Yuunivarsiitii FF Keessatti Miseensonni DH.D.U.O Qeerroo Waliin Tahuun Waajjira Caffee Oromiyaatti Iyyannoo galchatan!

Aside

Amajjii 09,2013 Finfinnee

Barattootni Oromoo miseensota DH.D.U.O tahan Qeerroo waliin tahuun iyyannoo waajjira caffee Oromiyaa fi Pirezedaantii Oromiyaatti galchan.Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana daba daba caalu barattoota Oromoo irratti hojjechaa jiru mormuun iyyannoo galchanii jiran.Iyyannoon kun gaaffiiwwan mirgaa kan bilisummaa fi Dimokiraasii kan hammatan yoommuu tahan gaaffiiwwan mirgaa
1.    Hidhamtoota ilmaan oromoo badii tokko malee ukkaamsaman haa hiikama
2.    Dhiibbaan mootummaan yeroo gara yerootti ilmaan oromoo irratti dhiibbaa gaggeessu haa dhaabbatu3.    Arrabsoon ilmaan Oromoo haa dhaabbatu4.    Gaaffiiwwan mirgaa yeroodhaa yerootti gaafatan karaa nagaa nuuf haa deebi’an

5.    Biyya abbaa keenyaa irratti salphachuu fi hidhamuun nurraa haa dhaabbatu

6.    Barattoota oromoo waraanaa mootummaan ajjeefamanii fi kanneen miidhaman itti gaafatamummaa mootummaan haa fudhatu.

7.    Gocha daba kana kan tolche seeraan haa gaafatamu kanneen jedha

Kan hammate yoommuu tahu barattootni Oromoo gamtaan iyyannoo isaanii galchanii jiran.Mootummaan Wayyaanees tokkummaa ilmaan Oromoon kan baarage yeroo ammaa mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee waraanaan tiksaa jira.Basaastotnii keessummaa dhalootaan Tigiree tahan yeroo ammaa kana mootummaa Wayyaaneen ramadamuun  mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti hojii basaastummatti bobba’anii jiran.Barataa Girmaay Asrassee Abrihaa jedhamus sirna Wayyaaneen kaadhimamuun hojii diinummaa irratti bobba’ee akka jiru saaxilamee jira.Ilmaan Oromoo marti shira mootummaa Wayyaanee kana irraa akka of eegus qeerroon dhaamsa dabarfata.Wayyaaneen yeroodhaa yerootti gaaffii ilmaan oromoo dura dhaabbachuuf ilmaan oromoo mana hidhaatti guuraa turuunii fi itti jiraachuun isaa ifa akka saafaa yoommuu tahu,barattootni Oromoo gaaffii bilisummaa fi dimokiraasii gaafachuuf eeyyama eenyu illee akka hin gaafanne murtii  dhumaa dabarfatanii jiran.Shira mootummaa Wayyaanee kanaas dura dhaabbachuuf gumaatnii fi dirqamni ilmaan Oromoo mara irraa akka eegamu Qeerroon waamicha dabarsa.

Diddaan barattootaa Yuunivarsiitii Finfinneetti dhalate jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Kotobee keessatti BArruulee Warraaqsaa Baldhinaan Hiruu fi maxxansuun itti fufe

Aside

Amajjii 09,2013 Finfinnee

Diddaa barattootaa Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti dhalateen wal qabatee mootummaan wayyaanee ilmaan oromoo Jumlaan mana hidhaatti guuruun isaa ni beekama.Waraanni Agaazii mootummaa wayyaanee gaaffii mirgaa barattootni oromoo gaafatan dura dhaabbachuuf qajeelfama abbaa irree wayyaanee irree fudhateen ilmaan oromoo hedduu madeessee kaan ajjeesuun isaas addunyaan beeka.Yeroo ammaa kana barattootni oromoo mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo 4,5 fi 6 akkasumas school of art keessaa funaanaman mana hidhaa mootummaa wayyaanee yeroo dheeraa ilmaan oromoo keessatti qaamaa hir’atan Waajjira poolisii 3ffaa jedhamu keessatti dhukkubaan,beelaa fi reebichaan dararamaa jiru.Ilmaan oromoo kanneen kaan waajjira Poolisii mootummaa wayyaanee Qacanee Madaanalam keessatti ukkaamsamuun dararamni addaa irraan gahaa jiru.Barattootni oromoo nyaata kan hin argannee fi qorannaa siyaasaan yeroodhaa gara yerootti rakkachaa jiru.Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa barattootaa dhaamsuuf jumlaan mana hidhaatti gurus diddaan daran jabaachuun barattootni gaaffii mirgaa itti fufanii jiran.Qeerroon Yuunivarsiitii Kotobee keessaa waraqaalee dhaadannoo

1.    Arrabsoon ilmaan oromoo irraa haa dhaabbatu

2.    Hidhamtootni haa hiikaman

3.    ABOtu gaachana ilmaan oromooti!

4.    Kutataan kutaa uffata

Jedhan dallaa keessatti maxxansuunii fi miseensota qeerroof waamicha dabarsuun gaaffii mirgaa itti fufanii jiran.Miseensotni DH.D.U.O kanneen tahan mootummaan wayyaanee gocha kana shiruun ilmaan oromoo mana hidhaatti ukkaamsuu isaas ni mormina jedhanii jiran.Ilmaan oromoo yuunivarsiitii maraa akka waamicha dhaga’uun kaatan dhaammanna jechuun waamicha oromummaa dabarsanii jiran.Qeerroon Yuunivarsiitii Kotobee bilbilaan ergaa gabaabaa ‘’ Mootummaan wayyaanee hundeen hanga buqqa’u dirqama nurraa eegamu bahuun gahee oromummaa haa baanu! Dhaamsa kana ilmaan oromoof dabarsi!’’ jedhu walii daddabarsuun hojii kutannaa fi waamichaa dabarsanii jiran.

 

Qeerroon Yuuniversity Jimmaa Fincila Itti Fufan.FDG kana irrattis Gaafatamaan Humna Hidhataa Wayyaanees Irree Barattootaan Adabame.

Aside

Amajjii 10,2012 Jimma

OromiaALutaContinua2011FDGYuunivarsiitii Finfinnee kiiloo 4 irraa torbee darbee keessaa qabamanii hidhaman baratootni Oromoo haa hiikamaan. Gaaffiin  eenyaa gaffii kabajamuu mirga Oromummaati, Beektotnii Oromoo barootaa dheeraa jechuun bara baraan sababaa Oromummaa isaaniin gara mana hidhattii guuraamaa turaan hatattamaan haa hiikaman, Mirgi Ummata Oromoo fi Kabajni Oromummaa keenyaa nuuf haa kabajamuu, Kanneen ajjeeffamaniif mootummaan Wayyaanee itti gaafatamaadha, Oromoon abbaa biyyaati kabajni abbaa biyyuummaa keenyaa fi mirgonnii dimookiraasii fi dhala namummaa nuuf haa kabajamuu, Oromoo biyyaa abbaa isaa keessaattii hidhuun, ajjeessuu,hiraarsuun, nurraa haa dhabbatu, Nuti ilmaan Oromoo Mirgaa keenyaa fi kabajamummaa Oromummaa Keenyaaf irree tokkoon kaanee ni falmanna jechuun Qeerroon barreeffamoota warraaqsaa barreesuuun Ummataa fi baratootaa Oromootiif Amajjii 8/2013 irraa egalee dhamsaa gamtaan kaanee barruulee warraaqsaa tamsaasan.

Goototni Baratootaa Oromoo Universiitii Jimmaa FDG yeroo garaagaraattii taasisaa turaan cimsuun Amajjii 9/2013 barruulee dhadannoo qabachuun mooraa Yuniversitii keessatti diddaa agarsiisaniin humni poolisa feederaalaa fi naannoo barattootatti yeroo bobba’utti Qeerroon moraa keessa jiru gamtaan roorroo of irraa ittisuuf jecha poolisoota waliin walitti bu’an. Haala kanaan itti aanaan hogganaa Poolisaa mooraa Yuunivarsitii Jimmaa kan ture kan maqaan isaa Mallaasee jedhamuu gidduu kanaa sabboontotaa baratootaa Oromoo adamsaa kan turee irree Qeerroon adabamee Hosptala Jimmaa galuun beekame.

Halaa sochii Qeerroo kana gara dabarsuuf yaaliin Dabbaallonnii Wayyaanee walittii bu’insaa amantii gidduuttii ka’ee fakkeessuuf gochaa jiraan ammas Qeerroon duraa kan dhaabbatuu ta’uu hubachiisee jira. Wayyaaneen akkuma beekamuu sabaaf sablamotaa gidduttii ibiddaa qabsiisee humna isaan mormu dadhabsiisuun ofii jiraachuun sabaa fi sablamootaa gidduuttii akka walittii bu’insii uumaamuuf shira qopheessaa jiraachuu odeessii keessaa Wayyaaneeti ba’ee saxilee jira.

SBO Amajjii 9 Bara 2012

Aside

TVOA Gaaffii fi Deebii Ta’aa OSA Waliin Taasise

Aside