Qeerroon Wallaga Bahaa fi Shawaa Liqaa Guyyaa WBO Haala Gammachiisaan Kabajatan

Aside

Amajjii 05,2012 

guyyaa wbo AmboAmajjii 1,2013 Godina Wallaaggaa Bahaa Onaa Heebantuuttii Guyyaan Ayyaanaa WBO Ammajjiin tokkoo 2013 sirna Ho’awwaa ta’een Ummaannii fi Dargaggeessii tokkummaadhan kabajuun beekame.Kabaja Ayyaanaa WBO kana irraattii ummaannii fi dargaggeessii sirbaa kaasuun WBO fi ABO faarsuun ayyaanichaa ittumaa fufee kabaajachuun, Amajjii 2/2013 Sochii Ummataa kanattii rifachuun Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee poolisotaa isaa Uummataattii bobbaasee, halumaa kanaan dargaggeessii poolisotaa wayyaanee dhagaan tumee of irraa deebisuun , lukkeeleen diinaa 4 s irree qeerroon adabamuun beekame. 

Haala kanaan mootummaan Wayyaanee barattoota nama 5 qabee mana hidhaatti darbuun gabaafamee jira.Kanneen kunis,1. Lammeessaa Dhufeeraa, namni kun akka malee reebamee du’aaf jireenyaa giddutti argama,2. Magarsaa Dhufeeraa, 3.Getaachoo Baqqalaa, fi Barsiisaa Balaay Nagaash Amantee kanneen jedhamaan Hidhamanii reebichaan dararamaa jiraachuun

gabaafame, Ummaannii namoonnoo saniin kanneen hidhaman daddaffiin akka gadhiiaman gaafataa jiraachuun beekame.

Kana malees maadheeleen Qeerroo magaalaa Amboo jiran gandoota magaalaa bakka gara garaatti walitti dhufuun guyyaa WBO sirna howwaan kabajatanii jiru. Suuraa fi video dhimma kanaan wal qabatu maxxansuuf Qeerroon hin hayyamu.

 

Raadiyoo Seife Nebelbal Tamsaasa Aseennaa 2013

Aside

Raadiyoo Simbirtuu Qophii 2013 Jalqabaa

Aside