Lammii Kee Malee Alagaa Hin Abdatiini. Artist Duulaa Mulugeeta

Aside

Barattooti Oromoo 113 University Mooraa kiiloo 4 Keessaa hidhaman 7 Ammoo Gara Malee Reebamuun Gabaafame

Aside

Amajjii 03,2012 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan barattoota Oromoo mooraa kiiloo 4 kaleessa eegale har’as akkuma jirutti jabaatee kan itti fufeedha. Walitti bu’iinsi gamlachuu irratti ta’een har’a Amajjii 3 hidhattoota wayyaaneetiin barattootni namni 113 qabamanii mana hidhaa galanii jiru. Barattootni kunis bakka lamatti hiramanii hidhamani,73 bakka tokkotti,40 bakka tokkotti.
Isaan barattoota 73 keessaa barattootni Oromoo 56,barattootni Amaaraa 8,Tigireen 4,Kibbi 5 yoo ta’an barattoota warra 40 bakka tokkotti hidhaman keessaa ammoo 18 Oromoo,kibbi 3,Tigiree 6,Amaara 13 akka ta’an odeessaan nu qaqqabee jira. Barattoota kanneen keessaa barataa Gammachuu fi Girmaa kan jedhamanii fi kanneen hafan 4 gar malee mada’uudhaan lafeen isaanii caccabuun ogeesssi fayyaa oprasiyoonii ta’anii akka yaalaman jedhamuun mana yaalaa ciisanii jiru,barataan Gammachuu jedhamu kun sadarkaa du’aatti akka eegamaa jiru odeessaan addeessa.
Qabsoon Itti fufa!! Gabrummaan ni kufa!!

Qeerroon Yuniversity Wallaggaa Guyyaa WBO Kabajatan.Gumaacha Maallaqaas Qabsoo Bilisummaa Oromoof Galchan

Aside

Amajjii 03,2013 Naqamte

Amajjii 1,2013 Bara Haraawaa Ayyaanaa guyyaa WBO ilaalchisuun Yuunivarsiitii Wallaaggaatti Sabboontotni baratootni Oromoo fi IlmaanOromoo haala miidhagaan guyyaa WBO kana Magaalaa Neqemtee fi Mooraa yuunivarsiitii Wallaaggaa keessaatti kabajatan, sabboontotni Oromoo mummee (department)garaagaraa irraa walittii dhufuun haalaa qabsoo bilisummaa Oromoo ABO’n durfamuu irraatti marii guddaa gochuun qabsoo bilisummaa Oromoo ABO’n durfamuu fi bilisummaa saba keenyaaf kutannee ni kaanaa jechuun waadaa isaanii haroomsatan.

Guyyaa Ayyaanaa WBO Kana sababbeeffaachuun Saboontotni baratootaa Oromoo Maadhee Oliiqaa Diingil garee ‘A’ fi ‘B’fi maqaa maaadhee ”Qeerroo qeerraansaa Biyyaa” jedhamaan jalaattii hundeeffaamanii jiraan, Amajjii 1/2013 walittii dhufuun dhiimmaa qabsoo bilisummaa Oromoo irraattii marii gochuun, karaan tokkichii karaan Oromoon ittiin Mirgaa hiree isaa murteeffaachuu danda’uu tokkumaa, beektotni Oromoo kallaattii garaagaraan ilaalchaa Siyaasaa maqaa Ummataa Oromoo golgaaa godhatee, qabattaanii hin deemiinaa, karaan tokkichii Addaa Bilisummaa Oromoo ABO(OLF] ta’uus hin dagatiinaa, ABO duukaa dhaabbaannee Bilisummaa sabaa keenyaa ni mirkaneessinaa jechuun, madheewwaan kun jajjaabinaa Qabsoo bilisummaa Oromoof kan oluu buusii maallaqaa qarshii 400 walittii qabachuun gumaachaa qabsoof taasisaan. FDG garbummaa biyyaa keessaatti qeerroon gaggeeffaamaa jiruus jaabeesinee itti fufuun waanjoo garbummaa of irraa buusuu qabna jechuun dhaammachuun ayyaanichaa bifa adda ta’een kabajatan.

Magaalotaa fi Manneen Barnootaa Shawaa Lixaa Keessatti Guyyaan WBO fi Amajjiin 1 Sirna Qindaawaan Kabajame

Aside

Amajjii 03,2013 Amboo

Gabaasaa: Amajjiin 1/2013 Kabajni Baraa Haaraa guyyaan Ayyaanaa WBO Godinaa Shawaa Lixaatti sirnaa ho’aa ta’een kabajame. Baratootaa M/B Carii Amboo sadarkaa 1ffaa, Manaa Barumsuu Amboo Sadarkaa 2ffaa Fi qophaa’inaa, baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Amboo, Ummataa Magaalaa Amboo,baratootaa Oromoo mana barummsaa Gudaar sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa, baratootaa Oromoo mana Barumsaa Tokkee kuttaayee sadarkaa tokkoffaa, baratootaa Oromoo mana barumsaa Babbichaa Sadarkaa 2ffaa fi tokkoffaa, baratootaa Oromoo mana barumsaa Geedoo sadarkaa 1ffaa fi sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa,baratootaa Oromoo Mana barumsaa Midaa Qanyii Baallaammii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa baratootaa Oromoo Iluu Galaan Ijaajjii sadarkaa 2ffaa fi Qophaainaa, baratoota Oromoo Xiquur incinnii sadarkaa 1ffaa, sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa,baratootaa Oromoo mana barumsaa Jalduu sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa, baratootaa Oromoo mana barumsaa Meettaa Roobii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa, baratootaa Giincii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa fi baratootaa Oromoo Gindabarat sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaaf, wamichii Kabaja Amajjii 1/2013 guyyaa Ayyaanaa WBO ilaalchisuun godhameef kabajuun akkataa walittii dhufeenyaa isaanittii fi maadhee keessaatti ijaarananii jiraaniin walitti dhufuun dungoo halluu diimaa magariisaa diimaa bifaa Alaabaa ABO qabuu qabsiisuun sirnaa ho’aa ta’een kabajatan.

Akkasumas barsiisonnii fi hojjetotni manneen barnotaa Armaan olii garaagaraa irraa barsiisaanii fi Ummaannii Anotaa Godinaa Shawaa lixaa; Qotee bulaan, daldalaan, fi dafqaan bulaan bifaa maadhee fi gamtaadhaa walittii dhufuun Amajjii 1/2013 haala miidhagaa ta’een kabajataan, barreeffaamnii Amajjii tokkoo guyyaa Ayyaanaa WBO kan bara 2013 bagaa geessaan kan jedhuus guutummaa godinichaa keessaatti tamsafame. Ummaanniis baraa haaraa kana ilaalchisuun dhamsaa garaagaraa waliif dabarsee jira

Yuniversity Hawaasaa Keessatti Amajjiin 1 fi Guyyaan WBO Sirna Miidhagaan Kambajame

Aside

Amajjii 03,2013 Hawaasaa

Barattoonni Oromoo mooraa hawaasaa Yuniversiitii kaampaasii hoospitaala Riferaalaatti argaman sagantaa Anaa Dhufuu barattoota haaraa bara kana mooraa Hawaasaa University tti dabalamaniif qophaa’e sababeeffachuun guyyaa eengaddaa Amajjii 1/2013 haala’ oo’an kabajaniiru. Ayyaanicha irratti faaruun tokkummaa sagantaa dungoo qabsiifannaa irratti barattoonni martinuu harka walqabachuun faarfatanii jiru.Saganticha irratti walaloon ,sirboonni goototaa fi jaallewwan oromoo faarsan hedduun sagantaan qophaa’e kan lammii boonsu kan diina garaa bobeessu ta’ee mul’ate.Qerroon barri kun kan tokkummaa ,kan jaalalaa , kan dagaaginaa, kan in jifannoo fi kan ummanni Oromoo itti walaboomu akkasumas biyyi Oromiyaa itti bilisoomtu akka ta’uuf ibsa ejjannoo qaban walhubachiisanii jiru. Barattoonni oromoo furtuun rakkoo ummata oromoo humna barate ta’uu qaba jechuun dhaadannoo isaanii dhageessifatanii jiru. Farreen ilmaan oromoo hedduun sagantichi akka fashalaa’uf tattaaffii barbaadan godhan illee sagantaanqophaa’e fashalaa’uu hin dandeenye.dhadannoolee qeerroon guyyaa kaleessaa dhageessisan keessaa;
OBSI CUNQURFAMOOTAA ROORROO WARRA ISAAN CUNQURSANIIT GABBISA!!
DIDDAAN GABRUMMAA HANGA BILISUMMAATTI!!
QABSAA;AAN DU’US QABSOON ITTI FUFA!!
TOKKUMMAAN JIRAANNAN GABROOMSAAN NI KUFA !!
HIDHAMUU FI DARARAMUUN ILMAAN OROMOO YOO NU JABEESSE MALEE NU HIN LAAFFISU.!!
Dhaadannoolee kanniin kan dhageessisan qeerroon mooraa hawaasaa universiitii kutannoo fi murannoo bilisummaa oromiyaa fi walabummaa ummata Oromoof qaban argisiisufi. Ummanni Oromoo waan ofii haa beeknu , of haa barru,walumaa galatti rakko jiru mariin haa furru yaada jedhu akka dhaamsatti barattoota haaraf dabarsanii jiru.

Moraan University Finfinnee Diddaa Barattootaan Guutamte

Aside

Amajjii 03,2013 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDGBarattootni Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee bara baraan biyya abbaa keenyaa irratti arrabsamuu fi salphachuun nu gahe jechuun FDG kaasan. Haala kana dura dhaabbachuuf jecha mootummaan Wayyaanee waraana isaa gara mooraatti geessuun diddaa kana jala dhaabachaa jira.
Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti ilmaan oromoo mana hidhaatti guuruu irraan darbee barattoota mooraa yuunivarsiitii keessaa walitti buusuuf barreeffama ilmaan oromoo abaaru maarkeraan barreessuun kana ilmaan habashootaa godha jechuun walitti buusuu yaalus ilmaan oromoo waan kun ifaan hanga bahutti itti gaafatmummaan mootummaa wayyaaneeti jechuun diddaa itti fufanii jiran.Barreeffamni kun mooraa yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo 4 keessatti kan barreeffamee argame yoommuu tahu barattootni oromoo nyaata lagachuun hiriira mormii wayita gaggeessaa jiranitti  mootummaan isinii hin eeyyamamu jedhee jira.Sabboontontni barattoota oromoos mirga keenya kan bilisummaa fi dimokiraasii gaafachuuf eenyu irraa illee eeyyama hin barbaadnu jechuun diddaa itti fufanii jiran.Mootummaan wayyaanee maqaa lafaa fi magaala Oromiyaa jijjiiruu irraan darbee shira nafxanyummaa daran jabeessaa jiru barattootni oromoo dura dhaabbachuun waraana Wayyaanee gaaffii mirgaa dhaabuuf bobba’ee fi basaastota wayyaanee dhagaan dhorkaa jiru.Diddaan kun kiiloo 5,4 fi Bishooftuu keessatti kan waamichaan jalqabame yoommuu tahu ilmaan oromoo marti Yuunivarsiitii Haramaayaa,Jijjigaa,Dirree Dawaa,Hawaasaa,Jimmaa,Amboo fi kanneen hafan marti waamicha kana dhagahuun garbummaa bara baraa of irraa buusuuf akka ka’u waamicha dabarfatanii jiran.Mootummaan wayyaanee shira kana dura dhaabbachuuf barattoota oromoo ogummaa fakkii baratan qalama baatan maaliif qalama kana baattu jechuun ilmaan oromoo walitti buusuuf shira xaxaa jira.Barataa oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee school  of Architect keessaa Barataa Zalaalam Margaa barataa waggaa 4ffaa maqaa kanaan yakkuun mana hidhaatti ukkaamsanii jiran.Ilmaan oromoo marti waamicha kana dhaga’uun shira mootummaa wayyaanee dura akka dhaabbatan barattootni oromoo yuunivarsiitii Finfinnee waamicha oromummaa dabarsu!