattii faacaasaa jiraachuu irra darbee  garagalchaa gaffiiwwaan kanaas Dr Fiqiree Lammeessaa Peresedentii Yuunivarsiitii Jimmaa, Akkasumaas Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif jechuun Qeerroon Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Biroo staffi barsiisotaa, Laabiraarii Baraatotaa fi bakkeewwaan beeksisni adda addaa itti maxxanfamuu hundatti maxxanssuun diddaa isanii jabeessuun itti fufani jiraachuun gaca’uu qeerroon naannicha irraa gabaasa.

 

Dhaamsa H-Duree ABO J/Daawud Ibsaa Guyyaa WBO Bara 2013

Aside

Diddaan Barattoota Yuuniversitii Aksum Itti Fufe.Barattoota Irras Miidhaan Gahe.

Aside

Amajjii 14,2013 Maqalee

Diddaan barattoota Yuunversitii Aksum itti fufee barattootaa fi loltoota Wayyaanee jidduu rakkoon ulfaataa uumamee jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.

Guyyaa kaleessaa nyaata summaaye nyaachuu irraan barattooti lama lubbuun isaanii darbuu waliin wal qabatee ammos fincila barattootaa daran jabeessee jira.

Haala kanaan barattooti lubbuun darban keessaa:-

1.Meselech Taadiyoos -barattuu Maths waggaa 2ffaa,dhalootaan Hawaasaa

2.Sannaayit-barattuu Nusring waggaa 1ffaa-dhalootaan Boorana kan taatee

Yeroo ta’an  gaaffii barattootni guutuutti gaafataniif deebiin argamee waan hin jirreef barattootni ammallee fincila kaasan jabeessanii akka itti jiran gabaasan Qeerroo ganama kana addeessa.

Waldaan Dargaggoota Itoophiyaa yeroo dheeraa wayyaaneen faarfame wayyaanumaan shakkamee bittannaa’uun diddaa dargaggootaa uume

Aside

Amajjii 1,2013 Finfinnee

Waldaan dargaggoota Itoophiyaa jedhamu yeroo dheeraaf biyyattii keessatti mootummaa wayyaaneen faarfamaa ture isin hojii mootummaaf hojjetu osoo hin tahiin mootummaa aangoo irraa buqqisuuf wal gurmeessaa jiru jechuun bittinfame.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti dargaggoota irraa shakkii godhachuu kan itti jabaate yoommuu tahu dargaggoota amanamtoota wayyaanee tahan waldaa kana keessa galchuun harka mirgaa godhatee itti fayyadamaa turuun isaa ni yaadatama.Garboomfataan mootummaa wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffachuuf bu’aa fi aangoon qabuun dargaggoota gowwoomsaa kan ture dargaggootni filannoo dharaa dhufaa jiruun wal qabsiisuun mormii kaasanii jiran.Filannoon biyyattii keessatti gaggeeffamaa turee fi itti jiramu filannoo haqaa waan hin taaneef hin filannu jechuun waldaan kun mormii wayita dhiyeessutti bakka oolmaa kana irraa shakkii guddaan mootummaa wayyaanee keessa waan seeneef bittinsee jira.Gaaffiin mirgaas bitaa fi mirga irraa hojjettoota mootummaan wayyaaneetti jabaachaa jira.Diddaa wal fakkaataanis barattoota yuunivarsiitii dirree dawaan gamataa barattootaan dho’ee jira.