Eebba Kitaaba Mataa Dureen Isaa “Tokkummaa” Jedhu Eebbisuuf Jimma Dirree Wawweetuutti Qeerroon Walitti Qabaman Diddaa Kaasaniin Mootummaan Wayyaaneen Jeeqame

Aside

Muddee 17,2012 Jimmaa

Muddee 16,2012 Magaalaa Jimmaa keessaattii eebbii kitaabaa mataa dureen isaa TOKKUMMAA jedhuun Dr Takkalaa Oljiraatiin kan barreeffaamee barattoota Oromoo Yuniversity Jimmaa fi Kolleejjii barsiisota Jimmaa akkasumas ummata Oromoo magaalaa Jimmaa barnatti iddoo bashannanaa Aweetuu jedhamutti sirna howwaan eebbifame.

Sirna eebba kitaaba kanaa sababeeffaachuun goototni baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa mooraa Afran[4] irraa baratan main cumbasii guddaa, mooraa Qonnaa [Agriculture] , mooraa Teekinologii fi mooraa Business and Economics fi Koolleejjii Barsisotaa Jimmaa irraa barataan walittii dhufuun addaatti sirbotaa qabsoo Bilisummaa Oromoo leellisaan kanneen akka Qeerroo Lolii loli lolleetumaa gallaa xiiqii Rambaa rambaa godhii jedhuu fi sirbotaa Ebbisaa Addunyaa Ani Barbaadee yaa sii dhabee garamjirtaa WBO kiyyaa, garam jirtaa Qeerroo kiyyaa, garamjirtaa goootaa kiyyaa jechuun Qabsoo Bilisummaa Oromoo farsuun ummataaf barnotaa Guddaa dabarsaan.

Kana malees Artiistii kabajamaa fi beekamaan Adinaal Maamed lafa kanatti argamuun sirbotaa Warraaqsaas sirbuun ummataaf barumsi kenname, Artistii Adinaan sirbotaa akka michuu baayeen Qabaa lixaa biiftuutirraa dhamsaa koon naf gahii Oromotaa Maraaf jechuun Dargaggotaa fi Ummataaf sirbaa Oromummaa farsaa garaagaraa sirbuun ergaa guddaa dabarsee jira.

Waajjira Pirezedaantii Yuunivarsiitii Arbaaminciif

Aside

Guyyaa /16/12/2012

               Waajjira Pirezedaantii Yuunivarsiitii Arbaaminciif

               Dhimmi isaa Deebii Hatattamaa gaafachuu ta’a.

Duraan dursinee Gaaffiilee kabajaan isinii dhiyeessinu kanatti bakka guddaa kennuun deebii hatattamaan akka nuu kennitan abdii qabna.

Kunis Gaaffiin Mirgaa barattootni Finfinnee gaafatan gaaffii ilmaan oromoo waanjoo garbummaa baachuu dadhabee ta’uu fi gaaffiin kun guutummaan guutuutti gaaffii barattoota oromoo yuunivarsiitii Arbaaminc kampaasii hundaa ta’uu ibsina.

Nuyi barattootni Oromoo yuunivarsiitii kanaas gaaffiileen armaan gadii kun hatattamaan akka nuuf deebi’an jechuun dhiyeessinee jirra.

1.Barattootni Oromoo,Dargaggootni Oromoo guutummaa guutuun ilmaan oromoo bara baraan maaliif mana hidhaatti guuramu? Yuunivarsiitii barnootaaf dhufan keessatti maaliif reebamu? Maaliif dhiphachaa jiraatuu?

2.Maqaa Waldaa Misooma Oromiyaa jedhuun maallaqni baay’een ilmaan oromoo irraa funaanamaa ture.Osoo piroojektiin jalqabame hin xumuramiin Maqaa hidha Abbayyaa jedhuun funaansi maallaqaa jalqabame.Kan Waldaa Misooma Oromiyaa eessa dhaqe? Osoo kan Waldaa misooma Oromiyaa hin xumuramiin maaliif kan kanatti gufuu ta’u uumame?

3.Yuunivarsiitiilee biyyattii keessatti baay’inaan kan dursu barattoota Oromooti.Kanaaf yuunivarsiitiilee keessatti afaan Hojii maaliif Afaan Oromoo hin taane?

4.Faalamni qabeenya uumamaa Oromiyaa,Saamichi lafaa maqaa investimentiinii fi biyya irraa arii’uun uummataa maaliif Oromiyaa keessatti qofaa xiyyeeffate?

5.Barattootni Oromoo barnoota isaanii xumuran maqaa COC(Center of competent) jedhamuun hojii akka hin qabanne danqamu.Kun Oromiyaa fi ilmaan oromoo qofaa irratti maaliif kan xiyyeeffate ta’e?

6.Dhaabbiileen barnootaa fi amantiin seera biyyattii keessatti bilisa akka dhiibbaa kam irraa bilisa akka ta’etti katabame.Garuu manneen barnootaa keessumaa bakkeewwan ilmaan oromoo baay’inaan argamanitti  waraanaan eegama.Kun maaliif ta’e? Waan seera biyyaa jedhamee barreeffame hojii irra maaliif hin oolle?

7.Seera biyyattii keessatti naannooleen mirga of danda’uu hanga fottoquutti ni qabu.Kun maaliif hojii irra hin oolle?

8.Barattootni oromoo yakkaniis ta’e osoo hinyakkiin qabaman maqaa shororkeessummaan himatamu.Kun maaliif?

Walumaa galatti gaaffiileen armaan olii kun hatattamaan nuuf deebi’anii seerri biyyaas hojii irra waan hin oolleef mootummaan TPLF mootummaa sanyiin bulchu dargaggootni Oromoo ,ilmaan Oromoo cuftii fi sabawwan cunqurfamoo yoommuu ajjeefaman kan dhimma hin qabnee fi aangoo isaa dhiibbaa lammiilee Oromoo irratti uumuun galii guddifachaa jiraachaa kan turee fi itti jiru waan ta’eef hooggantoonni EPRDF  aangoo gadhiisuun seeratti akka nuu dhiyaatan jechuun kabajaan gaafanna!

                                                       Nagaa Wajjiin!

Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Arbaaminc

Galagalcha

Waajjira caffee Oromiyaaf

Dhimmoota Federaalaa Itoophiyaaf

Waajjira Bulchinsa Yuunivarsiitiilee Itoophiyaaf

Bulchinsa magaala Arbaaminciif

Qaama dhimmi ilaallatu maraaf

Diddaan Barattoota Oromoo Yuniversitii Jimmaa Itti Fufe

Aside

Muddee 17,2012 Jimmaa

Muddee 16,2012 Magaalaa Jimmaa keessaattii eebbii kitaabaa mataa dureen isaa TOKKUMMAA jedhuun Dr Takkalaa Oljiraatiin kan barreeffaamee barattoota Oromoo Yuniversity Jimmaa fi Kolleejjii barsiisota Jimmaa akkasumas ummata Oromoo magaalaa Jimmaa barnatti iddoo bashannanaa Aweetuu jedhamutti sirna howwaan eebbifame.

Sirna eebba kitaaba kanaa sababeeffaachuun goototni baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa  mooraa Afran[4] irraa baratan main cumbasii guddaa, mooraa Qonnaa [Agriculture] , mooraa Teekinologii fi mooraa Business and Economics fi Koolleejjii Barsisotaa Jimmaa  irraa barataan walittii dhufuun addaatti sirbotaa qabsoo Bilisummaa Oromoo leellisaan kanneen akka” Qeerroo Lolii loli lolleetumaa gallaa xiiqii Rambaa rambaa godhii” jedhuu fi sirbotaa Ebbisaa Addunyaa ”Ani Barbaadee yaa sii dhabee garamjirtaa WBO kiyyaa, garam jirtaa Qeerroo kiyyaa, garamjirtaa goootaa kiyyaa” jechuun Qabsoo Bilisummaa Oromoo farsuun ummataaf barnotaa Guddaa dabarsaan.

Kana malees Artiistii kabajamaa fi beekamaan Adinaal Maamed lafa kanatti argamuun sirbotaa Warraaqsaas sirbuun ummataaf barumsi kenname, Artistii Adinaan sirbotaa akka michuu baay’een Qabaa lixaa biiftuutirraa dhamsaa koon naf gahii Oromotaa Maraaf jechuun Dargaggotaa fi Ummataaf sirbaa Oromummaa farsaa garaagaraa sirbuun ergaa guddaa dabarsee jira.

Karaa biraa addatti gareen hoggana Qeerroo godina Jimmaa waraqaalee warraaqsaa kan gaaffi ummata Oromoo ijoo ta’an of irraa qabuu fi mata duree waamicha FDG darbaru guutummaa maglaa Jimmaa keessa facaasuun beekame.

Hoggaansii Qeerroo murtii mannii murtii federaala EPRDF fi Wayyaanee murtii sobaa fi Loogdummaa sanyii irraatti hundaa’ee yeroo garaagaraattii ilmaan Oromoo irraattii murteessuun mana hidhaatti guruu cimsee balaleeffaachuun addattii immoo torbee darbee keessaa Ilmaan Oromoo Obboo Baqqalee Garbaa fi Obboo Olbaanaa Leellisaa fi namotaa sagal[9] isaan dukaa mannii  murtii Waayyaanee murtii dabaa kan sanyuummaa fi loogduummaa irraattii hundaa’ee irraattii  murteessee, jiruu qeerroon cimsee balaaleffaachuun, hidhaan, ajjeechaan, biyyaa irraa arii’atamuun, yoom iyyuu Ummataa Oromoo qabsoo bilisummaa isaa irraa duubatti deebisuu kan hin dandeenyee, ta’uu barruulee faccaasaniin beeksisanii jiru.

ESAT, SUMMII UMMATOOTAAF TOLFAMEDHA! – Kufaa 2ffaa

Aside

a:Y.G(2005)

parchment 7Ginbot 7 , dhuma irratti bifa maalii qabatee qabsoo isaa itti fufu akka yaade isaanumaaf dhiifnus, Kaayyoo isaa , isaaf qofaa itti tolu milkeeffachuuf jedhee shiroota summiin gutamaniin nama faalu barbaade, wayyaanee irraa adda taasisanii ilaaluun gonkumaa hin danda’amu. Obsi daangaa qaba . of tuulummaan isaanii addatti Gaazexessitoota isaanii irraa mul’atu fi, haasaan guyyuu irra deddeebi’amee dubbatamu, AMAARIFFAAN “ Andaand Natsaa awuciwochi nan baayochi” “ Hagar inganaxilaallan baayochi” “ Etiyophiyaawwii ayidallanim baayochi ” siyaasa siree irra baasanii “yetawaladan hizib malayayat yemmifalliguu ye hassaab dahawochi” jechurra ga’uunn isaanii , ofittummaa isaanii ifatti kan nutti mul’isuu fi hangam nu tuffachaa akka jiran nu huabchiisa. Adeemsi kun ammoo gonkumaa Biyya sana miti , Biyya alaa jiranittu furmaata argamsiisuu hin danda’u.

Humni akka mucaa daa’imu fixatee dhaabbachuuf bititiraa jiru ta’u kun Immiyyee Itoophiyaa , Lazalaalam tinur jechaa , waan silaa bara baraaf ishee jiraachisu hojjachuu irra , summii siyaasaa anatu siif beekaan , Biyyatti boolla hamaatti oofaa akka jiran odoo huabatanii dansaa ta’a.

ESAT,SUMMII UMMATOOTAAF TOLFAMEEDHA !!! kutaa 2ffaa.docx

SBO Mudde 16 Bara 2012

Aside

Seife Nebelbal Radio Program: Interviews with Qeerroo, December 14, 2012

Aside

Waammicha FDG Qeerroo Bilisummaa Oromoo Yuunvarsiitii Jimmaa,

Aside

Oromiya

Muddee  14,2012 Qeerroo Yuuniversity Jimmaa

Haala Uummanni Oromoo fi walgii gala biyyi Ethiopia keessa jiru irratti Muddee 02,2012 irraa eegalee  hanga har’aatti sadarkaa adda addaatti marii bal’aa erga gaggeesineen booda waamicha FDG Oromoota bakka mara jiranii fi addatti ammo manneen barnootaa armaa gadiitti tuqaman keessa jiraniif waamicha keenya dabarsina.

1, Baratoota Oromoo Yuunvarsiitii Ambootiif, 24. Baratootaa Oromoo Yuunvaesiitii Bar Daariif,
2, Baratoota Oromoo Yuunvarsiitii Wallaaggaaf, 25, Baratootaa Oromoo yuunvarsiitii Maqaleetiif,
3, Baratoota Oromoo Yuunvarsiitii Adaamaaf, 26, Baratoota Oromoo Yuunvarsiitii Goondoriif,
4, Baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinneef, 27, Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Aksumiif,
5, Baratoota Oromoo Yuunvarsiitii HarooAmmaayyaaf,
6, Baraatoota Oromoo Yuunvarsiitii Hawwasaaf.
7, Baratoota Oromoo Yuunvarsiitii Maddaa Walaabuuf,
8, Baratoota Oromoo Yuunvarsiitii Bulee Horaaf,
9 Baratota Oromoo Yuunvarsiitii Mattuuf,
10,Baratootaa Oromoo Yuunvarsiitii Gimbiif.
11, Baratoota Oromoo Koolleejjii Barsiisotaa Jimmaaf,
12, Baratoota Oromoo Koolleejjii Barsisotaa Mattuuf,
13, Baratoota Oromoo Koolleejjii Barsisotaa Neqemteef,
14, Baratoota Oromoo Koolleejjii Barsiisotaa Shaambuuf,
15,Baratoota Oromoo Koolleejjii Barsisotaa Asaallaaf.
16, Baratoota Oromoo Koolleejjii Barsisotaa Baalee Roobeef,
17, Manneen Barnotaa Sadarkaa lammaaffaa fi Tokkooffaa Gutummaa Oromiyaa keessaa jirtaan Hundaaf!,
18, Kolleejjootaa Dhunfaa Oromiyaa kessaa jirtaan Hundaaf,
19 , Barsisotaa Oromoo sadarkaa garaagaraa irraa barsiisaa jirtaan Hunadaaf,
20, Hojjetootaa Ilmaan Oromoo Waajjiraalee garaagaraa keessaa hojjetan hundaaf,
21, Poolisotaa Humna itti biyyaa Ilmaan Oromoo Hundaaf,
22, Ummaataa Oromoo Biyyaa Keessaa fi Biyyaa Ambaa Jirtaan Hundaaf,
23, Sabaa fi Sab-Lammotaa Biyyaa Keenyaa hiree nu fakkataa qabdaanii fi kanneen mirgii keessaan dhiitamaa jiruu hundaaf, waamicha FDG garbummaa yeroo isinii fi uummata keenya  Oromoof dabarsinu qabxiilee bu’uura armaan gadii bu’uura godhachuudhani,

1, Ummaannii Oromoo Biyyaa Abbaa isaa keessaattii kabajamuu mirgaa namummaa fi kabajamuu mirga dimookiraasii dhabuun yeroo irraa gara yeroottii mana hidhaa garaagaraattii guraamaa waan jiruu fi siyaasaa biyyaa Ethiopia jedhamtuu fi sirna TPLF fi EPRDF’n hoggaanamuu keessatti Aangoo tokkoolee kan hin qabnee ta’ee waan argameef bulchiinsaa mataa keenyaa bulchiinsaa Mootummaa Oromiyaa waliin hundeeffaachuun dirqamaa ta’ee waan jiruuf,
2, Ummaanni keenyaa naannoo Finfinnee jiraatu mootummaan EPRDF fi TPLF qabeenyaa isaa lafa Investerotaa biyyotaa alaattii gurguraachuun Ummaanni keenyaa balaa hamaa keessaa seenuun jireenyaan gadoo ta’ee rakkinaa hamtuu keessaa waan jiruuf, mirgaa abbaa qabiyyee lafaa ummataa keenyaa mirkaneessuun waan barbaachiseef,
3, Oromoon miliyoonattii lakkaa’aman quuqamaa sabbummaa isaanii qabachuu qofaan balleessaa tokkoo malee mana hidhaa biyyaattii garaagaraa keessaattii dararaamaa waan jiraaniif atattamaan akka hiikamanii maatii isaaniittii dabalamaniif dhiibbaan keenyaa barbaachisee waan argameef!,
4, Oromiyaa keessaattii fi guutummaa biyyaattii keessaattii mirgi gurmaa’uu,mirgi press, mirgii barnotaa, mirgii siyaasaa, mirgii amantaa , mirgii waaldaalee akka barsisotaa fi waldaa walgargaarsaa akkaa Maccaa fi Tuulaamaa, mirgii afooshaalee garaagaraa illee sarbamee waan jiruuf, Mirgoota kanaa kabachiifachuuf asiin fulduraa karaa nagaa fi kallaattii garaagaraan yaaliin godhamaa turee deebiin isaa hidhaa fi ajjeechaa, biyyaa itti dhalataan irraa arii’amuu waan ta’eef mirgota kana kana kabachiifachuuf warraaqsi fincila diddaa garbummaa [FDG]barbaachiisee waan argameef waamichaa isinif gochuuf dirqamne.
5. Mirgii Sabaa fi Sab-lammotaa biyyattii wal qixaa kabajamaa waan hin jirreef, mirgoota sabaa fi sablamootaa wal qixaa kabaachiisuu fi sabaa fi sablammoonnii biyyaattii Hiree isaanii hangaa ofiin murteeffatanitti caarraa mirga isaan qaban kabachiisuun waan barbaachisee fi aadaa walkabaajuu fi wal wajjiin jiraachuu guddisuu fi dagaagsuun waan
barbaachiseef waamichaa isinif goochuun FDG gaggeessuun mirgaa keenya akka kabachiifannuuf wamichaa godhamedha.
6. Godinaa Gaanfaa Afrikaattii dimookiraasii dhugaa fi karaa nagaa aangoo walittii kennuu fi wal irraa fudhachuun dhaabamee sirnni abbaa irruummaa fi bulchiinsaa nama tokkee fi afaan qawween mirga ummata baldhaa ukkaafamaa waan jiruuf gamtaan kaanee dimokraasii dhugaa godina gaanfa Afrikaa keessatti ijaaruuf waan barbaachiseef roga kanaan aduunyaan akka nu cinaa dhaabbatu gaaffi mirgaa fi dimokraasii dhagaa ijaaruuf barbaanne waan dirqii ta’eef,

7. Biyyaa Ammaa Ethiopia jedhamtee yaamamtu kana keessattii baay’inaan ummaanni Oromoo walakkaa bay’inaa uummata biyyattii ol ta’ee utuu jiruu, kanaa biraan Qaabeenyaan Oromiyaan Qabduu lafee dugdaa biyyaattii ta’ee utuu jiruu, yeroo ammaa kanattii ummanni guddaan kun aangoo kan hin qabnee fi biyyaattii kessaatti hiree tokkollee murteeffaachuun kan hin daandeenyee ta’ee utuu jiruu, Ummaanni Oromoo mirgotaa sabaa fi sablammiilee kabajee mirgaa isaa kabachiifachuun hiree isaa murteeffaachuun dirqama ta’ee waan argameef Ilmaan Oromoo sadarkaa garaagaraa irraa jirtan qabxiiwwaan kanaa bu’uuraa godhachuun gara Bilisummaa sabaa keessaanittii akka dirmaataan waamichaa keenyaa yeroo dabarsinuu dirqamaa lammummaa fi Oromummaa nutti dhagaamee jiruuf gamtaan kaanee mirga keenyaa haa kabachiifannuun dhaamsaakeenyaa guyyuu hundaati!.
Injifannoo Ummata Oromoof!

Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo University Jimmaa,
Muddee 14/2012
Toorri E-mail Keenyaa ”qeerroobilisummaaju@gmail.com”

Qeerroon Yuunivarsiitii Amboo qabeenya Yuunivarsiitii guyyaa sabaa fi sablammii irratti badeef Wayyaanee gaafatama jala galchan.

Aside

Muddee 14,2012 Amboo

Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti manneen barnootaa,tajaajilawwan fayyaa,ibsaa fi bishaanii kutuun uummata rakkisa.Barattootas qabeenya barbaadaa’uuf itti gaafatamummaa gochuun rakkisaa ture.Haalli kunis ammas jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Amboo keessatti guyyaa sabaa fi sablammii foddaawwan galma yuunivarsiitichaa waraanni mootummaa wayyaanee barattoota oromootti seenee reebuuf caccabse barattoota oromoo itti gaafatamummaa gochuuf kurkuraa jira.
Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Amboo guyyaa sabaa fi sablammii irratti waamicha qeerroo fi Miseensota KG DH.D.U.O irraa isaan dhaqqabe hiruun hirmaannaa isaanii kan dhaaban yoommuu tahu,wayyaaneen barattoota oromoo muraasa tahan bakka guyyaan ayyaana wayyaanee sabaa fi sablammii jedhamu kabajamu dhaqan isin diina jedhamuun waraanaan adamsamu.Barattootnis oromoos gara doormii isaaniitti karaa nagaan kan deebi’an yoommuu tahu waraannii fi tikni Wayyaanee barattoota Oromoo adamsuuf foddaa fi qabeenya Yuunivarsiitii caccabsee jira.Yeroo ammaa kana garuu bulchinsi Yuunivarsiitichaa mootummaa wayyaanee waliin harka walitti hidhachuun barattoota Oromoo isintu itti gaafatama,Foddaa fi qabeenya bade isintu kaffala,tarkaanfiin namuusaa isin irratti fudhatama,isin waan wal beektaniif wal baasaa jechuun barattoota oromoo rakkisaa jira.Barattootni nuyi balleessaa hin hojjenne,Waan nu hin barbaachisneef ayyaana irraa hafnee jirra,Kanneen dhaqnes wayita isin diina nu jettan doormiitti deebinee jirra waan taheef qabeenya badeef itti gaafatamummaa kan fudhatu wayyaanee tahuu qaba jechuun shira wayyaanee dura dhaabbachaa jiru.,

Shamarran Oromoo Godina Wallagga lixaa aanaa Beegii maadhee Urjii Lixaa jalatti wal ijaaruun dhimma QBO irratti ejjennoo fudhatan

Aside

Muddee 14,2012 Beegii

Qabsoo Bilisummaa Oromoo galmaan geessisuuf qoodni shamarranii jabaa dha.Qoodni shamarran QBO keessatti kaffalanis baay’ee guddaa dha.Shamarran Oromoo godina Wallagga lixaa aanaa Beegii magaala Beegii keessa jiraatan walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii gaggeessuun maadhee Urjii Lixaa jalatti of ijaaran.Shamarran kunneen barnoota isaanii Yuunivarsiitii fi koollejiidhaa kan xumuran yoommuu tahu cunqursaan mootummaa Wayyaaneen ilmaan Oromoo irratti gaggeeffamu tokkummaa ilmaan Oromoon dhaabbata jechuun wal ijaaranii jiran.Shamarran Oromoo kunneen maqaa waldaa xixiqqaan(IMX) dhaan mootummaan wayyaanee shamarran ija siyaasaa jaamsaa turee fi itti jiru mormanii jiran.Maadheen Urjii Lixaa shamarran Oromiyaa keessaa yeroodhaa gara yerootti barsiisuun,dadammaqsuun gara QBOtti dabaluu irratti murtii jabaa fudhachuun adda durummaan akka hojjetan irratti walii galuun ibsa ejjennoo armaan gadii qabxii 6 kan qabu baafatnii jiran.

  • Mootummaan wayyaanee hanga hundeen buqqa’utti gahee nurraa eegamu ni baana
  • Maqaa waldaa xixiqqaa fi Interpiraayiziin mootummaan wayyaanee dargaggoota oromoo gowwoomsaa jiru ni mormina
  • moorummaan wayyaanee hihdaa fi ajjeechaa akkasumas saamicha hanga dhaabuu fi bilisummaan mirkanaa’utti qabsoo irraa hin dhaabbannu
  • QBO hanga galaaan gahuttii fi boodas WBO cinaa dhaabbachuun gahee oromummaa ni baana
  • Shamarran Oromoo Oromiyaa keessaa fi bakkeewwan biroo mara ni ijaarra,ni barsiisna
  • Miidhaa mootummaa wayyaanee fi qaama biroon shamarran oromoo irrattii fi daa’imman Oromoo irratti gahaa jiru ni mormina

jedhu baafatanii jiran.Qeerroon Beegiis shamarran kanneenis galateeffatee jira.Shamarran Oromoo hundis walitti dhufuun maadheen akka wal ijaaran qeerroon dhaamsa dabarsa.

Qophii Raadiyoo Simbirtuu Muddee 13,2012

Aside

TVOMT