Filannoon dharaa mootummaa Wayyaanee diddaa uummataan simatame

Aside

Amajjii 11,2013 Finfinnee

Filannoo dharaa mootummaa Wayyaanee gaggeessuuf jedhu irratti diddaan uummata magaala Finfinnee irraa mudate.Wayyaanee EPRDF abbaa irrummaan uummata biyyattii garboomsee osoo jiruu sirna dimokiraasiin gaggeessaa jira jedhee addunyaatti lallabuuf kan filannoo kana kalaqe uummatni kaardii filannoo hin fidhannu jechuun didee jira.Bakka oolmaa dargaggoowwaniis Wayyaaneen yeroo ammaa kana maal marii’achaa jirtu jechuun cufaa jira.Yeroo ammaa kanatti mootummaa Wayyaaneetti diddaan jiraattota magaala Finfinnee irraa gama hedduun itti jabaatee jiraachuun beekama. Qaala’insa jireenyaa,rakkina geejibaa fi hojii dhabdummaan jiraattota magaala Finfinnee fi hawaasa biyyattii mara rakkisaa jira.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa yerootti diddaa uummata kanaa dhaamsuuf walgahii bakka buutota aanaa irraa funaanuun walgahii gaggeessuus mormiin daran jabaatee jira.Jiraattotni magaala Finfinnees mootummaan wayyaanee garboomfataadha jechuun ifaan dubbachaa jira.Hawaasni musliimaa daran diddaa jabeessuun filannoo wayyaanee waliin tapha kan dhaqu hin jiru jechuun diddaa itti fufanii jiran.

Godina Booranaa aanaa Bulee Horaa Keessatti Qeerroon Bilisummaa Diddaa Jabeessan.Barsiisonni Oromoo dhaas QBO Qooda Kennaa Jiru

Aside

Amajjii 11,2013 Finfinnee

Godina Booranaa aanaa Bulee Horaa mana barumsaa Bulee Horaa sadarkaa 2ffaa keessatti barattootni oromoo dhiibbaa mootummaan wayyaanee gaggeessaa jiruu fi barattoota jumlaan mana hidhaatti guuree fi ajjeese mormuun gadda uffachuun diddaa mul’isan.Qeerroon Bulee Horaa gamtaan waamicha walii dabarsuun rifeensa haaddachuunii fi uffata gaddaa uffachuun mootummaan wayyaanee balaaleffatanii jiran.mootummaan wayyaanees yeroodhaa gara yerootti diddaa qeerroo irraa manneen barnootaa gad aanaa irraa hanga yuunivarsiitiitti itti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuufis waraana bobbaasuun waraanatti dirqama addaa kennaa jira.Diddaan manneen barnootaa gad aanaa keessaa jabaachuunis Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee mana barumsaa Aliboo sad 1ffaa fi 2ffaa keessatti barsiisotnii fi barattootni oromoo walitti dhufuun dhimma QBO irratti erga marii’atanii booda gocha mootummaa wayyaanee balaaleffatanii jiran.Yeroo lammaafaafis dhimma QBOf kan oolu qarshii 300(dhibba sadii) walitti buusanii jiran.Dhiibbaa mootummaan wayyaanee dargaggoota oromoo fi qotee bultoota oromoo irratti gaggeessaa jirus mormiif qophii tahuu ibsanii jiran.Godina Iluu abbaa booraa aanaa Cooraa keessatti qeerroon diddaa itti fufee jira.Mootummaan wayyaanees akkuma bare ilmaan oromoo amantii musliimaa qabanii fi hojii dhabdoota mana hidhaatti guuruu itti fufee jira.Dargaggoon Efreem Abaataa jedhamu hojii dhabdummaan rakkachaa kan jirus gara mana hidhaa mootummaa wayyaanee gidduu galeessaa Maa’ikelaawiitti tika mootummaa wayyaaneen yakkamuun fudhatamee jira.

Seife Nebelbal Radio: Interview with Dr. Getachew Jigi

Aside

Radio Afuura Biyyaa: “Guyyaa WBO” in Calgary and Interview with Dr. Mosisa Aga, President of OSA on Jan. 25, 2013, Peaceful Rally in DC

Aside

Qeerroon Yuunivarsiitii Arbaminc Gaaffii Mirgaa Barattooti Yuunversity Finfinnee Gaafatan Deggeruun Ejjennoo Fudhatan

Aside

Amajjii 10,2013 Arbaminc

Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti qeerroon haala yeroo ammaa yuunivarsiitii Finfinnee keessatti dhalate ilaalchisuun marii hatattamaa taasisaniin ibsa ejjennoo lafa kaawatan.Mootummaan Wayyaanee gaaffiiwwan mirgaa gaafataman waraanaan dura dhaabbachuunii fi ilmaan Oromoo biyya abbaa isaa irratti hidhaa,ajjeechaa,dararaa,arrabsaa jiraachuun hanga yoomiitti jechuun maarii isaanii kan eegalan yoommuu tahu ibsa ejjennoo hatattamaa armaan gadii kana baafatanii jiran

1.    Hidhamtootni siyaasaa hanga hiikamanitti gaaffii mirgaa haala kamuu caalaa daran jabeessuun itti fufna

2.    Hidhamtoota ilmaan Oromoo waan dandeenyu maraan cinaa dhabbanna

3.    Mootummaan wayyaanee iyyannoo barattoota oromoo Yuunivarsiitii Arbaminc irraa waajjira Pireezedaantii seene hatattamaan akka deebisu gaafanna

4.    Ilmaan Oromoo  humna agaazii mootummaa Wayyaaneen ajjeefamaniif mootummaan EPRDF itti gaafatamummaa haa fudhatu,Yakkamtootnis fuula seeraa haa dhaabbatan

5.    Waraanni Mootummaa wayyaanee dirqamaan gudeeddii barattoota yuunivarsiitii Gondar irratti gaggeessee fi Arbamincitti barattoota irratti gaggeesse seeraan haa gaafamu

6.    Walabummaan biyyaa fi Bilisummaan oromoo hanga mirkanaa’u wareegama kamuu baasnee qabsoofna

Jechuun kan ibsa ejjennoo baafatan yoommuu tahu waraqaa waamichaa fi ibsa dhaabaa barattoota maadheef hiranii jiran.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti dhiibbaa addaa ilmaan oromoo irratti gaggeessaa jiru daran jabeessaa kan dhufe dura dhaabbachuuf hunduu dirqama isaa akka bahu waamicha oromummaa dabarsanii jiran.

 

Utaaltee muka yaabdee, Buutee mucaa ishee dhabde

Aside

Utaaltee muka yaabdee, Buutee mucaa ishee dhabde

Jiituu Sabaafi Lammii Moosisa;

Unbarsiitii Finfinnee Amajji, 2013

Kuaa 1

Barri isaa duri. Dhugaa, soba, leenca, ibidda, bishaaniifi bofatu wajjin jiraataa ture. Garuu sobni hunda isaanii fixee kophaa waan hunda dhuunfatee jirachuuf karoora baafate. Akkaatuma kanaan bofa kophaatti waamee ‘’…leenci yoo nuti waa arganne silaa nurraa fudhataa maal goonu?” jedheen. Bofnis “….isa anuu nan ajjeesa!’’ jedhanii akkuma jedheyyuu leenca hiddee ajjeese. Sobni du’a leencaa erga hubatee booda, ibidda kophaatti waamee ‘’….waan gaarii tokko yoo arganne bofti nuurraa fudhata. Kanaan dura leencayyuu akkatti ajjeese silaa argitee Maaltu nu baasa?’’ jechuun mararteen gaafate. Abiddis akka aaruu ta’ee “….yemmuu inni marmartee fura keessa ciisuun walitti qabee isa guba.” Jedheen. Akkuma jedhes gubee ajjeese.

Sobni karoora isaa ittifufuun bishaan kophaati waamee “….ibiddi cimaa waan ta’eef hunduma keenyayyuu baleessuu waan danda’uuf akkamiin callifnee ilaalla?” jechuun mari’ateen. Bishaanis akkuma warra kaanii ariidhaan “…ani isaaf nan ta’a!’’ jedhee dhaadate. Akkuma jedhe sana itti dhangala’ee abidda balleessee ofiis daaraa keessatti bade. Dhuma irratti sobnifi dhugaan walitti hafan. Sobni diinni isaa inni hamaan hafuu erga hubatee booda fala biraa barbaacha eegale. Irriba dhabee erga yaadaa turee booda toftaa dhugaa ittiin balleessu baafate.

Tooftaa isaa garuumatti qabatee otoo waliin deemaa jiranii gaaftokko randa wayii jala gahan. Sobni guyyaa akka kanaa lamuu argachuu waan hindandeenyeef akeeka isaa raawwachuuf qophaa’e. Akkuma randa sana jala gahaniin “….asuma jala taa’i akkana ol goreen dhufaa!’’ jedhee gaaratti ol-bahe. Lafa isaaf mijatu erga gahee booda dhugaa of jalatti gadi ilaalee diina isaa kana achitti macalaqsee obbaafachuuf irraan gadee dhagaa itti gangalche. Akka yaadame ta’uu didee dhagaan ajeechaaf ergame yemmuu dhugaa bira gahu dhoqqee warqii ta’ee dhugaatti uwwifame. Sobni du’a dhugaa ilaaluuf yoo deebi’u dhugaan warqii uffatee arge. Aarii keessa isaa dhokfachaa “…. Kana eessaa argatte?’’ jedhee gaafate. Dhugaanis “…. Gubbuma kanaa konkolaatee dhufee na aguuge.” jedhee itti hime. “…. isammaa anatuu dhagaa sitti gadi gangalchee booda warqii sii ta’ee, mee atis ol bahiitii akka narraa hingorretti dabaree kee dhagaa natti konkolachisi!’’ jedhee kadhate. Dhugaanis dabaree isaa gaaratti bahee sobatti dhagaa gangalche. Dhagaanis warqii ta’uu didee soba awwaale jedhama.

Haalli har’a sabni Oromoo keessatti argamu kan yoom caalayyuu qaanessaa ta’aa jira. Shira harka lafa jalaatiin qindaa’ee Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisuurratti hojjatamaa jiru dabalatee hojiiwwan fuulleetti hojjatamaa jiran hundi dhugaa kana mirkaneessu. Qe’een Oromoo buqqa’ee hambaaf qoodamaa jira; namguddoon saba kanaa qubsuma yeroollee dhabanii hadiyyootti hafan. Daa’imman sabichaa barnoota qaroomina addunyaa waliin tarkaanfatu akka hinarganne gochuun wixineen kaleessa saba kana moggaatti hambisuuf bahe isa dur caala hojiitti jira. Ka’imman Oromoo carraa hojii dhoowwatamanii akka warra saba isaanii ajjeessaa jiruuf ergaman halkanii guyyaa duula walirraa hincinnetu deemaa jira. Uummanni bilisaatti yaada isaa akka hinibsanne, madda walabaarraa odeeffannoo walabaa argatee dhugaa jiru akka hinakeekkanne gochuuf ammallee danqaa hamaatu jira. Caasaan tikaa qe’ee Oromoo keessatti diriiree nama shan hidhaa tokko keessatti galchuun tokkoon tokkoon dhala Oromoo hidhaa diinaa keessatti eegama. Oromoon akka saba tokkoo walgahee: aadaa, seenaa, afaaniifi mallattoolee eenyummaa isaa mul’isan akka hinguddifanne garaagarummaa sobaa uumanii walirraa fageessuuf yaalii heddutu ta’aa jira. Qabeenyaan biyya Oromoo qusannoofi of eeggannoo tokko malee, fedhii fi ayyama sabichaa malee halkanii guyyaa samaama. Ilmaan saba kanaa shira kana morman ykn. mormuu malan adamsamanii ajjeefamu; hidhaattii guuraamu; harka lafa jalaatiin jiruu hawaasummaafi diinagdee keessaa qoqqobamu, gariin ammo lubbuu oolfachuuf jecha biyyarraa godaanuu, gammoojjiifi galaana biyya ormaa keessatti bineensaan nyaatamu. Kunniin rakkoo Oromoon ittijiru keessaa hanga xiqqoodha. Gadi fageenyi isaa kana daran bal’aafi sukkanneessaadha.

Har’a akeekni keenya rakkoo tarreessuu miti. Rakkoo kanaaf furmaata barbaaduudha. Furmaataaf ammoo raajii addaa uumuun dirqama hinta’u. Garuu gatii baasuu gaafata. Gatiin nuti baasaa jirru maaliif maalirratti akka ta’e hubachuun manii keenya sirreeffachuu qabna. Har’a Oromoon hunduu gatii baasaa jira jechuun nidanda’ama. Garaagarummaan jiru, inni tokko ulfina saba isaa bakkatti deebisuuf gatii baasa. Maaliifi maalirratti akka gatii baasaa jiru beeka. Bu’aafi miidhaa dhufu dursee tilmaamee ittideema. Of otoo hintaanee faayidaa sabaaf dursa keenna. Isaan gariin gola ormaa ijaaruudhaaf gatii baasaa oolu. Gatiin isaan har’a baasan bor maal fidee akka dhufu hinbeekan. Beekanis karaatti of deebisuuf seexaa dhabanii karaa gidduutti danqamanii nama danqu. Muul’anniifi Sanaaf jecha ofiis ulfina hinqaban, sabaafis ulfina hinta’an. Ormaaf gaatii baasaa jiraatu. Gatiin isaan baasaa jiran deebi’ee isaanuma salphisa. Diina isaaniifis ta’ee, saba isaaniif hintolle jabeessanii dhaabuutti ofii kufanii hafu. Diinni yeroof ittifayadamee darabatee gata. Hedduun isaanii bakka hintaanetti darbamanii argaa jirra. Lama dhabduu. Seenaarraa barachuu yookin ammoo jiruu isaaniirraa hubachuu dadhabaniiti malee miidhamni isaanitti caala. Diinni Oromoof dhufe Oromoo isa kamiifuu toluu hindanda’u. Tolees hinbeeku. Kanaaf kabajaa saba ofii caalchifatanii faayidaa diinarraa dhufu laagachuutu wayya. Gaafa akkas gochuu danda’an qalbii sabaa keessa jiraatu. Sabni tokko yoomuu jiraataadha. Jalqabaafi xumura hinqabu. Kaleessas tureera, har’as jira, boris nijiraata. Sabni tokko akkuma oolmaa isaatti dhaloota hundaafuu madaallii qaba. Madaalliin qalbii sabaatiin haltokko murame seenaa saba sanaa keessatti hafa. Kanaaf yookan akka ulfaatanitti yookaa ammo akka salphatanitti yaadatamaa hafu. Namuu salphina hinfedhu. Kanaaf madaallii akkasiirratti of sirreeffachuutu hunda caala. “Utaaltee muka yaabdee, Buutee mucaa ishee dhabde.” Isa jedhan akka hintaane, kun dhaamsa warra karaarraa maqeef qabnu keessaa tokko.

Walii galatti, Gatiin nuti har’a baasaa jirru ulfina kana keessatti kan nu deebisu yaakan ammo ulfina kana keessatti kan nu tiksu ta’uu qaba. Gatiin nuti baafnu gatii diina keenya nurraa buqqisu, nuufis saba keenyaafis ulfina fidu ta’uu qaba. Gatii biyya keenya ittiin dhuunfaannee ulfinaafi kabajaa saba keenyaa ittiin deeffannu ta’uu qaba. Oromoofi Oromiyaan dhaloota akkanaa barbaada. Lafa ulfinaatii barbaadamanii dhibuu Waaqayyo diroo keenyaan haabaqatu. Kabajamoo ilmaan aayyaa, dubbiin “ duri…” jennee jalqabne har’as nu waliin jira. Otoo akka warra dhagaa nutti gangalchuutii har’a hingeenyu ture. Dhagaan sobaa dhugaa hinkuffisuutii warri dhagaa nutti gangalchan ofumumaafuu awwaalamaa jiraachuu argine. Ammaaf jarjaraan galata galfachuuf ariifachuu baannus warra sobaan dhugaa awwaaluuf yaalaniifi akkasumas akeeka walfakkaatu qabatanii nutti qaaxxisanif dhaamsa qabna. “ Dhugaan keenya hanga’ee muul’achaa jira. Dhagaan isin gangalchitan isinumattuu garagalee awwaala keessan yoo ta’u argaa jirra. Warra gochaa kanarratti cichanii hafan ofirraa godaansisuuf, akkasumas akeeka isaanii waliin alaalatti hambisuuf dhaloonni seexaafi murannoo haaraa qabu toora waldhaansootti ce’uu firattis diinattis fuulleetti dubbachuu feena. Kanaaf diddaan barattoonni Oromoo yeroo adda addaatti gabrummaarratti agarsiisaa jiran fakkeenya mirkanaa ta’a. Warra dirqama kana hubatanii ulfina saba isaanii bakkatti deebisuuf waakkii tokko malee gatii hanga hinqabne baasaa jiran guddaa dinqisiifanna. (ittifufa)

Raadiyoo Simbirtuu Qophii Amajjii 10,2013

Aside