Muddee 26,012 Mattuu
Godina Iluu abbaa booraa aanaa Cooraa keessatti diddaan uummataa itti
fufe.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti ilmaan Oromoo mana
hidhaatti guuraa kan ture yoommuu tahu yeroo ammaa kanas dargaggoota
hojii dhabdummaan rakkachaa jiran isin miseensa ABOti,Qeerroo nurratti
ijaaraa jirtu jechuun mana hidhaatti guuraa jira.Dargaggoowwan
1.Balaay Fayyeeraa Jimmaa yuunivarsiitii irraa kan eebbifamee fi
2.Siraaj Mohaammed Hawaasaa yuuivarsiitii irraa kan eebbifame
mootummaa wayyaaneen yakkamuun yeroo ammaa mana hidhaa mootummaa
Wayyaaneetti darbatamanii jiru.Wayyaaneen yeroodhaa yerootti ilmaan
Oromoo mana hidhaatti guuruu ni mormina jechuun uummatni walgahii
mootummaa Wayyaanee lagachuun mirga keenya barbaadna jechuun falma
eegalee jira.Wayyaaneen olola sobaa gaggeessuun uummata biyyattii
keessaa humnaan bulchaa kan jiru dargaggootni aanaa Cooraa mormuun
waraqaalee dhaadannoo qalama diimaa magariisa diimaan barreessuun
bakkeewwan hedduutti maxxansanii jiru.Dhaasannooowwan
a) Hidhaan haa dhaabbatu!
B) Garboomfataan ni kufa
c)Wayyaaneen nu hin bulchu
jedhan hedduumminaan maxxanfamuun mootummaa Wayyaanee dargaggootni
balaaleffatanii jiru.




