Qeerroon Uni Haramaayaa Diddaa Itti Fufe.Ergamtooti EPRDFs barattoota hidhuun gaaffii mirgaa dura dhaabbachaa jiru

Aside

Amajjii 10.2013 Haromaya
Diddaan barattootaa dhalate jabaachaa deemuun Yuunivarsiitii Haramaayaa Leessatti Qeerroon Itti Fufe.Mootummaan Wayyaanees barattoota hidhuun gaaffii mirgaa dura dhaabbachaa jiraachuun gabaafame.Β Gaaffiin mirgaa barattoota Yuunivarsiitii Finfinneen eegale jabaachaa deemuun Yuunivarsiitii Haramaayaa kampaasii fayyaa magaala Harar keessatti itti fufe.Mootummaan yeroo ammaa magaalaa baadiyaatti,Galmaa fi bahumsatti waraana bobbaasuun sakattinsa jabeessuun wayita ilmaan Oromoo doorsisaa jirutti gaaffiin mirgaa barattootaa jabaachuun mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa damee Harar keessatti fufee jira.Yuunivarsiitii Haramaayaa keessa main campus keessattis dallaa galumsaa irratti sakattainsi jabaachuun barattootni dararamaa kan jiranii fi sadii tahanii deemuun dhorkamaa jira.Tikni mootummaa Wayyaanee beekamaan Takkaaleny fi Kadir jedhaman mooraa yuunivarsiitii keessa deddeebiuun barattoota doorsisaa fi ofiis cinqamuu irratti argamu.Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa gaaffii mirgaa kana dura dhaabbachuuf ilmaan oromoo yuunivarsiitii keessaa fi dargaggoota magaala keessaa isintu diddaa kana qindeessaa jiru jechuun mana hidhaatti ukkaamsee jira.Dargaggootni Oromoo

1. Gammachuu Tammiraat waajjira qonnaa dirree misoomaa

2. Barataa Taajuddiin Mohaammed barataa waggaa 3ffaa

3. Ashannaafii Dheeressaa

Jedhaman yeroo ammaa mana hidhaa mootummaa Wayyaanee keessatti ukkaamsanii jiran.Ilmaan oromoo kanneen mootummaan wayyaanee dargaggoota oromoo aanaa Jaarsoo irraa

1. Eliyaas Abdulhasan

2. Maanguddoo Sheik Huseen Siraaj

Jedhaman waliin mana tokkotti ukkaamsuun qorraa fi nyaataan rakkisaa jiru.Ilmaan Oromoo kanneen warri isaanii fi hiriyyootni akka hin dubbisne dhorkuun halkanii fi guyyaa reebichaan dhiibbaa badaa irraan geessisaa jiru.Mootummaan wayyaanee shira kamuu hojjetu bilisummaan oromoo kan kaalawe jechuun qeerroon Harar gabaasee jira.Diddaan wal fakkaataan barattoota Yuunivarsiitii Amboo fi Jimmaan itti fufee jira.Mootummaan Wayyaanees waraana hedduumminaan bobbaasus wal shakkiinis waraana keessatti uumamaa jiraachuu burqaan odeeffannoo saaxilee jira.