SBO Amajjii 06 Bara 2013

Aside

Ethiopia: Beatings, Arrests and Detentions at Addis Ababa University

Aside

HRLHA
HRLHA Urgent Action
January 05, 2013
The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) would like to express its deep concern regarding the unknown situations of students of Addis Ababa/Fininne University, who were arrested and detained following the clash between two groups of students on the Arat kilo University Campus (College of Natural Science) on the 2nd of January, 2013. Read more….HRLHA UA 2013

Diddaan Ummata Oromoo Godina Ilu Abbaa Booraa Itti Fufe.Qeerroon Waraqaa Waamicha FDG Baldhinaan Facaase.

Aside

Amajjii 06,2013 Mattuu

OromiaALutaContinua2011FDGGaafa Amajjii 04 fi 05,2013   Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Baddaallee fi Magaalaa Baddaallee, Dhiddheessaa, Cooraa, fi Huruummuu keessaatti diddaan Ummataa Jabaatee itti fufe. Sababiin diiddaa ummataa kaase keessaa dabballoonni Wayyaanee maqaa walgahii dhimma nageenyaa fi buusii hidhaa laga Abbayyaa jedhuun ummata walitti qabuuf yeroo yaalanitti ture.

Hidhaa laga Abbayyaa sababa jedhuun daldaluu fi ummatas hiraarsuun yeroo muummicha ministera duraa Mallas Zeenaa lubbuun jirutti ture kana booda waayeen hidhaa laga Abbayyaa ololaa fi karoora dulloomaa waan ta’eef isin hin dhageenyu jechuun ummanni dabballota Wayyaanee irratti ka’uu gabaasi Qeerroo godinicha irraa nu gahe addeessa.

Kana malees dabballoonni Wayyaanee miseensota OPDO ta’anii dammaqiinsa eenyummaa fi siyaasaa hin qabne yaadota dulloomaa mootummichi ittiin ummata bitaa jiruun karoora Mallasaa bakkaan geenya sababa jedhuun ummata hiraasan iyyuu ummanni naanncha garuu karoorri Oromootaa kan bilisummaa fi walabummaa dha jechuun harkatti didaa akka jiran qeerroon gabaasa.

Naannuma kanatti    Amajjii 4,2013 irraa egalee Waraqaan Waamichaa FDG Qeerroon qopheessee magaalaa Baddaallee aanaa Baddaallee, Dhidheessaa, Cooraa,  Hurruummuu, Mattuu, Yuunivarsiitii Mattuu fi Koolleejjii barsiisotaa Mattuu keessaa facaafamuu egalee jiraachuu Qeerroon godinichaa gabaasee jira. Ibsa waraaqaa qeerroo kana keessaattii barreeffaamonnii baratootni Yuunivarsiitii Finfinnee  badii tokkoo malee ukkaaffamaa jiruu haa hiikamaan, gochaa baratootaa Oromoo Finfinneef mootummaan Wayyaanee gaafatamaadha, gaaffiin ummataa Oromoo deebii haa argatu, dargaggoonnii Oromoo fi uummaannii Oromoo hundii baratootaa Yuunivarsiitii Finfinnee dararamaa Waayyaanee jala jiraaniif haa dirmannuu garbummaa waloon nutti fe’amee waloon of irraa haa buusnuu jedhuu kan of irraa qabuu, Qeerroon ummataa qaqqabsiisaa jiraachuu addeessa.

FDG Mooraa Yuuniversity Finfinnee Ilaalchisee Ibsa ABO Irraa Kenname

Aside

abo

Tarkaanfiin Abdii Kutannaa Mootummaa Itoophiyaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo Daranuu Akka Shaffisu Dhiiba

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Amajjii 2, bara 2013 irraa eegalee Yuniversiitii Finfinnee Mooraa Kiiloo 4 fi Kiiloo 5 keessatti barattoonni Oromoo fincila qabsiisanii akka jiran beekamaa dha. Fincila barattoota Oromoo kan duraanuu yeroo dheeraaf Oromiyaa mara keessatti deemaa turetu mooraalee yuniversiitii Finfinnee kana keessatti daranuu jabaatee guyyaa eerame kanatti bifa addaatiin dhoowe. Ergamtoonni sirna Wayyaanee akkuma yeroo dheeraaf aadeffatan barruu Oromoo fi Oromummaa arrabsuu fi salphisu mooraa Kiiloo 4 keessatti maxxansuu isaaniitti fufee kan dhoowe incilli barattoota Oromoo kun yeroo ammaa gara dhaabbiilee barnootaa biyyattii adda addaatti akka babalataa jirus beekamaa dha. Guutummaa ibsa kanaa  afaan Oromoo fi Amaaraan dubbisuuf as tuqaa:-

Ibsa ABO Tarkaanfii Fokkisaa Mootummaa Itophiyaa irratti.pdf

Amharic version.pdf