Mooraan Yuuniversitii Aksum Fincila Barattootaan Jeeqamaa Jiraachuun Gabaafame

Aside

Amajjii 12,2012 Maqalee

OromiaALutaContinua2011FDGAkka gabaasaa Qeerroo mooraa yuuniversity Aksum irraa addeessutti arman dura nyaata summiidhaan xuqameen barattootni lama Yuuniiversitii Aksuum keessattu dhu’uun ni yaadatama.

Haalli itti fufa fincila barattoota guyyaa har’aa Amajjii 12 sababa guddaa ta’e nyaatni barattootaa garmalee baduu irraan kan ka’e,qulqullina dhabuu irraa baratoonni hedduun fayyaa dhabanuun rakkoo guddaa ta’e,sana irrattis barattooti Yuunversitii Finfinnee mooraa Kiiloo 4 heddummaniin hidhamuun gaaffii gabarattoota maraa ta’ee  FDG kaase. Kana xiiqeffachuun bulchitoonni mooraa Yuunversity Maqalee nyaata bade guyyaa sadiif bule barattooti akka nyaatan dhiheessuu irraan sababa ta’ee gaaffiin mirgaa har’a ganama sa’aa 8:00WD irraatti fincilli akka ka’u taasisee jira.

Haalka kana irratti hundaawuudhaan hidhattootni Wayyaanee poolisoonni mooraa,waraana federaalaa waliin mooraa keessa galuudhaan barattoota moorichaa guutummaatti rukutuu fi qabuudhaan jeequmsi guddaan ture,lolli guddaan barataa fi hidhattoota Wayyaanee gidduutti jabaatee oole,hammachuu barattootaan dhukaasni naannoo sa’a 5:00 keessa barattoota irratti kan banameen shamarran lama garmalee mada’anii amma mana yaalaa galanii jiru.Barattootni 5 bakka buuteen isaanii dhabamee jira,maqaa barattoota kanaa walitti qabnee odeessaa gabaasa itti fufu keessatti dhiheessina.

Gaaffiiwwan barattooti Yuniversitii Maqalee barreessanii maxxansuu fi akka dhaadanootti qabatanii jiran keessaa gariin:-

  • Waraannii fi poolisiin akkasuma basaastonni mooraa gadi nuuf dhiisaa,
  • Torban tokko dura barataan namni lama summii nyaatan makamee nyaatee du’e sun akka hin dhaga’amneef ukkaamsamee hafee jira, kun amma ifatti hamma bahutti barumsa keenyatti hin deebinu,
  • Hatattamaan barataan nu keessaa butamee bakka buuteen isaa dhabame kun nuuf haa deebi’u, jedhanii gaaffiwwan kana barreessanii bakkaa adda addaatti maxxansanii jiru, gaaffiin kun hamma deebii quufsaa argatutti yoo nu fixxan nu fixaa malee boodatti hin jennu jedhuun tokkummaadhaan mooraa keessatti iyyaa akka jiran gabaasaan qeerroo nu gahee jira.
    • Mirgi uummata biyyattii haa kabajamu
    • Bilisummaa barbaadna
    • Qaala’insi jireenyaa haa dhaabbatu
    • Miindaan jireenyaaf gahaa miti
    • Arrabsoon ilmaan oromoo irraa haa dhaabbatu
    • Mootummaan wayyaanee ofii barattoota walitti buusuu haa dhaabu

Kanneen jedhan ta’uu qeerroon naannicha irraa gabaasa

Wareegama Barbaachisaa Baasanii Bilisummaa Uummata ofii Mirkaneessuun Nama Boonsa

Aside


Wareegama Barbaachisaa Baasanii Bilisummaa Uummata ofii Mirkaneessuun Nama Boonsa

Ibsa Miseensota KG Dh.D.U.O

Wareegama Barbaachisaa Baasanii Bilisummaa Uummata ofii Mirkaneessuun Nama Boonsa. Galmee seenaa keessattis bara baraan jiraata. Akkuma beekamu mootummaan wayyaanee haala yeroo ammaa akkaataa hammaataa fi jibbisiisaa taheen ilmaan oromoo mana hidhaatti guuraa jira. Kaanis saamaa, kaanis ajjeesaa, kaanis biyyaa arii’uu daran jabeessuun waanjoo garbummaa jabeessee hudhaa jira. Kun kan hiika argatu tokkummaa Oromoo jabeessuun sochii bilisummaaf godhamu finiinsuu qofaan taha. Uummatni Oromoos haala kana hubachuun qotee bulaa, barsiisaa, barataa, hojjetaa, daldalaa, dafqaan bulaa fi marti osoo lagaa fi aangoon wal hin qoodiin QBO jabeessuun dirqama. Wayyaaneen paartiilee biyya bulchan keessaa addatti xiyyeeffannoo fi ija shakkiin irra caalaa kan ilaalu Dh.D.U.Oti. Kunis haqa lafa kaawee darbu qaba. Dh.D.U.O ofii bixxilee har’a Oromoo ittiin gowwoomsuuf dhaaba siyaasaa qabdu jedhu kana irraa amantamummaa waan hin qabneefi. Dhiibbaa addaa fi qorannoo, akkasumas namuusaan jechuun aangoo irraa darbaa, dhoksaan tikaan ajjeesisaa waan tureefi. Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniif kufanii ka’an bakka kumaatamatti dhiiga isaanii dhangaalaase. Dhiigni dhangala’e kan miseensummaa DH.D.U.O qaban dabalatee malee ati miseensa keenya jedhee guyyaa itti Oromummaa keef dhugaa dubbadhu jedhe hin qabu. Filannoo gaggeeffamaa ture keessattis paartiileen mormitootaa ija guutuun osoo ilaalanii sagaleen anatu caala jedhee uummatatti lallaba. Namootni dhugaaf dubbatanis bakka nyaatanii fi dhuganitti, bakka bashannanitti tika mootummaa wayyaanee fi ifaan ajjeefaman. Dhugaan biyyattii keessatti bakka dhabaa fi jireenyi uummata biyyattii keessumaa kan ilmaan Oromoo daran hammaataa tahee jira. Gochaa isaa kanaafis guyyaan seenaan itti gaafatamnu dhiyaachuun hundatti akka biiftuu barraaqaa mul’achaa jira. Itti gaafatama seenaa jalaa bahuuf QBOf kan beekumsa qabu beekumsaan, kan qabeenya qabu qabeenyaan, kan humna qabu humnaan waan danda’u maraan qooda keessaa fudhatuu qaba.
Yaa Ilmaan Oromoo,

Wareegama barbaachisaa kaffalanii bilisummaa uummata ofii mirkansuun nama boonsa.pdf

Godina Baalee magaala Gobbaa Keessatti Qeerroon Olola Wayyaanee Fashalse. Hidhaa fi Ukkaamsaanis Itti Fufe.‏

Aside

Amajjii 11,2013 Gobbaa

BilisummaaGodina Baalee magaala Gobbaa keessatti mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo maqaa leenjii namuusaa jedhuun olola siyaasaaf kan karoorse dura dhaabbannaa Qeerroo bilisummaan bakka gahuu dhabe. Qeerroon naannicha irratti Wayyaanota dursee olola dharaa mootummaan gabroomfataa oofaa jiru rakkoo saba Oromoo hin furu jechuun dhadannoo fi barruulee facaaseen dabballoonni Wayyaanee akeeka isaanii bakkaan gahuu hin dandeenye. Haala kanatti kan rifatan Wayyaanotnni  hidhuu fi hiraasuun filmaata jedhanii Qeerroo Oromoo maqaa miseensummaa ABOn daran dararaa jiru.

Dargaggoota Oromoo isin miseensota ABOti,ABOf hojjechaa jirtu jechuun mana hidhaatti ukkaamsee kaan ammo qorannoon rakkisaa jira.Dargaggootni oromoo

1.       Dargaggoo Amiin Ida’oo

2.       Dargaggoo Girmaa Olaanii

3.       Dargaggoo Mangistuu Alaqaa Dheeraa

Jedhaman mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti kan ukkaamsaman yoommuu tahu daraggoon Jibriil Usmaan jedhamu ammoo kaabinoota mootummaa wayyaaneen yeroo yerootti qoratamaa jira.Dargaggootni mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti ukkaamsan ulee wayyaaneen hedduu reebamaa kan jiranii fi warra isaaniin akka hin dubbisne dhorkamanii jiran.Qeerroon magaala kanaa miidhaa fi daba ilmaan oromoo irratti gaggeeffamu adda durummaan mormuu ibsuun hanga Bilisummaan keenya mirkanaa’u qabsoo jabaatanii itti fufuu ibsatanii jiran.